Guyyoota 100: Araarri Itoophiyaa fi Eertiraa qooda nageenya Baha Afriikaaf qabu

Abiy Ahimad fi Isaayyaas Afaworqii Image copyright Yemane G. Meskel

Mootummaan toophiyaa waggoota 20'f wal qoccolloo Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture goolabsiisuu kan danda'u walii galtee Aljeersi guutummaatti hojiirra oolchuuf qophii ta'uusaa erga beeksisee guyyaa 18 booda mootummaan Eertiraa ergaa kana simate.

Pirezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii affeerraa irbaataa Jila Ministira Muummee Dr. Abiyyiin durfamee garas imaleef taasisanirratti waggoota 25 darban keessatti carraawwan nageenya mirkaneessuuf turan sababii rincicuu biyyoota lameeniitiin bu'aa qabatamaa tokko malee hafuusaa dubbataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gamasaaniitiin ''Fedhii ummattoota keenyaa akka bakkaan hin geenyeef wantoota gufuu ta'anii gidduu keenya turan, waggoota 20 darbaniif kisaaraa guddaa kan nurraan ga'an jedhan.

"Walqoccolloo waraanaa goolabnee, boqonnaa haaraan eegalle akka milkaa'u shakkii tokkollee hin qabu,'' jedhaniiru.

Hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa ALI bara 1998 irraa eegalee addaan cite.

Yeroo dhiyoo as garuu fedhii biyyoonni lameen nageenya buusuuf agarsiisaa jiran, biyyoota lameeniif darbees ammoo naannawa sanaaf ulaa nageenyaafi misoomaa akka saaqu baayyonni irratti waliif galu.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyis nageenyi biyyoota lameen gidduutti buunaan tasgabbiifi misooma naannawa sanaaf murteessaa ta'uu ibsanii dhaloota ammaa kanaaf 'sababa waldhabdee'' dhaan gufuun uumamu jiraachuu akka hin qabne dubbataniiru.

Image copyright Fitsum Arega
Goodayyaa suuraa Araarri Itoophiyaa fi Eertiraa nageenya Baha Afriikaaf qooda murteessaa qaba

Waraana hariiroowwan bu'uuraa laamshesse

Waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture kan hin yaadamnee fi lubbuu namaa qaqqaalii fi diinagdee guddoo akka miidhe, Yuunivarsitii Kuwiins biyya Kaanadaatti barsiisaa seenaa kan ta'an lammiin Eertiraa Dr. Aawat Taweldebirhaan ni dubbatu.

Lolli uumame lammiilee biyyoota lameenii keessattuu kanneen daangaatti siiqanii jiraataniif kisaaraa guddaa ture jedhu.

Erga waraanni dhaabbatee kaasee hanga ammaatti waraanichi tarsimoo jijjiirratee waraana lubbuu hin galaafanne malee hariiroowwan hawaasummaa fi diinagdee biyyoota lamaanii daranuu laamshesseera'' jechuun laalaa waraanichaa ibsu.

Tarsimoon dadhabsiisuu Itoophiyaan Eertiraarratti geggeessaa turtee fi kanaanis Eertiraan hirmaannaa qaxanaa kanaarraa fagaattee addunyaa siyaasaa qofaashee kan biraa keessa seenuunshee haalli siyaasaa Baha Afriikaa keessa jiru akka tasgabbii dhabu taasiseera jedhu barsiisaan kun.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Itiyoophiyaaf Eertiraa gidduu maaltu yoom ta'e?

Bahi Afriikaa Itoophiyaa fi Eertiraa qofaaf osoo hin taane biyyoota addunyaa hedduufillee bakka tarsimooftuudha.

Naannoon kun erga gochi shororkaa 9/11 jedhamee beekamu Ameerikaatti raawwatee as shorokeessummaa qolachuuf iddoo xiyyeeffannaa ta'an keessaa turte.

Waldhabdeen biyyoota lameenii Somaaliyaan mandhee shorokeessitootaa akka taatu haala mijeesseera jedhu Dr. Aawat.

Tarsiimoo dadhabsiisuu mootummaan Itoophiyaa irratti geggeessaa ture mala malteedhaan ofirraa qolachuuf hojii Eertiraan hojjechaa turte teessoo waraanaa biyyoota Arabaa akka taatu ishee godheera jedhan.

Amma ulaan nageenyaa biyyoonni lameen banan waraanaa fi qoccolloo waggoota 20 darabaniin hariiroo laamsha'ee ture suphuurrayyuu darbee akkuma Baha Afriikaattuu jijjiirama guddaa akka fidu abdatama jedhu.

Akka Dr. Aawat jedhanitti biyyoonni lameen yoo jaalalaa fi nageenyaan walii galan diinagdee qindaa'aa biyyoota Afriikaa bahaaf abdii ta'e uumuu ni dnada'u.

Biyyoonni lameen Baha Afriikaa keessatti dandeettii jabaa akka qaban, ollaasaanii Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaafillee nageenya mirkaneessuuf abdiin irratti gatameera jedhu Dr. Aawat.

Kanarra darbees, ji'oota sadan darban keessatti jijjiiramoonni abdachiisoon Itoophiyaa keessatti mul'atan mootummaan Eertiraa jijjiirama siyaasaa akka fiduuf kallattiinis ta'e alkallattiin dhiibbaa uumuusaa dubbatu.

Biyyoonni lameenuu gaaffilee dhiibbaa mirga namoomaa fi siyaasaatiin walqabatanii irratti ka'aa turaniif deebii kennuuf akka hojjetan abdii qabanis himaniiru.

Hudhaawwan abdii fakkaatan

Akka Dr. Aawat jedhanitti mootummaan Itoophiyaa walii galtee Aljeersi guutummmaatti hojiirra oolchuuf murteessuunsaa gaarii ta'ullee gaaffilee eenyummaa fi xiinsammuu warra qaban lammiilee daangaarraa jiran dursanii mariisisuu gaaffiin jedhu waan usamee bira darbamuu miti.

''Ta'us garuu ummanni kan mariif taa'u takkaahuu waamamu amma miti'' jedhu.

Akka ibsa barsiisaa kanaatti utuu ummata hin mariisisiin murteerra ga'uun komii kaaseera.

''Haata'u malee durumaanuu utuu uummata mariisisaniiru ta'ee waraanni hin ka'u ture,'' jechuun mootummaan tokko walii galtee idila addunyaawaa yoo mallatteesse hojiirra oolchuuf dirqama akka qabus dubbataniiru.

Dr. Aawat waa'ee gara fuulduraarratti wayita yaada kennan ''egereen hariiroo keenyaa daangaa namtolcheedhaan gufachuu hin qabu. Bulchiinsa keessoo keenyaa furuudhaan hariiroo keenya bu'uura gaariirra dhaabuu dandeeya'' jedhan.

"Daandiin nageenyaa mootummoonni lameen eegalan tasgabbii fi obsa barbaada," jedhu.

Image copyright Yemane G. Meskel

Biyyoonni lameeen jalqabarratti rakkoo bulchiinsaa keessoo isaanii furuu akka qaban eeraniiru.

Dabalataanis mootummoonni lameen walitti bu'iinsa daangaarratti mul'atu furuuf fiffiiguun dura mootummaan Eertiraa akkaataa fedhii ummataa hin daangessineen deebii kennuu qaba jedhan.

Barsiisaan kun gama Eertiraatiin haalduree waan ta'uu qabu yoo eeran ''Mootummaan nageenya waraana yeroo dheeraatiin laamsha'e deebisee cimsuuf ijaarsaawwan keessoo isaa cimsuu qaba'' jedhan.

Haaldureewwan yoo hin guutaman ta'e Itoophiyaa fi Eertiraan yeroof walii galanillee nageenyi waaraa shakkii keessa waan galuuf dhaabatanii itti yaadutu nama baasa jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata