Itiyoo-Ertiraa: Danqaalee hegeree Itoophiyaa fi Eertiraa dura jiran

MM Dr Abiy fi Preezidant Isaayyaas Image copyright Getty Images

Itoophiyaa fi Eritiraan xumura masaanummaa kabajuuf waliin shubbisuufi sirbuu eegalaniiru. Hooggantootni biyyoota lameenii kallattiin wal arganii harka walfuudhaniirus.

Pireezidentiin Eertiraa Isaayyasa Afawarqiin seenaa haaraan hojjetamaa akka jiru, biyyoonni lameen akka uummata tokkootti waliin imalaa akka jiran dubbatan.

Kun jalqabbii imala haaraadha-Itoophiyaa fi Eertiraan dhugaattii yeroo ulfaataa ture dabarsuun fuula duratti waliin imaluuf bu'aa bahii hedduutu isaan eeggata.

Madaan lola daangaa lubbuun kumaaf kitalaa itti gabbarame fi masaanummaan waggoota digdamaa oliif ture fi walihimannaan sun marti jaalala hooggantoota biyyoota lameenii gidduutti uumameen qofa waan qooru hin fakkaatu.

Daandiin mijataa hin taane imala biyyoota lameenii fulduraa irra jiru maali?

Hojiirra oolmaa murtee daangaa

Dr. Abiyyi Ahimad Ebla bara 2018 keessa wayita aangoo ministira mummee fudhatu kaayyoo isaa keessa inni jalqabaa haala ''lollis nagaanis hin jiru'' jedhamu sana biyyoota ollaa lameenii hanbisuu ture.

''Ejjennoon keenya ifa dha, mootummaan Itoophiyaa, haal duree tokko malee murtee daangaa hojiirra haa oolchitu'' jechuunis ministirri odeeffannoo Eertiraa obbo Yemaanee Gabramasqal twiitara irratti barreessuun deebii kennan.

Yaadni Obbo Yemaanee, murtee Komishinii daangaa dhaabbata biyyoota Gamtoomanii bara 2002 murtaa'e fi Baadmee, lafa biyyoonni lameen kan kooti jechuun irratti waldhaban Eertiraaf akka taatu murteesse ilaallata.

Wayita loolli lubbuu fi qabeenya hedduu gaaga'e bara 2000tti xumuramu, mootummaan Itoophiyaa murteen Komishinii Daangaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kamiyyuu haa ta'u kan kabajdu ta'uu waadaa galeera.

Komishinichi waggaa lama booda wayita murtee isaa beeksisu , Itoophiyaan waadaa galte nyaatte, sababni ammoo murteen kenname Ertiraa kana gammachiisu ta'uu isaati. Murtichi Baadmeen Eertiraaf malti jedhe.

Itoophiyaan murticha mormituus hojiirra oolmaa isaarratti nan mariyadha jechuun loltootni biyyoota lameenii Baadmee turaniiru.

Waxabajjii 5 bara kanaa keessa wayita ADWUI'n murtee daangaa kana guutummaan guututti akka fudhatu beeksisu imaammatni Itoophiyaan Eertiraa irratti qabdu battalatti kallattii biraa qabateera.

Ammas hojiirra oolmaa isaarra wanti ifa hin taane jira

Hanga ammaatti looltootni Itoophiyaa bakka lolli irrratti lolame jiru. Eertiraanis sochii loltoota Itoophiyaa to'achuuf jecha loltoota ishee kumootaan lakkaawaman bakkicha qubachiifteetti.

Yooma loltootni achii bahu? eenyutu hojii loltoota achii baasuu hooggana? eenyutu adeemsicha hordofa? loltootni kun hoo garam geeffamu? callisaniituma bahu moo maaltu ta'a?

Gaaffileen kun gaaffilee biiyyota lameeniin deebii argachuu malaniidha.

Deebiin uummatoota daangaarra jiraan irraa eegamus jira.

Jiraattotni bakka lolli daangaa irratti lolame Baadmee fi Iroob jiran murtee mootummaa Itoophiyaa mormuun hiriira bahanii turan. kun ammoo adeemsi murtee kana hojiirra oolchuu salphaa ta'uu akka hin malle mul'isa.

Beenyaa

Lolli waraanaa biyyoota lameenii waggoota lamaa ooliif ture badii lubbuu fi qabeenyaa guddaa geessiseera.

komishiniin himataa Itoophiya fi Eertiraa, qaamni walabummaan ademsa nagaa buusuuf hojjetu Hagayyaa bara 2009 murtee dhumaa lafa kaaheera.

Qaamni kun biyyoonni lameen seerota waraanaa akka mirgoota lammiilee nagaa fi hidhamtoota waraanaa cabsaniiru, lammiileen nagaa miidhamaniiru jechuun murteesseera.

Akka murtee kanaatti Eertiraan Itoophiyaarra badii gaheef beenyaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 175 akka kaffaltu, Itoophiyaan gama isheen badii Eertiraarra gaheef doolara Ameerikaa miiliyoona 161 dabalataanis doolaara miiliyoona 2 himannaaf baafte akka kaffaltu murteesse.

Hanga ammaatti biyyoonni lameenuu beenyaa jedhame kana walii hin kafalle. Dhimmi beenyaa kun marii araaraa kana keessattis hanga ammaatti irratti hin mariyatamne.

furmaatni dhimma benyaa kanaa maali, guyyaan kan deebistu ta'a.

Mormitootaa fi gareelee hidhatan

Biyyoonni lameenuu, dahoo fi deeggartuu mormitootaa fi gareelee qabsoo hidhannoo gaggeesaniiti waliin jechuun wal himatu. Himannaa gama lamaaniinu jiru kana ragaaleen dhugaa ta'uu mirkaneessanis jiru.

Addii Bilisummaa Oromoo (ABO), Ginboot 7, Sochii Dimookraatawaa Uummata Tiigraay, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen, hundi isaanii qaamolee qabsoo hidhannoon dhaaba Itoophiyaa bulchaa jiru dadhabsiisuu barbaadaniidha. Hundi isaanii Eertiraa irraa deeggarsa argatu.

Haaluma walfakkaatuun, Itoophiyaanis gareelee akka Sochii Dimookraatawaa Bilisummaa Kunaamaa Eertiraa, Sochii Walabummaa Musliimota Eertiraa fi Tokkummaa humna biyyaalessaa Eertiraa deeggaraa turteetti.

Rifoormiiwwan Dr. Abiyyi biyya keessatti irratti xiyyeefatan haala kana jijjiiru mala jedhamees yaadama.

Ebla darbe Dr. Abiyy, dhaabbilee siyaasaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraniif waamicha taasisuun dhimma siyaasaa biyyatti irratti akka mariyatanbeeksissaniiru.

Ji'oota boodas Kaabineen Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa sadii toora dhaabbilee shororkeessaa jedhaman irraa haqeera. Addi Bilisummaa biyyaalessaa Ogaadeen, Addi Bilisummaa Oromoo fi Ginboot 7 dhaabbilee shororkeessumaa jalaa bahaniidha.

Murtee kana hordofuunis Ginboot 7 waraana akka dhaabuu fi yaadota Ministira muummee akka deeggaru beeksiseera.

Murteen mootummaa Itoophiyaa kun dhaabbileen Eertiraa keessaa mootummaa Itoophiyaa morman akka hin jiraanne godha.

Haata'u malee gama Eertiraan, mallattoon riifoormiin siyaasa akka kanaa jiraachuu wanti akeeku hin mula'atu.

Gareeleen mirga namoomaaf dhaabatan sirni Eertiraa keessa jiru jijjiiramuu qaba jechuun gaafatu.

Marii siyaasaaf haala mijeessuuf, dhaabbilee Siyaasaa Eertiraa keessatti akka socho'an akka hayyamamuuf barbaadu.

Jijjiiramni kunniin hanga Eertiraa keessatti mula'atanitti Siyaasa Ertiraa Dhaaba tokkoon ijaajje keessatti dhaabbileen mormituun biyyaa ala taa'anii qabsa'uuf dirqamu malu.

Maddeen amanamoo tajaajila BBC Tigirinyaatti akka himanitti dhaabbileen Siyaasaa Eertiraa, Itoophiyaa keessa jiran waajirri isaanii cufamuu waan maluuf filannoo biraa akka barbaadan itti himamuu himaniiru.

Baqattoota

Itoophiyaa keessatti kaampiiwwan baqattootaa garaa garaa keessa baqattoota Eertiraa kuma 100. Hireen isaanii maal ta'a, nageenya isaanii adeemsa nagaa buusuu biyyoota lameeniin akkamiin yaaddoorra bu'a? kunneen deebii barbaadu.

Baqataan Eertiraa magaala Finfinnee keessa jiraatu tokko adeemsa araara buusuu biyyoota lameen gidduttii eegale kana dinqisifateera.

Kana jeechuun garuu innis ta'e namoonni akka isaa biroon gara biyyattii deebi'uuf amma qophii dha jechuu miti.

Itoophiyaan waliigaltee idila addunyaa baqattootaa bara 1951 mallateesite akka kabajju ni amanna jedhan. Waliigalteen sun itti gaafatamummaa biyyi itti baqaatame nageenya baqattootaa dachee ishee keessa jiranii eeguuf qabdu ibsa.

Haalli Eertiraa keessa jiru yoo fooyya'e, mirgi namoomaa kan kabajamu yoo ta'ee fi deebi'uun sadarkaa yaaddoo hin qabaanerra yoo gahe namni biyya isaatti ni deebi'a jedhees amana.

Waliigalteewwan amma biyyoonni lameen irra gahan fi ejjoonnoon waliirratti qaban wantoota qabatamaa muraasaa fi hedduun ammo dubbii afaaniidha.

Sirbaa fi gammaachuu kanneen duuba danqaalee hedduutu fuula dura biyyoota lameenii jira.

Guyyoonni, torbanoonnii fi ji'oonni dhufan hegeree biyyoota lameenii akeekuuf hawwiin eegamu.

Odeessa kana irratti dabalata