Keeniyaa: Dargaggoon leencota ari’ate akkam ta’e?

Richaard Tureeree
Ibsa waa'ee suuraa,

Richaard Tureeree, mala loon isaa leencarraa ittiin ittisu wayita argatu ijoollee ture

"Leencota nan jaaladha. Sababni ani leencota hinjaalanneef natti hinmul'atu."

"Loowwankoo yoo eegamaniifi balaarraa bilisa yoo ta'an, rakkina malee leencota waliin jiraachuu dandeenya."

Tikseen Masaayi, lammii Keeniyaa ta'ee tokko kana jechuun waan hinbaramneedha. Hojiinsaanii malawwan barbaachisaa ta'an kamiinuu saawwansaanii eeggachuudha.

Tikseen umrii waggaa 18 Richaardi Tureeree garuu, tiksee akka kaanii miti.

Wayita umriinsaa waggaa 11, maatiin isaa torbanitti hanga horii sagaliitti dhabaa waanturaniif, leencotni dallaa loonii keessaa akka hin seenne dhorkuuf jecha mala ibsaa soolaariidhaan humneeffame kalaqe. Gatiin loon tokkoo gara $1000(Birrii 27,500) waan baasuuf, gatii kana maatiin tokko baasuu hindanda'u.

"Hubaatiin leenconni horii keenyarraan gahan guyyaa guyyaan kan raawwatu ta'uunsaa to'achuuf rakkisaa ture." jetti haarmeen Richaard, aadde Veroonikaan. "Ibsaawwan kun eega kalaqamanii booda, rakkoolee leenconni geessisan tokkollee hinturre.

Ibsa waa'ee suuraa,

Leenconni loowwan heddu nyaachaa turan

Richaardi kalaqasaa haalaan dhugoomsuuf yeroo itti fudhatee ture. Jalqaba boca sodaachisu uumuun eegale, leenconni garuu tuffatanii itti-dhiisan. Itti aansuun dallaa dukkanawaa akka loowwan hin mul'anneef ijaareee immoo leenconnii foolii loowwaniii suunfanii dhufuurra hin dhorkine.

Guyyaa tokko halkan keessa guca qabsiifatee yeroo naanna'u yeroo jalqabaaf leenconni hubaatii geessisuuuf hindhufne ture.

Richaardi, halkan guutuu taa'ee eeguun akka isa hinbarbaachisneef jecha, ibsaa leencaa sochii gucaa akkeessuu danda'u hojjate.

Of-barsiisa

"Wantota cabsee diiguun waa'ee elektirooniksi barachuun jalqabe," jedha Richaardi. "Raadiyoo haaraa haarmeekoo yemmuun cabse, heddu anatti aartee turte; na ajjeestee turte!"

Hawaasa Richaardiifi kan biroo keessatti malli Ibsaa Leencaa yeroo kanatti, fooyya'ina xixiqqaa kalaqeessaan itti dabaleen, manneen abbaa warraa 750 ta'an bira gaheera.

Ibsa waa'ee suuraa,

Richaard yeroo hedduu deemee ibsaa suphuuf gargaaruu qaba

"Akkamiin akka hojjatu namootni sirriitti waan hin beekneef yeroo heddu suphaa ibsaadhaaf nan waamama," jedha Richaard. "Ofiin meeshaalee kana suphuu nii yaalu, kanaaf jecha yaada malichi atomaatikiin hojjatuun fide."

Ibsaa Leencaa 2.0 dhaabuuf $200 (Birr 5500) barbaachisa. Walakkaan mallaqichaa dhaabbilee mit-mootummaarraa yoo argamu, kan hafemmoo abbaa loowwan (tiksee) irraa dhihaata.

Gosi Ibsaa Leencaa kun balaqqee ibsaa gosa 16 garaagaraa qaba. Haroomsi Richaard dhihootti itti dabale immoo, yeroo dummessaan dandeettiin humna soolaarii hanqatutti, mala tarbaayinii guyyoolii hedduuf fayyadamu dandeessisu qaba.

Baankoota Loonii

Hawaasni Richaard jeequmsa namaafi bineensaa gidduu jiruun hedduu kan hubameedha. Paarkii Biyyoolessaa Naayiroobiifi magaalaa Kitengelaa gidduutti walitti muddamee, "lafti hawaasaa" kun, paarkii bineensaarraa, laga xiqqoo qofan gargar baha.

Harre-diidoo fi gadamsi nyaata jiidhina qabu barbaacha halkan hunda gara maasii hawaasichatti qaxxaamuru, leenconni immoo isaan duuba qaxxisu.

Ibsa waa'ee suuraa,

Yaadni Richaard Tureeree adduyaa imaleera

"Leenconni rakkoo guddoodha. Keessumaayyuu halkaniin, Loonifi hoolota adamsanii nyaachuuf isaaniif daran salphaadha." jedha Luba Kalvin Tapaya, horsiisee bulaafi lallabaan hawaasa Masaayi. "Looniifi hoolonni keenya garuu baankoota keenya. Akka Masaayitti, isaan bakka maallaqa keenya itti kuufannuudha."

Hanga yoonaatti gargaarsa maallaqaa mootummaa argachuu baatullee, pirojektiinsaa qaama paarkiiwwan biyyoolessaa biyyattii geggeessu, Tajaajila Bineensa-bosonaa Keeniyaa (KWS) akka gargaaru Richaardi ni amana.

Akka dhaabatichaatti, Keeniyaan waggoota kurnan darban keessatti waggaatti gara leencota 100 ta'an waan dhabaa turtefi leencota gara 1,700 qofa bosonatti hafaniiru.

Haaloo

Dhabaminsi kunneen tokko tokko kan uumaman namootaani.

Bara 2012tti, qe'eewwan Kitengelaa eega weeraranii booda, tuuta namootaatiin leenca dhalaa 2 fi ilmoo leencaa 2 dabalatee leencoti jaha, ajjeefamaniiru, ameeyyii lamaafi guddattootasaanii lama dabalatee leencoti jaha ajjeefamaniiru. Ibsaan Leencaa Richaard, akkuma horii leencotarraa eegan , leencotas hawaasa naannichaarra eeguuf gargaara.

"Bara 2010 irraa eegalee, dhabamiinsi leencotaa ejjechaa haaloodhaan raawwatame, kan durii irra baayyee caala," jechuun ogeettiin bineensa-bosonaafi daareektariin olaanaa Baraarsa Bineensaa Afriikaa Luusii Warungi dubbateetti.

"Lafti namoota Masayiifi bineensa bosonaatiif ooluu gahaa miti, kanaaf isa dur walitti hin baane amma walitti ba'aa jiru."

Ibsa waa'ee suuraa,

Richard tinkered with the few electronic pieces of equipment he had access to at home

Yeroo kanatti, akka Ibsaan Leencaa rakkina furuuf yaalanitti, walitti bu'insa leencotaafi namoota gidduutti uumaman dhorkuuf yaaluun mitii kanneen hubaman gargaaruuf sagantaaleen filannoo heddu qaban hinjirani.

Bara 2014 keessa mootummaan Keeniyaa, walitti bu'iinsa namaafi bineensota bosonaan namoota hubaman gargaaruuf seera sagantaa beenyaa baasee ture. Qabatamaadhaan garuu haalawwan muraasa qofaatu beenyaa argate; akkasumas komiiwwan hedduutu jira.

"Guutummaatti, beenyaan beeyladootaa, manneeniifi omisha midhaanii hinraawwanne; sababiinsaa hanga yoonaatti qajeelfamooti paarlaamaarraa hinbaane waan jiraniifi," jedha Jeems Kitarus, Paarkii Biyyoolessaa Naayiroobiitti itti gaafatamaan hawaasaa.

Kalaqni Richaardi, haalawwan hedduun jireenyasaa jijjiireera; mana barumsaa Naayiroobii beekamaarraa barnootaa tolaa argateera, akkasumas hundeessaa Alibaabaa, lammii Chaayinaa ta'e, Jaak Maa, quunnamuudhaan kabajaasaatiif barnoota akka kennuuf affeeramee ture.

Keeniyaa keessaafi alatti akka "dargaggoo Ibsaa Leencaa" jedhamuun beekama; akkasumas gosoota ibsaa isaa Arjantiinaafi Indiyaa dabalatee hawaasni heddu ofitti fudhateera.

Gargaarsi dabalataa niibarbaachisa

Yaadnisaa biyyootarra imaluullee, akka dargaggoo kalaqeessaa tokkootti, gargaarsi Richaardiifi raawwii Ibsaa Leencaa ofii isaaf taasifamuu, waggoota darban kessatti duubatti hafeera. Keeniyaan kalaqeessitoota dargaggoo akkasaa gargaaruuf baayyee hojjachuun akka qabdu amana.

"Keeniyaa keessa, namoonni ana caalaa yaada gaggaarii qaban hedduudha - isaanis gargaarsa barbaadu," jedha Richaard.

"Itti dhihaatee 'kun yaada gaaridha, hawaasaa keenyaa gargaaruuf yaada kana haa guddisnu' nama ittin jedhu niibarbaadu.

Ibsa waa'ee suuraa,

Richaard Tureeree re'oota isaa balaarraa hambisuuf yaaluu barbaada

Kalaqawwan akka Ibsaa Leencaa kan feetu, Keeniyaa qofa akka hintaane ogeessi bineensota bosonaa, Luusii Warungii, ni dubbatti. Guddinni namootaa haala saffisaa ta'een addunyaa mararratti raawwachaa jira, mootummaalleenis dhimma walitti bu'insa namootaafi bineensota bosonaatiin hawaasa hubamaniif gargaarsa kennuu qabu.

"Kalaqeessitoonni waltajjii ittiin yaadasaanii hojii irra oluu waliitti fiduu mootummoonni mijeessuu qabu," jetti ittidabaluudhaan.

Kalaqeessaa Ibsaa Leencaa ta'ee, sababiiwwan Richaardi haalaan itti fayyadamuu dadhabe keessaa tokko, umrii waggaa 15'tti dargaggoo kalaqatti abbummaa mirkaneeffatullee, yaadasaatti dafee abbummaa itti gaafachuu dhiisu isaati.

Dogoggora sana irradeebi'ee akka hinraawwannefi kalaqawwan biroo heddu akka qabu ni hima.

"Teeknoolojii nan jaaladha. harkaakoo fayyadamee waan qabatamaa uumuu. Wantan hojjechuu jalladhudha, akkan gara fulduraatti yaadus na taasisa."

Qorannoowwan dabalataa Shiilaa Kimaaniitiin

Sagantaan BBC kun deeggarsa Jarmiyaa Biill& Melindaa Geetiin qophaa'ee