Dr. Abiy Ahimad: Hayyu duree ABO Obbo Daawud Ibsaa waliin mari'tan

Hayyuu duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa Image copyright ONN
Goodayyaa suuraa Hayyuu duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa

Hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaa jila isaanii qabachuun ministira muummee Dr. Abiy Ahimad waliin Eertiraatti mari'ataniiru.

Gareen lamaan wal arguun dhimmota gurguddoo irratti mari'achuun wal hubannoo gaariirra gahameera jechuun dubbii himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa BBC'tti himan.

Fuula duratti haala akkamiin waliin hojjechuun danda'ama kan jedhu irratti mari'atameera.

Gareen lameen jilasaanii qopheessuun biyya biraatti waliin mari'achuuf walii galaniiru.

Yoomii fi eessatti marichi gaggeefama kan jedhuuf, obbo Toleeraan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuuf bellamni qabameera jechuun alatti waan dabalataa hin himne.

Akka jaarmiyaa tokkootti qabsoo Oromoo keessatti haala akkamiin waliin hojjenna kan jedhu irratti mari'atameera.

Jilli ABO fi mootummaa yommuu wal argan dhimmoota hunda irratti kan mari'atan ta'a jedhaniiru.

Kamisa darbe ministirri muummee osoo gara Asmaraatti hin qajeeliin manni maree Itoophiyaa ABO dabalatee gareewwan akka Ginbot 7 fi ABBO galmee shororkeessummaa jalaa baaseera.

Dabalataan gaggeessitoota olaanoo ABO duraanii kan akka koloneel Ababaa Garasuu fi hundeessitoota DH.D.U.O keessaa tokko kan turan Obbo Yoonaataan Dhibbisaa biyya Masirii irraa gara biyyatti deebi'uunsaanii ni yaadatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata