Dr. Abiy Ahimad: Dirree miidiyaa Itoophiyaa keessatti maaltu jijjiirame?

MM Dr. Abiy Ahimad Image copyright Anadolu Agency
Goodayyaa suuraa Dirree miidiyaa Itoophiyaa keessatti maaltu jijjiirame?

Motummaan Itoophiyaa teeknolojiiwwan cimoo ta'an fayyadamuun dhaabbilee oduu mootummaa qeeqan hedduu ugguraa ture jedhu dhaabbileen mirga namoomaa.

Mormii waggoota sadan darban guutuu biyyattii keessa tureen wal-qabatee dhaabbileen oduu 16 biyya keessatti akka hin dawwatamne ugguramuu isaanii dhaabbanni mirga namoomaa 'Amnastii Intarnaashinaal' jedhamu beeksisee ture.

Motummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan kanaaf qaamoolee mirga namoomaafi walabummaa miidiyaaf falman biratti haalaan qeeqamaa ture.

Ta'us dhiyeenya murtee 'seenaa kana jijjiruu' danda'a jedhame murteesseera.

Himati shororkeessummaa OMN fi ESAT akkasumas direekatara OMN Obbo Jawar Mohaammad irraa adda cituun tarkaanfilee jajjaboo walabummaa miidiyaa jajjabeessuuf fudhataman keessaa tokko.

Miidiyaaleen kunneen Finfinneetti waajjira akka banatan waamichi ministira muummee Dr. Abiy Ahimadiin tasifame hordofuun OMN Finfinneetti damee banachuun isaas jijjiirama gama walabummaa miidiyaan argame.

Gaazexeessitooti hidhaafi dararaa baqatanii biyya bahanis biyyatti deebi'aa jiru.

Dhiibbaa siyaasaa miidiyaa irra turee kaasuufi miidiyaaleen biyya alaa turan gara biyyaatti akka deebi'an fedhiin mootummaan agarsiise jijjiiramni dhufaa jira jechuu kan nama dandeesisudha jedhu ogeessi miidiyaa Dr. Biraanuu Dirbabaa Olaanaa.

Rakkoon miidiyaa Itoophiyaa rog-lameedha jedhu Dr. Biraanuun.

"Gama tokkoon dhiibbaa siyaasaatu irra jira, gama kaaniin ammoo gaazexeessaanumti ogummaa irratti hundaa'ee hojjechuu irratti rakkoo guddaatu jira," jedhu.

Marsariitiiwwan uggura jalaa bahan

Marsariitiiwwan 260 ol biyya keessatti akka hin ilaalamne ugguramanii turan uggura jalaa akka bahan ta'eera jechuun Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Mummee Obbo Fitsum Araggaa torbee muraasa dura beeksisanii turan.

Murteen kun kan murtaa'eef mirgi walabummaa miidiyaa bu'uura mirgoota kanneen birooti jedhee mootummaan waan amanuufi jedhan Obbo Fitsum.

Marsariitiiwwan uggura jalaa bahan keessaa tokko kan ta'e Kichuu.com, erga jalqaba bara 2016 hojii eegalee yeroo gara garaatti mootummaan ugguramaa ture.

Marsariiticha kan tolcheefi hiriyaa isaa tokko waliin irratti dalagaa kan jiru Obbo Fiqaaduu Magarsaa, marsariitiin bara 2009 irraa eegalee irratti dalagaa turan Ayyaantuu.org irra deddeebiin ugguramaa waan tureef akka filannootti kana eegaluu BBC'tti himaniiru.

"Waa'een Oromoo akka dhagaahamu fedhii qabnurraa kaanee ture kan eegalle, irra deddeebiin ugguramaa waan turreef hanga yaadne fuulduratti deemuu hin dandeenye," jedhu Obbo Fiqaaduun.

Waggoota muraasaa dura marsariitii dhimmoota siyaasaa, bashanannaa fi hawaasummaa irratti xiyyeefatu 'Ze-Habesha' jedhu kan eegaleefi baqaan biyya Ameerikaa kan jiraatu gaazexeessaa Henook Alamaayehu Dagafaa kanneen marsariitiin jalaa ugguraman keessaa tokko.

