Daldalli Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti taasifamu faara qabaa?

Qosxanxinoos Barihee (PhD) fi Obbo Kibroom Daafilaa
Goodayyaa suuraa Qosxanxinoos Barihee (PhD) fi Obbo Kibroom Daafilaa

Itoophiyaafi Ertiraan araara buusuun isaanii ummata karaa walitti adeemu dhabeef fala.

Hariiroon kun gara daldalaattis ce'uunsaafi Itoophiyaan buufata doonii Asab fayyadamuunshee bu'aa olaanaa qaba jedhu xinxaltoonni.

Daandiin qilleensaa Ertiraafi Itoophiyaa waliin hojjechuu jalqabuunis akkasuma.

Hariiroon kun waliin jireenyaafi hariiroo biyyoota lamaaniif hiika kan qabu yoo tahu uummanni Ertiraas tahe mootummaan daldalicharraa fayyadamoo akka taasisan eegama.

Waajjira Galiiwwanii, Ministeera Maallaqaafi Dinagdee boodas hojii gaggeessaa daandii xiyyaaraa Ertiraa tahuun tajaajilaa kan turan Obbo Kibroom Daafilaa namoota yaada kana kaasaa turan keessaa isaan tokko.

Haa tahu malee, walitti dhufeenyi biyyoota lameenii jalqabuun gaarii tahus Eertiraas tahe ummatni Ertiraa daldala biyyoota lamaaniirraa homaa hin fayyadaman jedhu.

''Gama Itoophiyaatin haalli jiru banaadha. Gama Ertiraa garuu haalli cufame bu'uura seeraa qaba. Lammiileen Itoophiyaan daldala irratti hirmaatuu malu. Kan Ertiraa garuu hin hirmaatan jechuudha.''

Caasaan sharika daldalaa kanaaf haala mijeessu akka hin jirreefi waggoota 20 akka ture himu.

Kana jechuun immoo faayidaan Itoophiyaan argachuu malti jedhamee yaadame milkaa'uu dhaba jedhu.

Diinagdeen biyya walumaagala sirna siyaasas ta'e dinagdee hin qabne, Ertiraa, waliin taasifamu lammiilee Ertiraaf waan buusu hin qabu. Itoophiyaa qofaafis kan akka yaadde adeemu miti jechuun himu.

Hayyuun diinagdee Dr. Qosxanxinoos buufatawwan doonii Ertiraatti fayyadamuun bu'aa guddaa akka qabu himu. Isa daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa isa Ertiraa waliin hojjechuuf yaadanis gaarii akka tahe himu.

Keessumaa, buufata Mitsiwwaaf kan dhiheenya qaban Tigraayiifi Amaarri guddaa akka fayyadaman amanu.

Haa ta'u malee, faayidaan Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane lammiileen Ertiraallee ni fayyadamu jedhu. Kunis, carraa hojii uumamun akka tahe himu.

Yaadni isaanii Pirezidantiin Ertiraa yeroo Itoophiyaa dhufanii deebi'an waan haaraa fidu malu yaada jedhu qabu.

Yoo haalli jijjiiramu baate rakkoon Ertiraaf malee Itoophiyaaf akka hin taane dubbatu.

Sababni isaas Itoophiyaan Jibuutii, Somaleefi Sudaan waliin buufata doonii ofiin to'achu argachuuf mari'achaa akka jirtu yaada dhiheessu.

Dargaggoonni Ertiraa kan itti hojjetan akkasumas kanneen biyya alaa jiranis yoo kan invastimantii keessatti godhan yoo tahu baate Ertiraan inumaa rakkoo caalutti adeemti jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata