Walgahiin Tiraamp fi Putin biyyoota lameeniin fudhatameera

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmer Putin (bitaa) gorsaa tikaa biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Jon Boltan (mirga) osoo Kiremliin, Moskootti harka fuudhani, Waxabajjii 27, 2018 Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Walgahiin kuni marii Pirezidantii Putin fi gorsaa tikaa biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Jon Boltan waligalame

Moskoo fi Waashingitan walgahii yeroo dheeraaf daddarbaa ture xumura itti gochuuf Pirezidant Donaald Tiraamp fi kan Raashiyaa Vilaadmir Putin akka walgahan wali galan.

Gorsaan tika biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Pirezidantii Raashiyaa waliin erga mari'atanii booda kuni kan dhagahame.

Obbo Tiraamp ji'a dhufu walgahuu akka danda'an himaniiru. Bakki mariis tarii magaalaa guddoo Finlaand Helsinkiitti ta'u danda'a jedhaniiru.

Dhimmoota akka waraana Siiriyaa keessaa akkasumas haala Yukreenii ni mari'atu jedhame eegama.

Obbo Tiraamp yeroo xumuraaf pirezidantii Raashiyaa Sadaasa darbe ture kan waliin mari'atan.

Gorsaan tika biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Jon Boltan karaatti Putin waliin mari'achuu dandeenyu mijeessi jedhani Obbo Tiramap Moskootti na ergani jedhan.

Pirezidantiin Raashiyaa Putin illee Obbo Boltan waliin mari'achuu isaaniin biyyoota lamaan gidduu nagaan akka bu'u abdii akka horatan himaniiru.

Biyyoonni lamaanuu walitti dhufeenya qaban foyyessuu barbaadu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata