Artist Fiqaaduu Takilamaariyaam boqote

Madda suuraa, Bogas tube
Artist Fiqaaduu Takilamaariyaam
Artist Fiqaaduu Takilamaariyaam kaleessa galgala boqochuun dhaga'ame. Ji'oota muraasaan dura kaleen isaa lamaan hojii ala waan ta'aniif jijjiiramuun akka barbaachisuuf ibsamuun ni yaadatama.
Ijoollummaasaarraa eegalee ogummaa artii keessatti umuriisaa kan dabarse Fiqaaduun keessattuu qooda amala mootii ta'ee taphachuun kan isa gitu hon jiru. "Arka kenni naan jedhe faranjiin…" kan jedhu haasawwaa Atse Tewodiroos yeroo jalqabu namoota qalbiin akka duuba deebiyanii ija dhugaan ilaalan fakkeessa.
Yeroo jalqabaatiifi ga'ee qooddataa jabaa ta'ee kan hojjete "Isaat Sineddi" kan jedhu hojii Abaatee Makuriyaa keessatti. Isatti aansuun tiyaatiroota hedduu keessatti taphateera. Hanga dhiyeenya kanaatti mana ogummaasaa kan ta'e Tiyaatira Biyyaalessaa keessaa hin dhibu ture.
Diraamaa TV yeroo dheeraaf darbaa ture "Gamana" jedhamuun namoonni hedduun Artist Fiqaaduu ni beeku.
Kan baayyee keessatti beekame tiyaatira "Tewodiroos" malee "Mooticha Odiippes", "Hamleet"fi "Mooticha Harmaha" keessattis akka mootiitti taphateera.
Finfinnee naannoo Arat Kiilootti dhalatee kan guddate Fiqaaduun ka'umsi isaa tiyaatira ta'ullee diraamaa TVfi fiilmii keessatti qooda fudhachuu akkasumas beeksisaafi raadiyoo seenessuun beekama.
Diraaamaawwan TV keessatta qooda fudhate keessaa "Bale-gudday", "Yaaltekefle Hida", Yehabeq Yelesh Nuzazee" kanneen jedhaman ni beekamu.
"Addunyaa kitaabaarraa" kan jedhuun Raadiyoo Itoophiyaatiin kan seenessaa tureen kitaaboota hedduutti lubbu horeera.
Waa'ee ogummaa waabeekaa Xalsam yeroo baay'ee falfala jedhamee waamamu hangam beektu?
Wanti kun falfala(magic) akka ta'etti namoonni amanan hedduudha. Namoonni kennaa uumamaati jedhani yaadan garuu qorichaa fi wantoota adda addaaf itti fayyadamu.