"Namoota gabaasa dhaabbilee oduu motummaa nuffaniif madda odeeffannoo akka ta'u yaadame ture kan hundaa'e. Osoo baay'ee hin turiin garuu marsariitiichi Itoophiyaa keessatti akka hin dubbifamneef ugguramuu isaa hubanne," jedha Heenook.

''Kan nurra gaheerra kan uummata Itoophiyaa irra gaheetu caala,'' kan jedhu Heenook dubbiftoonni malawwan adda addaatti fayyadamuun dubbisuuf wayita yaalanitti baasii fi qisaasama yeroof saaxilamaa turuu dubbata.

Mootummaan marsariitiiwwan dubbiftoota ykn dawwattoota biyya keessaatiin akka hin argamne ugguruu isaa amanuun waan gaariidha kan jettu biloogariifi mormituun mirga namoomaa Soliyaanaa Shimallis, tarkaanfiiwwan ammaa kun bu'aa cimaa qabaatu dubbatti.

"Uummati midiyaalee mata duree tokkicha kallattiiwwan adda addaatiin xiinxalan dhorkaa tokko malee argachuun, carraa yaada isaaf ta'u filachu akka argatu taasisa," jetti.

Marsariitiiwwan kanneen uggura jalaa baasuun alatti aanga'oonni motummaa aadaa miidiyaaleef odeeffannoo kennuu fooyyeffachuu qabu jedha Obbo Heenook Alamayehu.

''Aanga'oonni motummaa karra saanii yoo nuuf banan nutis gabaasa keenya madaalawaa taasisuuf yaalla. Sababiin hanga ammaatti madaalawaa miti jedhamuun itti komatamnuuf, mootummaan kutannoon miidiyaaleef odeeffannoo kennu dhabusaatiini,'' jedha.

Maaltu hafe?

Jijjiiramni amma mul'ataa jiru jajjabeessaadha kan jedhu Obbo Fiqaaduun, haalli mijannaan ogeessota dabalatanii babal'isanii hojjechuuf fedha akka qaban dubbata.

Ta'us garuu jijjiiramni amma mul'atu kan amananii irratti of gatan miti jedha.

Wantoota jijjiiramuu malan keessaa tokko caaseffama miidiyaati jedhu Dr. Biraanuun.

"Miidiyaalee uummataa kan jedhaman namoonni bulchan warra dhaaba siyaasaa keessatti qooda guddaa qaban waan ta'aniif loogiitu mul'ata," jedhu.

Gaazexeessitoonnis ogummaan hojjechuu caalaa gara 'Activism'tti haala xiyyeeffatantu jira, "kun fooyya'uu qaba," jedhu.

Dhaabbilee idil addunyaa bilisummaan miidiyaafi sadarkaan nageenya gaazexeessitootaa Itoophiyaa laafaa ta'usaa saaxilaa turan keeessaa tokko 'CPJ' dha.

Dhaabbatichi tarkaanfiiwwan dhihenya kana Minisitirri Muummee Abiy Ahimad fudhataa jiran akka gaariitti simachuu BBC'tti himeera.

Itti gaafatamtuun damee Afriikaa dhaabbatichaa Anjeelaa Kuwiintaal, tarkaanfiiwwan kanaan alattiis kanneen mootummaan raawwachu qaba jedhan eeraniiru.

"Seerrii farra shororkessummaa bara 2009 bahe, miidiyaa ukkaamsuuf hojiirra olfamaa tureera, seerri kun akka fooyya'uuf kana dura xalayaan beeksiifneerra," jedhu.

Haaluma wal fakkaatuun, keeyyatoonni seera yakkaa biyyattii maqa balleessuu ilaallatan gaazexeessitoota miidhuuf hojiirra olfamaa turan, ifatti haqamu qabaatus,'' jedhaniiru Anjeelaan.

Heerri mootummaa Itoophiyaa walabummaa miidiyaafi mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu irratti rakkoo hin qabu kan jedhan Dr. Biraanuun raawwii irratti seera biroodkaastii jedhamee kan kaa'ameen wal qabatee rakkoo guddaatu jira jedhu.

"Mirga odeeffannoo argachuun wal qabatee wanti seera sana keessa jiru sochii gaazexeessitootaafi sochii miidiyaatiif danqaadha," jedhu.

Miidiyaaleen biyyattii hundi mirga odeeffannoo argachuu wal-qixa dhabuunis rakkoo xiyyeeffannaan kennamuufi qabudha jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata