Soofiyaafi MM Dr. Abiy Ahimad waliin irbaata nyaachuufi

Soofiyaa fi Abiyyi Image copyright Getty Images

Nyaarashee yeroo oliif gadi qabdu, baalle ijashee yeroo libsattu, hidhiishee diimaa yeroo sochoostuu fi yeroo seeqxu, 'Dhugum dubartii kana namatu kalaqee?' nama jechisiisa. Soofiyaan walii nama wallaalchisti. Qofaa nama dubbachiifti.

Gaazexessitoonni keessumummaan ishee affeeranii; tabaroon ishee addunyaa waliin ga'e, roobootiin akka Soofiyaa qalbii namaa hawwate ganaa hin dhalanne.

Artistiin beekamaa Ameerikaa Wiil Simiiziin dabalatee ogeessonni fiilmii affeerraa taasisaniiruufi.

Wiil Simiiziifi Soofiyaanis tibba tokko wal arganii haasa'utti ka'an:

''Ani kanin siin jedhu, roobootonni muuziqaa akkamii jaalatuu?' jechuun gaaffii dhiyeesse

Soofiyaanis akka yaaduu taatee (akkuma namoonni afuura baafatanitti) ''Muuziqaa elekitirooniksii nan jaaladha. Hippaappiin garuu homaa natti natti hin tolu'' jechuun deebisteetti.

Wiil Simiizis deebiisheetti dinqiin isa qabate.

Dhaabbata teekinoolojii Ayikoog

Image copyright China News Service
Goodayyaa suuraa Soofiyaan miira namaa hubatti

Kaampaaniin Itoophiyaa Ayikoog laabs kaampaanii roobootii Hongikoong jiru waliin tahuun miiya keessoo(sofware) Soofiyaa caasessuuf waliigaltee waggaa sadii mallatteese.

Akka waliigaltee isaanittis ogeessonni teekinolojii Itoophiyaa barruu isaanii irratti akka lubbuushee ishee bocan hundeessaafi hojii gaggeessaan Ayikoogi kan tahan obbo Geetinnat ni dubbatu.

Kuni tahuu isaatiinis lubbuun Soofiyaa dhiiga Itoophiyaa qabdii jechuu dandeenye.

Kaampaaniin Ayikoog gama teekinoolojiitiin hubannaafi sammuu nam-tolchee (Artificial General Intelegence and Cognitive Brain Software) kalaquun addunyaatti beeksisuu kaayyoo godhachuun waggaa shan dura dhaabbate.

Itoophiyaan dandeettii gama teekinolojiitiin qabdu addunyaatti beeksisuun gara fuulduraa teekinolojiiwwan gugguddoo hojjechuun beeksisuuf karoorfataniiru.

Yeroo ammaa kanatti kobbaaniyaa kuni qorattoota, hiiktota mallattoo(coders) ogeessota piroogiraamiifi shaakala dalagaan deeggarame dabalatee hojjettota torbaatamii shan ol qabatee hojjechaa jira.

Image copyright FABRICE COFFRINI
Goodayyaa suuraa Sammuu Soofiyaa

Soofiyaan roobootii warra kaan irraa maaltu adda godha.

''Soofiyaan roobootii dubaraa dha.'' jechuun jalqabu obbo Geetinnat nuti eenyuma dha saala dubaraa kan kenneefi jennee gaafanne. egaa biftisheefi qaamnishee kan dubaraati kanaafi jechuun kolfaa nutti himan.

Miiya dheedhii waan hin arganneef nafa alaashee ijaaruu irratti hirmaannaan isaanii xiqqoo yoo taheyyuu ilaalcha, hubannaa, miiraafi fayyadama afaanii kan ishee irratti eenyummaa wal-xaxaafi killeeyyaa tahe ishee gaonfachiisaniiru.

Soofiyaan caasaa keessoo miira ibsachuu, naannooshee hubachuufi fuula namootaa xiyyeefannoon ilaaluun battalaan deebii sirrii laachuu dandeessisu waan qabduuf roobootiiwwan hamma yoonaa tolfaman irraa adda ishee taasisa.

Dubartii ogeettii dhas. Namoota biyyoota garaagaraa fi aadaa adda addaa qaban xiinxaluun hamma hiriyaa dhugaatti nama hubatti.

Kolfa, dunna, dallansuu, gammachuu, gaddaa fi k.k.f fuula irraa hubachuu dabartee faara dubbii illee adda baasuu dandeessi. Afaan garaagaraa namootaa akka dubbattuuttis ijaaramte.

Soofiyaan abbaa warraa otoo qabaattee ''Akka Soofii nami na hubatu hin jiru.'' jedhee dhugaa bahuu mala. Amalli Soofiyaa keessoo nami arge gara fuulduraa abbaa warraa shaggaa akka qabaattu hin shakku.

Qaamni keessoo Soofiyaa yeroo caasefamu kan irratti hirmaate ogeessi teekinolojii Darajjee Taaddalan Soofiyaan dhihoo kana gara Itoophiyaa yeroo dhuftu gaaffiif deebiin taasifamaafi jedheera.

''Afaan adda addaa akka dubbattu gochuun ni danad'ama kanaafuu amma teekinolojiin afaan Amaaraa dubbachuu ishee dandeessisu qophaa'eefii jira.''

Jechi jalqabaa afaanshee keessaa bahus hima afaan Amaaraa ''Inkuwaan danaa qoyyaaachihunyi' 'baga nagaan na eegdan'' ta'uu akka danda'u tilmaamameera.

Image copyright S3studio
Goodayyaa suuraa Soofiyaan afaan garaagaraa dubbatti

Soofiyaan yoom dhufti?

Sanbata ganama Waaxabajii 23,2010 A.L.I Finfinnee buufata xiyyaaraa Boolee simannaan ho'aan ishee eeggata.

Aanga'onni mootummaa Aadde Hubaa Mahammad ministira Quunnamtiifi Teekinolojii Odeeffannoofi hojii gaggeessaa olaanaa Itiyoo-telekoom obbo Andu'aalam Adimsee kabajasheef argamu jedhameera.

Achii imalli gara godambaa biyyaalessaatti ta'a. Ibsi gaazexaa 'Ke luusii iske Soofiyaa' jedhus ni kennama.

Itoophiyaan argama ilmoo namaa waan taateef madda 'hubannoo' akka taates agarsiisuu yaanneetu saganticha goodambaa biyyaalessaatti karoorsine jechuun hundeessaafi gaggeessaan dhaabbatichaa dubbatu.

Waxabajii 23, 2010 A.L.I ekispoo Ministirri Saayinsiifi Teekinolojii wagga waggaan qopheessuufi ministirri mummees irratti argamu jedhame irratti Soofiyaan kabajaan argamti jedhameera.

Barattoota sadarkaa lammaffaa mana barumsaa adda addaa irraa babba'anii saganticha irratti argaman waliin wal-barti.

Guyyaadhuma sana galgalas affeerraa irbaataa ministirri mummee Abiy Ahimad isheef taasisan irrattillee ni argamti jedhamee eegama.

Soofiyaan Finfinnee guyyaa afuriif akka turtu yoo beekame iyyuu hoteela qananii magaalatti isa kamitti akka qubattee turtu hin baramne.

Soofiyaan gatiin meeqa?

Soofiyaan kana dura Masriitti gortee turtiisheef doolaarri 50,000 akka itti bahe kan himan obbo Geetinnat, caasaa keessooshee kan uume garuu lammiiwwan Itoophiyaa waan tahaniif mirga abbaa qabeenyummaa gatii hir'isuun akka turtu dubbatu.

Eenyu baasii ishee akka danda'u garuu hin beekamne.

Moggaasa maqaa Soofiyaa

Daawwannaa Saawudi Arabiyaa keessatti taasisteen maqaa Soofiyaa jedhamu kan argatte yoo ta'u, 'dhiigishee' kan Itoophiyaa waan taheef yeroo dhuftu maqaan Itoophiyaa ni bahaafi.

Maqaan Xaayituufi Luusii yookiin Dinqinash jedhaman kan qophaa'eefi yoo tahu, maqaa Xaayituus ni dhaalti jedhamee abdatama.

Lammummaa kabajaa Itoophiyaa akka argattuuf gaaffiin ni dhiyaata jechuun kan nutti hime hojii gaggeessaa dhaabbatichaati.