Itoophiyaa: Sharafa Biyya alaafi ejjennoo MM Abiy Ahimad

Doolaara Borsaa keessa jiru Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Doolara Ameerikaa

Ministirri Muummee Itoophiyaa namoonni maallaqa birriinis ta'e dolaaraan qabatanii mana kaa'an ykn gabaa seeraa alaatti sharafan hundi akka gara baankii fidanii sharafatan waamicha dabrsuun yaaddoo uumuuf moo jijjirraa maallaqa biyyittii fiduuf laata?

Baankonni hundinuu nama maallaqasaa garasaanii geessan hundarraa haal-duree tokko malee fuudhanii keessumeesuu akka qaban kan himan Ministirri Muummichaa hubachiisanii jiru.

Yeroo gababaa keessatti tarkaanfii seeraa, (sakatta'iinsa) fudhatamu waan jiruuf namni kamiyyuu birriis tahe doolaara manaa qabu dursee gara baankii geessu akka qabu himaniiru.

Dinagdee biyyaa tasgabbeessuufis tahe qaala'insa jireenyaa biyya keessaa to'achuun kan danda'amu dhiyeessiin sharafa alaa gahaan yoo jiraate qofa akka tahe ammoo ogeessonni irratti walii galu.

Yeroo dhiyootiin asitti hanqinni sharafa alaa Itoophiyaa keessatti mul'ataa ture jireenya namoota dhuunfaa irraa jalqabee hanga dhaabbilee gurguddootti miidhaa geessisaa jira.

Meeshaalee biyya alaatii bitamanii gara biyyaatti galan dhiyeessuuf warshaaleen garaagraafi dhaabbileen ijaarsaa rakkina keessa galuun kaan gara kisaaraatti kaan ammoo hanga cufamuuttiyyuu kan dhaqqaban jiru.

Kun ammoo akka sharafni gabaa gurrachatti gaggeefamu dabalu taasiseera. Meeshaaleen biyya alaarraa bitamanii galanis sababa hanqina sharafa alaa kanaan dhiyyeessi isaanii gadi bu'uurraa kan ka'e qaala'insi jireenyaa akka uumamu taasisaa jira jedhama.

Obbo Tashoomee Tafarraa barsiisaa Yuunivarsitii Finfinnee yoo tahu yeroo amma Beeljiyeemitti PhD isaanii Dinagdee Magaalotaa irratti hojjechaa jiru. Isaanis sharafa alaa ilaachisee biyyi of dandeessee sharafa dhuunfaasheen qofa jiraattu hin jirtu jedhan.

Hanqinni sharafa alaa akkamiin jireenya namoota dhuunfaa tuquu danda'a?

Obbo Tashoomeen jijjiirraan sharafa alaa kun jireenya namoota kan miidhu tahee walitti dhufeenya kallattis qaba jedhu. Jijjiirraan sharafa alaa yommuu ol ka'u gatiin birrii biyya keessaa waan gadi bu'uuf meeshaa biyya alaarraa galu irratti gatiin waan dabaluuf namoonni akka duraanii waan barbaadan bitatanii itti fayyadamuuf itti ulfaata jedhan.

''Fooyya'insa sharafa biyya alaa irratti taasifametu qaala'insa gatii fide''

Keessumaa namootni miindaan jiraatan gatiin meeshaalee waan dabaluuf waan bitachuu barbaadan salphaatti bitachuu hin danda'an jedhan. Meeshaa baay'een biyya keessatti namoonni fayyadaman biyya alaarraa galu.

Kanaan dura meeshaa qarshii 1,000 bitanii fayyadamaa turan yoo tahe yommuu sharafni alaa olka'u gatiin meeshichaa walumaan waan dabaluuf humnasaanii ol taha jedhan.

Gatii sharafa biyya alaa kan murteessan keessaa tokko dhiyeessii doolaaraati. Dhiyeessiin doolaaraa yommuu gadi bu'u namoonni daldala seera qabessa keessa jiran doolaara argachuu waan hin dandeenyeef gara gabaa gurraachaa deemu. Kunis akka itti fufinsaan gatiin doolaaraa dabalu taasisa jedhan Obbo Tashoomeen.

Biyyittii keessatti bifa mul'atee hin beekneen sharafni doolaaraa hanga %37tti ol guddateera .

Bulchiinsi dhaabbilee faayinaansii, malaammaltummaafi daldalli seeraan alaa sababoota biroo hanqina sharafa alaa uumuu danda'anidha.

Rakkinoota hanqina sharafa alaa waliin wal qabatanii jiran furuuf, tarkaanfiin Ministirri Muummee fudhataa jiran gabaan gurraachi akka tasgabbaa'u taasiseera jedhan.

Tarkaanfiiwwan idilee Ministirri Muummee Dr. Abiy fudhataa jiran keessaa namoota maallaqa miliqsaniifi malaammaltummaa irratti namoota hirmaatan adabuun isaan tokkodha jedhan Obbo Tashoomeen.

Ibsa Ministirri Muummee kenne ilaalchisee biyyoonni kamiyyuu haala dinagdeesaanii to'achuuf akka poolisiitti fayyadamuu kan danda'an sodaa uumudha jedhu. Sodaa uumuun kunis akka namoonni gara gabaa gurraachaa deemuun maalaqasaanii hin jijjire taasisa jedhan. Kun qabatamaatti jijjirama fiduu danda'us furmaata waaraa miti jedhan.

Furmaanni waara'aa hanqina sharafa alaa hanbisu maali?

Ibsa Ministira Muummee booda namoonni yaada tarii Noottiin maalaqa biyyittii jijiiramaa laata jedhu kaasan jiru. Obbo Tashoomeen Noottii biyyaa jijjiruun furmaata waaraa keessatti kan hammatamu tahus, rakkoo dinagdee hamaas fiduu danda'a jedhan.

Nootii gurguddaa gabaa keessa socho'an baasanii gara gabaatti fiduun namoota daldala seeraan alaa keessatti hirmaatan xiqqeessuu danda'a jedhan.

Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti Noottii amma jiru jijjiirti jedhee yaaduu baadhus kan nama shakkisiisus jira jedhan.

Kanaaf agarsiistuu kan tahu ammoo gaggeesitoonni baankota gurguddoo kan akka Baankii Daldalaa, Baankii Biyyaalessaafi Baankii Misoomaa haaromsa keessa waan jiraniif jijjiiramni addaa jiraachuu danda'a jedhu.

Dr. Yinaager Dassee hogganaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa pirezedaantota baankiilee 18 waliin wal gahii fuulaa fuulaa gaggeessaaa jiru waan taheef torbanoota dhufan keessatti jijjiiramni haaraan addaa tokko uumamuu danda'a jedhan.

Dabalataan miseensota daldaltoota gurguddoo biyya keessaa waliin mari'achuuf akka jedhan waan dhagahamaa jiruuf jijjiraan maallaqas tahu waan biraa uumamuu akka danda'u agarsiisa jedhan.

Ergaa Ministirri Muummee dabarsaa turan waan haaraan tokko dhufuu akka danda'us akeeka, jedhan Obbo Tashoomeen.

Furmaataa rakkoo sharafa alaa furuuf erga dhiyeeya kanaa mootummaan Itoophiyaa taasisu keessaa inni kan biraan akkaataa madda hawwaasa diyaasporaa argamu itti fayyadamuu danda'urratti fuulleffatee hojjechuudha.

Haaluma kanaan, haasawaa yeroo gara garaatti taasisaniin Ministirii Muummee Dr. Abiy, lammilee Itoophiyaa biyyaa alaa jiraniif waamcha taasisaniiru. Karaa biraatiin ammoo, 'Trus Fund' dhimmuma kanaaf akeekame hundeessuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Ji'uma Adoolessa kana keessa imala gara Ameerikaa Kaabaatti taasisuuf karoorfataniinis lammileen biyya sana jiraatan waliin dubbachuuf jiru.

Odeessa kana irratti dabalata