Itiyoo-Eertiraa: Jijjiiramoota shanan lammiileen Ertiraa arguu fedhan

Magaalaa Asmaraa Image copyright Getty Images

Waraana Itiyoophiyaa fi Eertiraa gidduutti taasifame pireezidaantiin biyyattii Isaayyaas Afawarqii akka sababaatti fayyadamuun, mirgoonni dhala namaa akka hin kabajamneefi rifoormiiwwan siyaasaas akka hin dhufne itti fayyadameera; yaada kanaanis xiinxaltoonni siyaasaa hedduun itti waliigalu.

Biyyattiinis labsii yeroo muddamaa ifatti hin labsamne jala waggoota kurnan lamaaf turteetti.

Haatahu malee wantoonni waan jijjiiramuuf jiran fakkaatu.

Danqaalee hegeree Itoophiyaa fi Eertiraa dura jiran

ALA Adooleessa 8, 2018 Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Asmaraa daawwachuun seenaa haaraa hojjetan.

Biyyoota ollaa lameen kana jidduutti waliigalteen dippiloomaasii fi diinagdee haaressuu mallattaa'e.

Adooleessa 14 ammoo Pireezidantiin Ertiraa, Itoophiyaa daawwachuun oolmaa deebisan.

Jijjiiramoota hawwatoo siyaasaa mullataa jira kanaan, Eertiraanonni jijjiramni biyyoota walhaadha turan gidduutti mullate kun jijjiirame keessoo Eertiraa fidinnaa jechuun gaafatu.

Pirezidantin Eertiraa Itoophiyaa daawwachuufi

Dhimmoota shanan armaan gadii kanneenirratti rogeeyyiin jijjiirama fedhu:

Heera Mootummaa

Erga walabummaatii yeroo gababaan booda, Eertiraan Komishinii Heera Mootummaa bara 1994 akka wixinee heera mootummaa qopheessaniif hudeessitee turte.

Heerri Mootummaa sun Yaa'i Biyaalessaan bara 1997 ragga'e. Bara 1998 waraanni daangaarratti jalqabee adeemsi heera mootummaa rarra'ee hafe osoo hin haareffamiin jira.

Waliigaltee Aljersi bara 2000 taasifameen booda, ministiroonni mootummaa, generaalonni loltuufi aanga'oonni bebbeekamoo hojiirra oolmaa heerichaa gaafataa turan. Haata'u malee, mootummaan gaaffileen aanga'oota kanaa jalaa diduun isaan keessaa 11 hidhamanii hanga ar'aallee eessa buuteen isaanii hin beekamu.

Biyyattiin ammallee heera mootummaa hin qabdu. Hojiidhaan, akkaataan dirqamaafi itti gaafatamummaa bulchaa biyyattii Isaayyaas Afawarqii ittiin hordofan hin jiru. Isaayyaas waggoota 25 aangoorra jiru.

Filannoon hin jiru, aangoo pirezedaantichaas daangaan hin kaa'amneef.

Heera 'Quwam' jedhamu kana hojiirra oolchuun namoota ce'umsa dimokiraatawaa ta'e fedhaniif waan angafaadha.

Yeroo heerri mootummaa kun hojiirra oolu, Eertiraan dimokiraasii heeraan deggerame kan sirnni siyaasaa poaartilee hedduun keessatti qooda fudhatan qabachuun filannoo bilisa ta'e qabaachuu dandeessi.

Walabummaa miidiyaa

Bara 2001 Fulbaana keessa mootummaan Ertiraa gaazexoota dhuunfaa huda cufsiisuudhaan gaaffiin ce'umsa dimokiraatawaa akka hin jiraanneefi heeraan buluu bakkarraa dhabamsiisan. Akka Koree Eegumsa Gaazexeessitootaatti, walabummaa pireesii ukkaamsuu kanaan walqabatee yoo xiqqaate namoonni 10 hidhamaniiru.

Setit, Zemen, Kesete-Debena, Tsigenay, Meqaleh, akkasumas Admas gaazexoota cufaman geessatti argamu.

Miidiyaan biyya Ertiraa keessatti ar'a hojiirra jiru kan mootumaa qofaadha. Dhaabbataoduu mootummaa: TV- Ere; Raadiyoo Dimtshii Hafaashiifi gaazexoota Tigirinyaa, Arabaa, Ingiliffaafi Tigireen maxxanfaman afur qofadha.

Akka gabaasa hedduu dhaabbata mirga namoomaatti, Ertiraan walabummaa midiyaadhaan Afirkaa keessaa baayyisee ishee badduu taatedha. Baayyeen isaanii Kooriyaa Kaabaa Afirikaa jedhu. Namoonni hedduu kunis akka dhaabatu barbaadu.

Walabummaa amantaa

Mootummaan Ertiraa amantoota afur qofaaf beekamtii kenna. Namoonni amantaa hin galmaa'iin Kiristaana Ortodoksii, Islaama Sunnii, Bataskaana Kaatolikii Roomaafi Bataskaana Luteraanii Warra Wangeelaa Ertiraa irraa kana hafan akka seeraan alattii waan ilaalamaniif yeroo baayyee hacuuccaatiif saaxilamoodha.

Akka gabaasa Komishinii US Walabummaa Amantaa Addunyaarratti, lammiileen Ertiraa sababa amantaa isaaniiitiin hidhamaniiru.

Hacuuccaan warra Jehoovaa Witinesiirra ga'u kan jalqabu akkuma biyyattiin walabummaa ishee labsatteen yeroo isaan rifereendamii Ertiraan walabummaaf taasiftuuf sagalee kennuu diduu isaaniirraan jalqabe.

Warreen Ertiraa Jehoovaa Witinesii ta'an sababii hojii 'biyya lafaa' irratti dhimmi siyaasaa keessattuu tajaajila biyyaarratti hin hirmaannu jedhaniif lammummaa, waraqaa eenyummaafi eyyama hojii dhowwataman.

Ertiraanonni biyyi isaanii kan lammileen biyyattii bilisaan mirga amantaa isaaniitti fayyadaman arguu hawwu.

Imala araaraa Itoophiyaa fi Eertiraa wanti gufachiisuu danda'u maali?

Xumura tajaajila biyyaalessaa dhuma hih qabne

Bara 1995 kan jalqabame, tajaajila biyyaalessaa keessatti qooda fudhachuun Ertiraanota hundaaf dirqamadha.

Jalqabarratti, lammileen hundinuu leenjii loltummaa dabalatee tajaajila biyyaalessaa ji'oota 18 kennuu qabu. Haa ta'u malee, yeroo tajaajila kana itti kennan bara 2002 irraa eegalee yeroo dhuma hin qabneef ta'eera.

Dargagoonni Ertiraa tajaajila biyaalessaa kan jalqaban yeroo kutaa 11ffaa xumuran yommuu ta'u kutaa 12ffaa yeroo ga'an ammoo leenjii loltummaa fudhachuuf gara Sawaa deemu. Kunis guyyaa xumuraa irratti walii galame hin qabu. Yeroo dheeraadhaaf, waggoota hedduuf itti fufe.

Seeraafi naamuusa loltummaa jalatti waan bulaniif sochiin isaanii dhowwamaadha.

Tajaajilli biyyaalessaa kan yeroo jalqabaa dhaadannoofi kabaja Ertiraanotaa kan ture, amma sababoota dargaggoonni Ertiraa biyyaa dhiisanii baqatan ta'eera.

Namoota siyaasaaf hidhan hiikuufi araara

Rogeeeyyiin Ertiraa Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa keessa jiran akka jedhanitti, haaromsi namoota siyaasaaf hidhaman hiikuurraa jalqaba. Hunda caalaa, tarkaanfiin akkasii kun gara araaraatti geessa.

Waa'ee G-15, dhaaba siyaasaa baayyee beekamaa ta'ee, qabamanii hidhamuu waan baayyeetu dubbatama. Namoonni kumaan lakkaa'aman mootummaa Ertiraatiin hidhamanii seerattillee hin dhiyaatiin jiru.

Haalli mana hidhaa biyyattii keessaa sadarkaa addunyaatti baayyee hamaa akka ta'e gabaafama. Namoota siyaasaan hidhaman hiikuun haaromsa siyaasaa Ertiraa keessatti gaggeeffamuuf dhimma murteessaadha.

Odeessa kana irratti dabalata