Balaa ibiddaa Giriik: Warra reef wal-fuudhan balaan ibiddaa gargar baase

Brian O'Callaghan-Westropp fi Zoe Holohan Image copyright Rebecca Burrell
Goodayyaa suuraa Cimdiiwwan kunneen Kamisa darbe ture kan bultii ijaarratan

Lammiin Ayiirlaand dhihoo bultii raawwateefi haadha warraa isaa waliin bashannanarra ture ibiddi galaafatu isaa maatiin mirkaneessan.

Nami maqaan isaa 'Brian O'Callaghan-Westropp' jedhamu haadha warraa isaa 'Zoe Holohan' jedhamtu wayita balaan ibiddaa kun mudatu bashannanarra turan.

Bala ibidda kana baqachuuf osoo jedhani adda bahan.

Maatiin namoota lamaani ibsa basanin ''baay'ee gaddine'' jedhan.

Giriikitti ambaasaaddarri Ayirlaand Orla O'Hanrahan turtii miidiyaa RTE waliin taasisanin du'a namichaa mirkaneessaniiru.

Ibidda biyya Giriikitti gidduu kana dhaqqaben namoonni 70 ol du'aniiru.

Ministirri Muummee Giriikii Aleeksis Tsipraas guyyaa gaddaa sadii labsaniiru.

Biyyoonni akka Xaaliyaanii, Jarman, Polaand fi Faransaay immoo gargaarsa laatan garasitti erganiiru.

Ispeeniifi Qophroos illee deeggarsa taasisaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata