Dr. Abiyyi hiriirri deeggarsaa akka dhaabatu gaafatan

Dr. Abiyyi Ahimaad Image copyright YONAS TADESSE

Ministirri muummee Dr. Abiyyi hiriira deeggarsaa hojiilee erga aangoo qabatanii hojjetaniif bahamaa jiru akka qabbaneessan lammiilee biyyattii gaafatan.

Miidiyaan biyyattii mootummaa waliin hidhata qabu Faanaa Broodkaasatiing akka gabaasetti, lammiileen Itoophiyaa xiyyeeffannoo isaanii gara hoojii misoomaatti naannesanii namoota walitti bu'iinsa uumuuf socha'an of eeggannoon akka hordofan gaafaniiru.

Hiriirri deeeggarsaa guddaanis dilbata darbe magaalaa Bahirdaariitti nagaahan xumurameera. Ministirri muummee Abiyyi kanaafis uummata Baahirdaarii fi naannoo ishee galateefataniiru.

Waxabajjii 24 hiriirri deeggarsaa magaalaa Finfinneetti qophaayee ture dhukaasa boombii lubbuu namoota lamaa galaafatee fi eenyuun akka raawwate ifatti hin beekmaneen jeeqamuun ni yaadatama.

Ministirri muummee ''namoota tokkummaa Itoophiyaa hin jaalannetu kana raawwate'' jedhaniiru ergaa haleellaa boombii sana booda miidiyaa biyyattiin dabarsaniin.