Namoonni daa'ima waggaa 3'tti asiidii naqan hidhaman

Poolisoonni wayita qoratan Image copyright SWNS
Goodayyaa suuraa Polisoonni yakki kun itti yaadamee raawwate jedhu.

Daa'imni waggaa 3 asidii itti naqameen heedduu erga miidhame namootni sadiii to'annoo jala oolan.

Daa'imni kun 'itti yaadamee asiidiin haleelame' jedha Poolisiin Mersiyaa Dhihaa.

Dargaggoonni umrii 22, 25 fi 26 to'annoo jala oolan daa'ima kanarraan miidhaa qaamaa hamaa geessisuuf shiranii yakka kana raawwatan jechuun Landaanitti qabaman.

Fuulaafi irree isaa irraa madaa asiidiin gubate erga yaalamee booda, amma mana yaalaatii baheera.

Midhaamni yeroo dheeraa madaa daa'ima kanaa hin beekamu jechuun qondaaltonni dubbataniiru.

Paarkii Shirab Hiil Riteel, Taloow Hiilitti, daa'imni kun maatii isaa waliin barcuma oofamtu irra ture yeroo 'asiidiin' kun 'gara isaatti darbatame ykn facaasame' jedha poolisiiin.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata