Balaa Ibiddaa Giriik: Yoo xiqqaate 60n yoo du'an hedduun madaa'an

Ummata balaa ibiddaa fagoodhaa hubatu, Ateens, Adoolessa 23, 2018 Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Jiraattonni mana isaanii keessaa akka baqatan itti himameera

Giriikitti balaa ibiddaa bosoonaa baayyee hamaadha jedhameen yoo xiqqaate namoota 60 lubbunsaan darbuusaa barame.

Baraartoonni lubbuus reefa namoota 26 kan gaheessotaa fi ijoollee ta'ee ibiddichaan danqamuun lubbunsanii dabartee argu himaniiru.

Kana maleess namoota badan argachuuf tajaajila baraartootaaf bilbilli baayyeen bilbilamun barmeera.

Qondaaltonni biyyattiis bakka ibiddi kun itti ka'ee bulchiinsa Atikaa dhiheenya Ateensi rakkoo kana ofirraa maqsuuf deeggarsa idila-addunyaa gaafataniiru.

Namoonni ibidda dhaamsuu hojjetan labooba tamsa'aa jiru dhaamsuuf dhama'aa jiru. Ummanni hedduu nannoo magaalaa gudditti Ateens jirus mana ofii dhiisani baqataa jiru.

Turistoota 10 ibidda kana bidiruun baqatan achi buuteen isaanii dhabame barbaachuuf sochiin eegalameera.

''Waan humna namaan hojjetamu hunda goonee to'achuf yaalla,'' jedhan Ministirri Muummee Aleeksis Tsipraas.

Dubbi himaan mootummaa biyyatti guyyaa Kibxataa namoonni 60 ajjeefamun mirkanaa'uu isaa himani ture.

Kan miidhaman keessaa hedduun kanneen rizortii qarqara galaanaa Maati jedhamuu jiraniidha. Rizortiin kuni Kaaba-Baha Ateens irraa 40 km fagaatte argamti.

Balaa ibidda kanaan 104 yeroo miidhaman kanneen keessaas 16 daa'immani jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata