Ogbarruu Afaan Oromoo: Eebbistoota moo dubbistoota ?

Kitaabilee Afaan Oromoo

Dhaloota Kiristoosiin dura Masriin waraqaa yabbuu Paappiiras jedhamu kalaqxe.

Qareeyyiin naannoo galaana Meditaraaniyaatii hanga mootummaa Kuush Nuubiyaa jiran xalayaa dhuunfaafi mootolee, dosee, naga'ee bittaafi gurgurtaa bulbula cileetti muka qalloo tuqsiisaa barreessuu eegalani.

Kitaabni akka handaqii maramus yerosuma mana warra Fara'oonotaa keessatti barreeffame.

Waggoota dhibba baayyeen booda namichi Jarmanii Guutanbarg maashinii maxxansaa jalqabaa socho'u Awurooppaafi addunyaaf jabaa jedhe. Warraaqsi maxxansaas achumaan jalqabe.

Jaarsa Afrikaa fi mana kitaabaa

Afrikaan tarree warra qarooma barreefamaa jalqabe keessaa haa taatuyyuu malee, saboonnishee baayyeen beekumsaafi ogummaa isaanii afoolaan daddabarsaa har'a gahaniiru. Ammas ittuma jiru.

'Jaarsi Afrikaa tokko gaafa du'e hamma manni kitaabaa gubateeti' jechamni jedhu kanuma ragaa baha.

Manguddoowwan argaa-dhageettii Oromoollee insaayikiloopidiyaa seenaafi aadaan irraa waraabamee hin dhumne jedhamu.

Haa ta'uutii seenaan barreeffamaa Oromoo akka jedhamu as dhihoo miti kan jedhan Ameerikaa, yunivarsiitii Noorwichitti barsiisaa hog-barruu addunyaa kan tahan Dr. Tafarii Niguusee dha.

'Warri Baalee waggaa 800 dura amantii Islaamaa fudhatanii achumaan qara'uu jalqabanii kunis subii hog-barruu Oromoo ta'e,' jedhu barsiisaan kun.

Bara 1682tti Afaan Oromoo Awurooppaatti ija maxxansaa arge. Lammiin Jarmanii Ruudoolf Yugoo jedhamu afaanota Itoophiyaa biroo wajjin kitaaba waan akka galmee jechootaa maxxanse.

Image copyright Getty Images

Masaraafi mana murtii Gondar keessa afaan Oromoo qixumaan barreeffama irra ooluusaa kan barreesse Jeemsi Biruuz Weedduu Solomoon gara Afaan Oromootti geeddare.

Ergasii qorattoonniifi barreessitoonni faranjii baayyee kutaalee Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromoo geeddaraniiru, galmee jechootaa Afaan Ingiliizii gara Afaan Oromootti, Afaan Oromoo immoo garan afaan Ingiliiziitti hiikanii jechuun tarreessu barsiisichi.

Kuni hundi egaa otoo Onasmoosifi Asteer Gannoon kitaaba Afaan Oromoo maxxansaa hin gahiin waan tahe dha. Jechuun seen-duubee ogbarruu Oromoo xiinxalu.

'Koottaa kitaaba eebbisna'

Waggoota dhihootiin asitti katabdoonni qalamni isaanii mirgiseef copha sammuu isaanii akka eebbisnuuf jila beekumsaa qopheessan irratti karaa foddaa sab-himaalee Finfinnee dabalatee magaalaalee Oromiyaatti waamicha nuuf dhiyyeessu.

Namoonni lakkoofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne yaa'ii kana irratti argamuun dhangaa beekumsaa qooddachuu isaaniis arguun baramaa dhufeera.

Garuu mee, kitaabonni torbeetti eebbifaman dubbisaa qabuu? Moo girgijii (shelf) dukkaanaatti awwaarri isaan nyaata laata? Barreessitonni kunneen warra dubbisee katabu moo, katabee warra dubbisu?

Walumaa galatti barteen dubbisuu hawaasa keenyaa akkami? gaaffii jedhu qabannee Hiliif Alamaayahu, shamarree yoo rakkoo addaa qabaatte malee eebba kitaabarraa hin hafneefi warreen dhimma kana itti siiqanii taajjaban komiif qeeqa isaanii gaafanneerra.

Hiliif nama kitaaba eebbisuu dhufe keessaa isa kitaaba hin bitatiin galutu baayyata jetti. Kunis barteen dubbisuu keenyaa hundee gadi akka hin fageeffanne nutti agarsiisa jechuunis ibsiti.

Dr. Tafariin immoo namni keenya baayyeen girgijii (shelf) miiya manaa burcuqqoofaa irra keewwatu malee kan kitaabaa hin qabu jedhan.

Har'aa fi dur

Bara Onesmoosfaa kitaaba Asmaraatti maxxansiisan Wallaggatti erganii kuma kudhan tamsaasanii uummata naannichaas dheebuu beekumsaa baasani kan nuun jedhan doktar Tafariin.

Pireezidantiin Waldaa Barreessitoota Oromoo obbo Yoomiyyuu Mul'ataa immoo ''barteen kitaaba dubbisuu Oromoo yeroodhaa yerootti dabalaa yoo dhufeyyuu, namoonni kitaaba koppii kuma tokko maxxansan gurguruuf waggaa lama caalaa itti fudhata,'' kunimmoo ammas barteen kitaaba dubbisuu hawaasa Oromoo keessa jiru gad-bu'aa ta'uu himu.

''Gaazexaan 'Bariisaa' bara Dargii keessa yeroo hundooftu koppii hanga kuma kudha lamaatu baha ture'' bara ammaa si'a Oromiyaa keessa barataa miliyoona 10 ol jira jedhmutti gaazexaan 1500 ille hin gurguramu jedhu doktar Tafariin.

Maaltu maal taheeti?

Mootii Abbaltiin barreessaa kitaaba walaloo 'Dhaala' jedhamuufi qeeqaafi ilaalcha dhimmoota garaagaraatti qabu miidiyaa hawaasummaa irratti barreessee dhoobuun namoota danuu biratti beekama.

''Kiitaabileen baayyee nuuressa (imaginative) hin qaban. Waan kaleessaafi har'aa himu malee kan egeree hin akeekanii'' jedha.

Seenessawwan barreessitoota baayyee gara tokkootti kan luucca'uufi fedhii dubbisaa guutuuf waan barreefaman fakkaatu jechuunis ibsa.

Hiliif gama isheetiin '' barreessitoonni keenyi wal-jalaa ilaalu tahee hin beeku, waan barreessan wal-fakkaataa dha'' jechuun ibsa mootii jabeessiti.

Afaan Oromoo sirriitti qubeessuu dhabuu, barreefamoota sirna tuqaalee sirnaan hin hordofne, kitaabonni walaloofi asoosama irra ce'anii seenaafi xiinxala siyaasaa jabaa qabatanii barreefaman hin jiraniin komii dubbistoota hedduuti.

Image copyright Getty Images

Gama biraan dhiibbaan siyaasaa waggoota dheeraa Oromoo irra tureefi jiru akka barreessuufi dubbisu jabeessaa hin turree jedhu obbo Yoomiyyuu Mul'ataa.

''Hog-barruun tokko immoo uummatasaa fakkaata'' jechuun barreessaan ba'aa raabsaa fi maxxansaa baachuunsaa qulqullina kitaabotaa irratti dhiibbaa qabas jedhaniiru.

Dhalootni ammma jiru kuni suur-sagalee akka madda odeeffannootti waan fayyadamuuf kitaaba dubbisuufi dubbisee qeequuf fedhii hin agarsiisu jedha Mootiin.

Yeroo keenya dheeraa bilbila irratti miidiyaa hawaasummaa irratti qisaasessina, hanqinni kunimmoo anummarraa jalqabaa jetti Hiliifis.

Falli maali?

Doktar Tafariin sabni hin dubbifne waan baduuf ''Yoo nuti dubbisuu hin jaallanneyyuu ilmaan keenya dubbisuu barsiisuu qabna'' yoo jedhan.

Barreessitoonni keenya qalama isaanii ol kaasanii barreessuun dura dhimma kataban irratti ''addunyaan maalirra jirti?, xiin-sammuu hawaasichaa maal fakkaataa?, animmo waan addaa maal qabadhee dhiyaachuu danda'a?'' gaaffii jedhu of gaafachuu qabu kan jedhu Mootii dha.

Pireezidantiin Waldaa barreessitoota Oromoo Yoomiyyuun immoo mootummaa dabalatee, warri abbaa maallaqaa, miidiyaaleen hog-barruu fi bartee dubbisuu dagaagsuu cina dhaabbachuu qabu jedhu.

Hiliif, ''Nama gara aadaa dubbisuuutti akka dhufu yoo barbaadne kitaaba warra durii 'Hawwii' faa itti kennuun haa jalqabsiisnu jechaa gorsashee arjoomteetti.

Raawwadhe. Horaa bulaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata