Hariiroo tolfachuun Itoophiyaafi Ertiraa maaliif akkas saffise?

Pirezedant Isaayas, dR Abiyyii fi ogeessota miidiyaa Image copyright Empics
Goodayyaa suuraa imbaasiin Eertiraa Finfinneetti yommuu banamu

Erga bara 1998 as Imbaasiin kun yeroo jalqabaaf gara hojiitti galuuf banameera.

Eeebbifamuun Imbaasii kunis hojiiwwan gama dinagdee, hawwaasummaafi siyaasaa waliin hojjechuun faayidaa uummata biyyoota lamaaniif qaba jedhame milkeessuuf ka'umsa ta'uu mala.

Wal dhabdee daangaa gidduusaanii ture furuun hariiroosaanii fooyyessuuf Dr. Abiy erga murteessanii Eertiraa daawwatanii yeroo gabaabaa keessatti gara Finfinnee deemuun daawwanaa taasisan hordofee Imbaasii waggaa 20'f cufamee ture bananiiru.

Erguma Ministirri Muummee Ertiraa daawwatanii toorri bilbilaa Itoophiyaafi eertiraa gidduutti waggoota 20f addaan citee tures banamee firoonniifi hiriyyoonni waliif bilbiluun gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Badhaasa warqee maraa Isaayyaas Afawarqiif

Akeekkachiisa Dr. Abiyyii hanga geerarsa Haacaaluu Hundeessaatti

Danqaalee hegeree Itoophiyaa fi Eertiraa dura jiran

Hawaasni biyyoota lamaanii akka walkeessa deemaniifis daandiiwwan saffisaan banamuutti jiru. Fakkeenyaaf, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Adoolessa 18, 2018 irraa eegalee Asmaraatti kallattiin akka balali'u toora qabateera.

Tarkaanfiiwwan saffisaa hariiroo biyyoota lamaanii kana cimsuuf cinaatti daawwannaan bulchitoota lamaanii Asmaraafi Finfinneetti taasisan keessatti simannaan ho'aafi seena qabeessa uummanni taasise, haasawwan aanga'oonni kunneen taasisaniifi miirri isaan agarsiisan hanga baayyonni eeganii ol ta'eera.

Daawwannaa aanga'oonni biyyoota lamaanii taasisanirraa maal hubattan?

Ameerikaa Michigaan Yunvarsiitii Ka ateritti barsiisaa kan ta'an Piroofesar Hizqeel Gabbisaa hariiroo Itoophiyaafi Eertiraan tolfataa jiran kana irra maatu akka hubatamu BBC'tti himaniiru.

Piroofesar Hizqeelitti torbanuma Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Asmaraa daawwatanitti Pirezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Itoophiyaa daawwachuuf dhufuun isaanii hariiroo isaan qajeelfachuutti jiran kun saaffisaan deemaa jiraachuusaa agarsiisa jedhan.

Saffisaan hojiirra ooluun harooraa biyyoota lamanii kun dheebuun nagaa buusuu akka jiru agarsiisaa jedhan. Akka Piroofesar Hizqeelitti dubbiin kun dhimma aajaa alaa qofaa osoo hin taane dinagdee waliinis walqabata.

"Waraana Itoophiyaan qabdu keessaa %75 daandaa Itoophiyaafi Eertiraarraa waan jiruuf kun ammoo biyyattiif baasii guddaadha. Yeroo ammaa rakkoo dinagdee keessa jirtuun Itoophiyaan baasii cimaa loluurratti baasuun rakkisaadha."

Miirri Pirezedaantiin Isaayyaas kan duraan beekamerraa adda. Maaliif?

Akkuma beekamu kanaan dura kan beekame, oogantoonni biyya keenyaafi naannoo sanaa uummata fuula dhfkachuudha malee fuula ifaa uumatatti agarsiisanii hin beekan. Kun amma garuu erga Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufanii jijjiramuu isaa agarsiisu Piroofesar Hizqeel.

Akka Piroofesar Hizqeelitti waraanni itoophiyaafi Eertiraa gidduu ture duraan gaggeessitoota biyyoota lamaaniif bu'aa qaba ture. "Diina qabna jechuudhaan mormitoota biyya keessaa ittiin gab-godhatu ture."

Amma garuu kun jijjiiramaa jira kan jedhan Piroofesar Hizqeel, Pirezedaanti Isaayyaasis waan seena qabeessa ta'e tokko biyya isaaniif hojjetanii waan darban fakkaata jedhu. Kana gochuudhaaf gammachuu guddaatu irraa mullatas jedhu.

Goodayyaa suuraa Gaggesitoota lamaan imbaasii haromee baname keessatti

Pirezedaanti Isaayyaas akka jedhanitti rakkoon biyyoota lamaan gidduu ture kan fide Baadimmee miti.

"Rakkoo kana kan fide warra mootummaarra jiran warra Wayyaaneeti. Amma isaan aangoorra turanitti nagaan akka hin buunes dubbataa turan Pirezedaanti Isaayyaas. Amma egaa Wayyaaneen aangoorraa bu'aniiru jechuun warra amma gara aangootti dhufan kana waliin hariiroo uummachuu barbaadan natti fakkaata."

Sababii biraa yeroo kaasan Piroofesar Hizqeel, bu'aan dinagdeenillee waan akeekame fakkaata. Eertiraan biyya xiqqoo taatee buufata doonii/ ulaagalaanaa lama qabdi. Lama qabdu keessaammo tokko qofaatti gargaaramti. kanaaf, biyyoonni kun lamaan walitti dhufuun bu'aa ulaa kanatti fayyadamuurraa ni buufatu jedhan.

Hariiroo biyyoota lamaaniif sababni biraa akkuma pirezedaanti Isaayasa dubbatan uummatni biyyota lamaanii uummata tokko, obbolaa tahuunsaanii hariiroosaaniif murteessadha, jedhu pirofeesar Hizqeel Gabbisaa.

Akka Piroofesar Hizqeel jedhanitti walabummaa amanaafi piressii dabalatee rakkoon mirga namoomaa Pirezedaanti Isaayyaas waan jijjiiruu fedhan fakkaatu. kanaaf, sababii yeroo dhiyeessan jijjiiramni sochiin Qeerrootiin Itoophiyaa keessatti mullataa jiru kun yoo fiixaan bahe gara Eertiraa ga'uun isaa hin hafu.

Mootummaan abbaa hirree yoo uummanni na ga'e jedhee ka'e; keessumaa yoo dargageessi ka'ee na ga'e jedhee kan boorii isaaf isa baasu gaafate siyaasni gedderamuun dirqama ta'a jedhan. "Mootummaan abbaa hirree aangoorra akka turuu hin dandeenyedha kan agarsiise."

Akka Piroofessor Hizqeel jedhanitti fakkeenyummaan sochii dargaggootaa (Qeerroo) akka mootummaan abbaan hirree aangoorra hin turre kan agrsiisee Itoophiyaa keessatti qofaa miti. "Kun sadarkaa Afirikaattiyyu fakkeenya guddaadha."

Hanga arraatti Pirezedaantiin Eertiraa Itoophiyaan diina jedhanii dargaggoota isaanii Saawaa geessanii achitti leenjiruu, achitti sammuu irraa dhiqu ture.

"Amma garuu dubbiin waan gedderamtuufi isaanis umuriidhaan waan deemaa jiraniif jijjiiramni akka dhufu waan murteessan fakkaata. Akka kana duraa biyya isaaniitti rakkoon mirgoota dimokiraasii itti fufa jedhamees hin yaadamu."

Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti dhufaa jirus biyya keessatti qofa osoo hin taane Afirikaa hunda irrattiyyuu dhiibbaa fiduu waan danda'uuf haala siyaasaa biyya keessaa Eertiraas jijjiru danda'a jedhan.

Humni Qeerroo biyya keenyaa maal akka hojjechuu danda'u waan baraniif biyyasaaniis gaaga'uu waan danda'uuf Obbo Isaayaas haa tahu jedhanii waan itti deeman fakkata jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata