Shamarree Hamar du'a irraa haftee abjuushee milkeeffatte

Irii Choordii Image copyright IRI CHORDI
Goodayyaa suuraa Irii Choordii

Maqaan koo Irii Diimaakoo Choordii jedhama. Lammummaa Itoophiyaa fi Faransaay qaba. Amma Moonteriyaal Kaanaadaan jiraadha.

Waggaa shanittan Kibba baha Itoophiyaa Hamar irraa bahe. Iddoo ani dhaladhetti umurii lakkaawuun waan hin beekamneef waa'ee umurii koo mirkanaan himuu hin danda'u.

Maatiin koo tikfattoota dha. Haala qilleensaa baruuf urjii lakkaawu horii tiksaniin immoo jireenya isaanii gaggeessu.

Afaan du'aarraa miliquu

Lafan dhaladhe kanan gadhiisee deeme sababi amantee waa'ee ijoollee Miingii jedhamuuni.

Naannoo sanattii ilkaan fuulduraa mucaa tokkoo dursee yoo buqqa'e akka abaarsaatti lakkaawwama.

Mucaan akkasii ganda sanatti yoo ture maatiisaafis tahe namoota naannoo sanaaf carraa badaa fidee dhufa jedhanii yaadu. Waan kuni yeroo uumamu maatiin filannoo sadii qaba.

Tokko nama ayyaana qabu bira deemanii cubbuu ofii qulleessuu, inni lammaffaa immoo haati mucaashee gandicha irraa fageessitee bosonatti gatuu dha. Sadaffaa namootni naannoo sanaa mucaa daboodhaan ajjeesuu dha.

Yeroo sana abbaan koo du'ee ture. Haati koo deessee turte. Daa'immanshee lamaan harkatti qabatte na hambisuuf yaaltee turte.

Nama ayyaana qabu bira na geessitee yeroo deebitu namni ishee amanu hin turre. Dhumarratti sa'aa tokkoof lafoo deemtee dhaabbata ijoollee guddisutti na kennite. Achi garuu baayyee hin turre.

Barsiistuun tokko lafa haadhashee wajjin jirattutti na fudhattee deemte. Waan baayyee hin yaadadhu.

Kanan yaadadhu mishinaroota Ayirlaand wajjin jiraachuu jalqabuu koo qofa. Gaaf tokko haati na guddiste wasiila koo wajjin dhufanii na fudhachuu isaaniis nan yaadadha.

Kibbarraa bahee Finfinnee galuun koo baatii lama qofa.

Image copyright IRI CHORDI
Goodayyaa suuraa Irii lafa dhalatteetti waggootaan booda

Finfinnee hanga Kaanaadaa

Hanga waggaa 17 Finfinneen jiraadhe abbaan koo hojiif gara Kolombiyaa yoo ergamu haadha koo waliin deemne. Barnoota koo sadarkaa lammaffaa Kolombiyaatti xumuree barnoota olaanaaf gara Kaanaadaa deeme.

Bara 2011 irraa qabee asuma Kaanaadaan jira. Gidduutti gara biyyaa deebi'een ture.

Gargaarsa namoota na guddisaniin gara qe'ee maatii koo deemuu danda'eera. Miirri dhiphinaa, imimmaan fi yaadi bitaa natti galuun akka qoraattiitti na waraanaa turan.

Firoottan koo yaadadhu fi irraanfadhe wajjin wal arguu kootti gammadoo dha. Adaadoliifi obboloottan koo wajjin wal-fakkaachuun keenyi baayyee na dhibeera.

Amma nagaa waanin argadheef nagaan natti dhagahameera. Akka kennaattis nan lakkaa'a. Waa'ee uumamuu koos otoo hin leeya'in odeessuu nan danda'a.

Amma Hamaritti amanteen akkasii hafeera. Ani warra dhumaa keessaati. Mana keessatti yeroo hundumaa nan sirba. Abbaan koo immoo leenjii sagalee akkan fudhadhu na jajjabeessa ture.

Akkan of beekuu wantoota na gargaaran keessaa tokko muuziqaa dha. Keessumaa oguma itti hafuura baasanii galchan yeroon baradhu nan dinqama yeroon mana galus miira namatti tolutu natti dhagahama.

Piiyaanoo akkan baradhus maatiin haa na jajjabeessaniyyuu malee ani garuu itti fufee hin baranne. Sirbuufi walaloo barreessuu ijaan jaaladhuuf garuu muuziqaa irraa adda hin baane.

Image copyright IRI CHORDI
Goodayyaa suuraa Irii hiriyaashee wajjin

Muuziqaa keessaa hippaappiifi elektirooniksii walitti maknee hiriyyoota koo wajjiin sirbina. Hojii keenya jalqabaas torbee lama dura uummataaf dhiyeessineerra.

Muuziqaan jireenya kooti

Muuziqaan lubbuu koof bilisummaa waan kennuuf akka jireenya koottin ilaala ijoollummaa koo irraa qabee.

Yeroo baayyee waa'ee nagaafi dhiifamaan barreessa. Namoonni wanti hamaa otoo isaan mudate illee dhumarratti akka mo'achuu danda'an nan hima. Dhibamuu keessa fayyinni argama jedheen waanin amanuufi.

Sirba koo keessaatti mala sirbaa garaagaraa walitti makeen sirba. Namoota bira qaqqabuuf immoo miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuuf yaalaan jira. Waa'ee sabootaafi lammiilee garaagaraa muuziqaa kootin barsiisuu nan fedha.

Image copyright IRI CHORDI
Goodayyaa suuraa Kaa'irii, hiriyaa Irii (karaa bitaa), Irii mirgaan

Hawwii koo

Abjuun koo muuziqaa kootiin addunyaa waliin gahuu dha. Kanaanis jaalala nan qooda. Afaan garaagaraa baradhee addunyaa naanna'uu nan fedha. Eenyummaa koo baruu, amantiifi gammachuu koo guddisuun hawwii koo sanduuqa koo keessa kaa'e dha.

Guddachuu koo dhaabuu hin fedhu. Addunyaan kun dhuma hin qabdu. Waan baayyee nuuf kenniti, anis kanin qabu kennuurra gara duubaa hin jedhu. Yoomiyyuu.

Aniifi hiriyyaan koo waltajjiiwwan gurguddoo irratti sirbineerra. Torbee muraasa booda immoo festivaala Seneegaal irratti affeeramneerra. Carraa baayyeetu nutti dhufaa jira. Nutis jaalala qabnu addunyaaf qooddachuu dandeenya.

Afaan Amaaraa, Ingiliffa, afaan Faransaayifi afaan Burkinafaasoo (Saamoo) jedhamuun sirbina. Yeroo tokko tokko immoo afaan ofii keenya kalaqneen sirbina.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata