Waancaa Addunyaa 2018: Miseensoti paarlaamaa bajata mootummaan Raashiyaatti imalan komataman

Image copyright Millicent Omanga
Goodayyaa suuraa Millicent Omanga ta qaama-seera-tumaa tapha Kiroeshia fi Inglizi Rashiati daawwate

Imali Minseensootta parlama Keeniyaa 20, biyya Raashia daawwana wancaa addunyaa baayyee lammii Keeniyaa aarsee.

Keeniyaan liqii guddoo qabdu akkamin horii daawwana kubbaa miilaa addunyaatifi baase jette, lamiileen miidiyaa hawasummaa gubbaati barreessite.

Jari kun ka kaffalaa-gibiraatin imale, torban lama daawwana tapha kubbaa miilaa ka Raashiaati taphachuut jiran ya'e.

MInistiiran tapha Rashid Echesa, taate guddoo qopheesa barachuuf ,deemma nama 6 angeessee jedhe BBCtti hime.

Keeniyaan takka akkaakuu filatamummaa wancaa addunyaa hin argan, ammantana biyya 206 keessa sadarkaa 112 jirti akka to'achaa kubbaa addunyaa FIFA.

Amma lamiileen biyya tana ta giddu-gali jireena nama doolaarii 150 ji'ati , imali sun gatamaa kaffalaa-gibiraatii jedhani kara miidiyaa hawassuma aaritii warra himan.

Nami tokko ka BBC dubate, Minseensootta parlama Keeniyaa imala sadrakaa tokkoffatin ya'ani jedh.

MIseensootti Keeniyaa warra kaffalaa guddaa addunyaa keessa argatuu addunyaa keessa jiran.

Yoo imala deemani guyyaatti dirgo doolaarii kuma tokko argatan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata