Qubsama Koo 37፡ ''Ameerikaan biyya hojiin itti filatamu miti''

Mengiste-ab Gebregiyorgis Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS

Maqaan koo Mangista'ab Gabrakiristoos jedhama. Kanan jiraadhus DC bakka Siilvar Sipingi jedhamuudha. Kanan gara kana dhufees sababii barnootaatiif waggoota afuriin dura ture.

Bakkin ani jiraadhu kunis lafa godaantoota Itoopghiyaa fi Ertiraa dabalatee biyyoota garaa garaa jiraataniidha.

Tibban jalqaba gara kana dhufeetti yeroo cabbii waan tureef natti ulfaate ture. Haala akkanaatiin ammoo konkolaataa malee socho'uun hinyaadamu.

Kana malees namoonni hundi hojii waan olaniif jireenya hawaasummaa biyyatti baramee yaadachuun natti olfaate ture.

Jireenyi Ameerikaa biyya teenyee akka yaadnu miti. Haalliin eegeefi kanan argee adda natti taanaan yeroon gara biyyaatti deebii'uuf itti yaadeelleen ture.

Booda keessa itti baraa adeemeera. Obboleyyan koos asi jiraachunsaanii na gargaaree jira.

''Ameerikaan biyya hojii filattu osoo hintaane kanuma agarte itti hojjatuudha''

Biyya Ameerikaatti hojii yoo hinfillee qofa jiraachuun danda'ama. Kan filtu yoo ta'e biyya akka balfaatti itti gatamtuudhaa.

Biyyattiin kan maallaqni haala salphaan itti argamu miti.

Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS

Biyya kanatti namoonni hojiin itti cimuun daandii irratti bahuun kadhatan baayyeetu argama. Kanaafis sababiin tarii jireenya duraan biyyatti jiraatan asitti dhabuu isaanitti ykn haala jireenya biyya kanaa fudhachu waan dadhabaniif natti fakkaata.

Yeroon biyya jiruuf raadiyoo FM maqaleetti oguummaa gaazexessummaan hojjadha ture. Kana malees muziqaa fi ogummaa taateen hojjadha ture.

Ameerikaati ammoo kennaawwan kunneen fudhatama waan hinqabneef, jireenya foyya'aa jiraachuuf gadi jedhee hojachuun narra jiraata ture. Kana gochuufis jalqabarratti natti ulfaatee akka ture dhoksun natti ulafaata.

Carraan waliin waan gaarii hojachu dandeenyu hinumamna

Ameerikaatti dhimmi biraa cimaan jireenyi hawaasumaa dhibusaati. Namni baayyeen jiruu mataasaatiin kan qabameedha. Ani akka caraa ta'ee dhufee baatii lamatti waldaan Ayyaa jedhamu na simate.

Waldaa sanaanis barattoota waliin baranneefi barsiisoota kiyya biyyaa arguu carraa naaf ta'e. Waldaan kunis lammiilee itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jirannu waggaatti al tokko akka wal agaruuf waltajjii kan qopheessu ta'ulleen qarshii busuu fi waliin bashanannuun caalaa kaayyoo isaa naaf hingalu.

Obbolonni keenya lammileen Ertiraabiyya keessatti ta'ee biyyoota addunyaa biraa keessatti hojiiwwan harkaa hojachaa jiran yoon argu keessa kootti natti dhagahama. Lammiilee Itoophiyaa asitti argamnu akka walii hojannuuf carraan nuuf hinmijoofne.

Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS
Goodayyaa suuraa Piza Boksi bakka itti gurguramu

Wayita ammaa kanatti mana nyaanni piizaa jedhamu itti gurguramuun hojadha.

Dhaabbanni beekamaan ykn firinchaayiz kunis lafan ani jiraadhu DC fi nannoo isaatti dameewwan 80 ol qaba. Pizaan dhaabbanni kun dhiyeesu 'piizaa boonliis' jedhama.

Hojii kanas kanan argadhe, dura waan gadaanaa hojachuun ture. Biyyi Amaarikaa biyya ogummaa baayyee itti barattuu waan ta'eef, gosa piizaa kana dura hojadhee hinbeekne hunda bareera. Dgaabbata kana keessattis hojjattoota 14 waliin hojanna.

Naannoon ani jiraadhu kan jireenyaa fi hojiif ta'u waan ta'eefu, bakkeewwan bashanannaa kan akka qarqara bishaanii DC fi naannoo isheetii bahaniiti argamu. Isa malee lafti bashanannaa Parkilaand jedhu jira. Bakka kanattis xabiiwwan akka kuphaa harkaa fi miilaa fa'i itti xabatamu. Kanaafu yeroo tokko tokkos yoon isa duri bayyatti hiriyyoota koo waliin xabannu sana yaadudhe, gare paarkii ganaa demuunan ofii ko bashananisiisee deebii'a.

Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS
Goodayyaa suuraa Bakka bashannanaa Silver Ispriingi jiru

Gaazexeessummaan Itoophiyaatti walabummaa hin qabu

Yeroo biyya jiruufi oggummaa gaazexessummaa hojachaa tureetti, waan garaa garaa hojachuu barbaadeene ture. Sunis amma baayyee na gargaaree jira. Ogummaan gaazexessummaa fi kanan amma hojachaa jiru walitti dhufeenya qabaachu baatan illeen, garuu hojachuun jiraachu danda'eera.

Ogummaa gaazexessumaatiif jaajala addaan qaba. Itoophiyaa keessatti dhuguma ogummaa keetiin hojachuuf yoo yaaddee haalliwwan si danqan baayyeetu jira. Biyya kanaan walittuu hindhufan.

Haala gaazexessummaan walqabateen kanan hinirraanfaannee tokko isa guyyaa ayyaanaa yoo hundu manaa kabajatu ati istudiyoo oltu sana hin irraanfadhu. Guyyaa tokkoos nyaata ajajannee osoo tamsaasa kallattii galuf muddamnu, mucaan nyaata biirootti nuuf fide nu bira wayituma gahu gufachuun kufee nyaanni gadi name. Isaan booda lammaffaa ajajnee sa'aa tokkoon booda nuuf qaqabe sana hin irraanfadhu.

Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS
Goodayyaa suuraa Kuusaa Piizaatti saanduuqa piizaa

Haarsaa kaayyoof kaffalamu

Ganaa osoon barataa sadarkaa lammaffaa jiruu jaalala dame midiyaatiif qabuun, kilaboota kan akka farra HIV Edisii fi mini midiyaa keessatti nan hirmaadha ture. Yeroon yunivarsitii barataa turees barattootaaf muziiqaan dhiyeessina ture. Osoon sirbaa jirus wallisaan Mikaa'el Mahaari jedhamu tokko waltajjii irratti na arguun sagalee gaarii qabda waan ta'ee maaliif hin siribut jechuun na gaafate? Achiinis wallaloosaa naaf kanne anis sirba 'niiyaatar' jedhu tokko gadhuuse. Guyyaa tokko iyyuu ofii kiyya bira darbee muziqaa ummataaf nan hojadha jedhee yaade hinbeeku ture garuu yaada gaariin itti argadhe ture.

Image copyright MENGSITEAB GEBREGERGS
Goodayyaa suuraa Fiilmii 'my campus stay' jedhamu kana keessatti qooda fudhateera

Kana malees yammuun filmii 'opareeshiin Aksuum' jedhu hojadheetti kaayyo tokko galaam gahuuf gatiinhangamii kanfalamu akka qabu kanan itti baradheedha.

Amma jireenya kiyyaa daandii qabachiifachu irrattan argama. Itti aansee gara biyyaatti deebii'uun dhaabbata beeksisaa saaqee ogummaa gaazexessuummaa fi filmii kanan baayyee jaaladhu sana oggeessota biraa waliin ta'un hojachuun barbaada.

Bakkan amma jiru kanaa osoon akka tasaa Itoophiyaatti deebii'u danda'a ta'e, magaalaan keessatti dhaladhee gudadhee Maqaleetti deebii'uun osoon maatiifi jaalallee tiyya waliin ofi argee baayyee natty tola ture.