Walitti bu'iinsi sabaa Itoophiyaa ni yaaddessaa?

Walitti bu'iinsa magaala Asoosaatti uumamee ture Image copyright Chala wakshuma
Goodayyaa suuraa Walitti bu'iinsa magaala Asoosaatti uumamee ture

Walitti bu'iinsi sabummaa irratti xiyyeefate Itoophiyaa naannoolee adda addaa keessatti mudatuun lubbuu namootaa irratti miidhamni gahee kumootaan kan lakkaawamanis qe'eef qabeenyarraa buqqa'aa jiru.

Erga ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufaniis naannoo uummatoota kibbattii, Beenishaangul Gumzitti akkasumas kutaalee biro keessatti mudateera.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi kutaalee biyyattii keessumaa naannolee deeggarsa addaa barbaadan keessatti shira walitti bu'iinsa uumuuf xaxamaa jiru uummatni of eeggannoon hordofuu akka qabu dhaamuu isaanii Faanaan gabaaseera.

Waggaa lamaa as walitti bu'iinsi sabootaa keessuma daangaa nannoo Somaalee fi Oromiyaa, Gujii fi Geediyootti miidhaa guddaa qaqqabsiiseera. Magaalota naannolee keessattis rakkoon kun yaaddoo uumeera.

Qaama mootummaa dhimmi kun kallattiin ilaallatu keessaa tokko mana maree Federeeshinii Itoophiyaati.

''Qorannoo gaggeesineen maddi rakkoolee kanaa gurguddoon sadii akka ta'an adda baafneerra'' jedhu, hogganaan dhimmoota Kominikeeshinii mana maree Federeshinii Itoophiyaa obbo Gabruun.

''Qorannoo gaggeesinerraa madda walitti bu'iinsoota kanaa keessaa tokko hanqina bulchiinsa gaariiti. Hojii dhabdummaanis sababa isa biraati. Inni guddaan garuu sirna federaalizimii irratti hubannoon uummataa gad-aanaa ta'uusaati'' jedhu obbo Gabruun.

Itoophiyaa naannoole jaha keessatti walitti bu'iinsa furuu fi misooma irratti kan hoojjetu dhaabbani miti mootummaa wiirtuu nagaa fi misoomaa jedhamus hanqinni hubannoo uummataa jira yaada jedhu ni qooddata.

Hundeessaa insistituutii qorannoo Imaammataa Afrikaa bahaa fi qorataa saayinsii hawaasaa kan ta'an Dr. Birhaanuu Magarsaaf garuu maddi isaa hanqina hubannoo miti.

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa madda walitti bu'iinsa kanaa keessaa tokko hubannoodha jedhee waan amanuuf rakkoo kana furuuf muuxannoo biyyoota sirna federaalaa hordofanii fi ogeeyyii waliin hojjechaa akka jirus obbo Gabruun himaniiru.

Itoophiyaan seenaa walitti bu'iinsaa mootummaa fi uummataa malee walitti bu'iinsa saba hin qabdu Kan jedhan Dr. Birhaanuun sirni federaalizimii sabummaa bu'uureffate fedha qaamota aangoorra jiranii fayyaduu haala danda'uun hojiirra akka oolu taasifamee ta'u danda'a ykn sirnicha akka mala ittiin aangoorra turanitti fudhataniiru jedhu.

Haata'u malee yaaddoo walitti bu'iinsa sabaa hin qabdu rakkoonis hanqina hubannoo miti jedhu.

Garaa gartummaan sabaa fi sablammoota gidduu jiru wantoota biro akka amantaatiin dhiphateera. Bakka walitti bu'iinsi jirutti namoonni ykn sabummaa irratti xiyyeeffatu ykn Amantaa irratti xiyyeefatu amma amantaan walfakkachuunisaanii walitti bu'iinsa kana bakka afuritti gargagar baasa bakka haalli akkasii jirutti ammo carraan walitti bu'iinsi sabaa uumamuu xiqqaadha'' jedhu.

Walitti bu'iinsa sabaa uumuun ni danda'amas jedhu.

Fayidaa addaa namni tokko saba aangoorra jiru waliin hidhata sabummaa qabuun walitti bu'iinsi dhalatu walitti bu'iinsa sabaa osoo hin taane fayidaa hin malle argachuu waan ta'uuf maddi isaas sabummaa osoo hin taane fayyadamummaa bu'aa diinagdee ta'aa jechuunis yaada isaanii cimsu.

''Sirna hunda hammatu, hunda ija qixaan ilaalufi qabeenya biyyattiirraa fayyadamaa ta'u yoo jiraate biyyattiin yaaddoo walitti bu'iinsa sabaa hin qabdu'' jechuunis yaada furmaataa kahu.

Maddi walitti bu'iinsa sabaa amma biyyattii keessaatti mul'achaa jiruu daldala siyaasaati jedhaniis amanu Dr. Biraanuun.

''Walitti bu'iinsa sabaa uumuuf haalli mijatan hin jiru. Qaama fedhii biraa qabu uummatoota walitti buusuudhaan fedha isaanii guutachuudhaaf qamoleen barbaadan jiraachuun hubatamuu qaba'' Jedhu.

Warra kana hojjechaa jiru qorachuun seeratti dhiyessuun barbaachisaa dha jedhaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata