Itiyoophiyaa-Eertiraa: Battala maatiin waggoota dheeraaf gargar bahan wal argan

Osmaan Saalee fi Haayilamaariyaam Dessaalenyi Image copyright Yemane G. Meskel
Goodayyaa suuraa Ministira Haajaa Alaa Eertiraa Osmaan Saaleefi MM Duraanii Itoophiyaa Hayilamaariyaam Dessaalenyi

Xayyaarri Itoophiyaa balaliinsa daldala gara Eertiraatti taasisu waggoota 20f adda citee ture har'a eegalee jira.

Balaliinsa seena qabeessa jalqabaa kanaan lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa maatii isaanii waliin waggoota dheeraaf gargar citanii turan gara Eertiraatti imaluun maatii isaanii waliin wal arganii jiru.

Battala maatiin gargar bahanii turan wal argan miirri jiru qalbii namoota hedduu hawwatee jira.

Namoonnis marsaalee hawaasaa irratti suuraalee waliif qoodaa jiru.

Odeessa kana irratti dabalata