Jean-Pierre Bemba: ICCn aanga'aa waraanaa' garee finxaaleyyii Koongoo bilisa baase

Jean-Pierre Bemba hidhaan waggaa 18 itti murtaa'ee ture Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Jean-Pierre Bemba hidhaan waggaa 18 itti murtaa'ee ture

Manni Murtii Yakkamtoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICCn) hoogganaa garee finxaaleyyii Dimokiraatik Rippaablika Koongoo akkasumas Pirezidaantii Itta Aanaa biyyattii kan turan Jean-Pierre Bemba bilisaan akka gadi dhiifaman ajaje.

Torbee darbe Abbaan Murtii Mana Murtii Oliyyannoo himatni yakka waraanaa fi sarbamuu mirga namaan walqabatee irratti banamee ture akka haqamuuf murteessee ture. Jean-Pierre Bemban bara 2016 ture yakka kanaan kan himatame.

Bambaan ammallee ragootaaf matta'aa waan kennuusaatiif himatni biraan irratti banamuuf jedha.

Abbootiin seeraa garuu, namni kun gara Beeljiyeem deemee maatiisaa arguu akka qabu murteessaniiru.

Yakka matta'aa ragootaaf kennuu ittiin himatamuuf jedhuuf yoo adabames kan hanga yoonaa hidhame yoo ilaalame dhibbeentaa 80 waan xumuree jiruuf nama kana to'annoo jala oolchuun sirrii miti jedhu abbootiin murtii.

Baambaan bara 2008 ture Beeljiyeemitti ajaja ICC irraa darbeen kan qabame.

Loltoota isaa biyya ollaa Rippaabilika Afriikaa Giddu galeessaa ce'anii uummata akka hin ajjeefneefi yakka dirqiin gudeeduu akka hin raawwanne gochuu waan dadhabeef himannaan irratti baname.

Bara 2016 keessa hidhan waggaa 18 itti murtaa'e.

Yakka gudeeddiitiin ergama waraanaa raawwachuudhaan wayita ICC dhaan himatamu nama jalqabaa ta'eera.