Godaantota Jarman: Siihofer hojii gadhiisuuf gaafatan

Hoorest Siihofer

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Hoorest Siihofer hoogganaa Baavariyaan Kristiiyaan Sooshaal Yuuniyeeniiti

Ministirri dhimma biyya keessaa Jarmanii marii gamtaa Awrooppaa irratti yaada godaantota dhaabuuf Angelaa Merkil dhiyeessaniin mufachuun aangoo gadhiisuuf gaafatan.

Hoogganaa Qindoomina dhaaba Merkiil CSU kan ta'an Horest Siihofer, dhimma godaantotaa irratti ejjennoo Merkil qabatanitti hedduu akka aaran ibsameera.

Torbee darbe Siihofer, kooluugaltoota Jarman jiran biyyattii keeessaa baasuuf dhaadatanii turan.

Ejjennoon isaanii kunis hegeree dhaaba qindoomina dhabbilee siyaasaa biroo ta'e kana fi Angelaa Merkiil gaaffii keeessa galcheera.

Godaantota gargaaruuf ejjennoo Angelaa Merkil fudhatan dhaabni isaanii Kiriistiyaan Dimookraatiik Yuuuniyeen kan deeggaruu akka ta'e ibsa baaseen beeksiseera.

Siihofer aangoo gadhiisuuf kan gaafatan yaada isaaniif deeggarsa waan hin arganneefi jedhameera.