Imalli fi xumurri Waancaa Addunyaa Faransaayii fi Kirooshiyaa maal fakkaata?

Xumurri Waancaa Adunyaa istaadiyeemii Luuzhiniikii kanarratti gaggeefama
Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa bara 2018 Dilbata dhufu taphatamuuf yeroo sadiif xumuraaf kan geesse Faransaayii fi yeroo jalqabaaf waancaaf kan dhaqqabde kirooshiyaan wal morkatu.
Tapha waancaa istaadiyeemii Luuzhiniikiitti gaggeefamuuf dhaqqabuuf imalli garee lameenii maal fakkAata?
Faransaay
Taphni jalqaba Awustiraaliyaa waliin gaggeeffame baay'ee ulfaataa ture jechuun ni danda'ama. Waancaa addunyaa Raashiyaatti gaggefamaa jirurratti Faransaay galchii jalqabaasaanii kan lakkoofsisan yeroo jalqabaaf rukuttaa peenalitii viidiyoon deeggaramee argataniinidha. Taphichi injifannoo Faransaay 2- 1 'n xumurame.
Tapha lammaffaa Peeruu waliin kan gaggeesan yoo tahu gahumsa guddaarratti kan argamu dargaggoon umurii 19 Kiliyaan Baappeen galchii Waancaa Adunyaasaa jalqabaa lakkofsiseen Faransaay injifatte.
Ramaddiishee keessaa darbu kan mirkaneeffatte Faransaay tapha xumuraa ramaddiishee Denmaarki waliin taphachuun galchii malee xumurte. Ramaddii sana irraas galchii sadii lakkofsiftee takka itti galuun 1ffaa tahuun xumurte.
Gara garee 16'tti erga makamtee booda faransaay garee abbaa mo'ataa badhaasa Balondoorii yeroo shanii Liyonel Mesii qabate garee Arjantiinaa waliin wal argite. Tapha waancaa Addunyaa Raashiyaa hawwataa tahe keessaa tokko kan ture dorgommichi ol'aantummaa Faransaay 4 fi 3'n xumurame.
Erga galchii 2fi 1'n durfamanii duubaa ka'uun kan mo'atan yoo tahu Mibaappeen galchiiwwan lama lakkofsiseera.
Madda suuraa, Getty Images
Erga bara 1998 as Faransaay yeroo jalqabaaf xumura waancaa Addunyaaf geesse
Tapha tokkollee osoo hin mo'amiin gareen Faransaay gara ramaddii biyyoota saddeetii ykn hirboo maayii/nuusa xumuraatti kan darbite biyya Ameerikaa Kibbaa biraa, Uraagaay, 2fi 0'n mo'achuun ture. Taphni kun Faransaay'f qormaata guddaa taha jedhamus dargaggoota gahumsa guddaa qabaniin haala salphaan mo'achuun ture kan darban.
Falmiin waancaaf darbuuf taasisan garuu salphaa hin turre. Galchii hedduu lakkoofsisuun kan darbite Beeljiyeem waliin erga morkii olaanaa taasisanii galchii taphataan sarara ittisaa Baarseloonaa Saamu'eel Umtiitiin lakkoofsiseen ture waggoota 20 booda darbuushee kan mirkaneeffatte.
Tapha kana gareen Didiyer Diishoo ittisa cimaa taasisuun ture kan mo'achuu danda'e.
Kirooshiyaa
Waancaa Addunyaa Raashiyaa 21ffaa kana injifannoon kan jalqabde Kirooshiyaan tapha jalqabaashee Naayijeeriyaa 2 fi 0'n mo'achuun ture kan jalqabde. Taphoota jaha taasiftees hundasaa mo'atteetti.
Tapha lammaffaa irratti Arjentiinaa 3 fi 0'n osoo hin eegamiin mo'achuun ture ramaddiishee keessaa dursitee darbuu kan mirkaneeffatte.
Taphni xumuraa marsaa jalqabaa taasifte ammoo biyya yeroo jalqabaaf waancaa adunyaarratti hirmaatte Ayislaandi waliin yoo tahu, galchii Maariyoo Maanzuukich daqiiqaa xumuraarratti lakkoofsiseen 2 fi 1'n injifachuun xumurte.
Kirooshiyaan erga gara 16'tti makamtee gara Nuusa xumuraatti darbuuf Denmaarki waliin ramadamtee galchii tokko tokkoon erga xumuranii booda yeroon dabalamees homaa galchii lakkofsisuu hin dandeenye.
Taphicharratti karra eegaan Kirooshiyaa Daani'eel Suubisich gahumsa guddaa agarsiisuun rukuttaa peenaalitii sadii galchiirraa oolchuun Kirooshiyaan 3 fi 2'n mo'achuun marsaa itti aanuuf darbite.
Madda suuraa, AFP/GETTY IMAGES
Taphatootni Kirooshiyaa xumura waancaa adunyaaf Raashiyaaf darbaniiru
Marsaa itti aanu keessattis Ispeeniin mo'achuun qopheessituu waancichaa Raashiyaa waliin wal argan. Taphichis lama qixaan erga xumuramee booda sa'aatii dabalataan wal mo'achuu waan hin dandeenyeef rukuttaa peenaalitiidhaan 4 fi 3 'n mo'attee gara walakkaa xumuraatti darbite.
Roobii galgalas Ingiliiz waliin falmii cimaa gaggeessuun daqiiqaan 90 qixa tokkoo fi tokkoon xumurame. Daqiiqaa dabalataa irratti galchii Maariyoo Maanzukich lakkoofsiseen Ingiliziin mo'achuun waancaaf darbite.
Gareen Kirooshiyaa taphatoota sarara gidduu ciccimoo akka Lukaa Moodirich qabachuun Dilbata dhuftu shaampiyoonaa waancaa adunyaa 1998 kan taate Faransaay waliin morkachuuf qophiitti jirti.
Kirooshiyaan garuu yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaa xumuraa taphachuuf jetti.