Qubsumakoo 44: Nageenyi waara'aa jiraachuu ergan mirkaneeffadheen gala jedha Kamaal

Magaalaa Eden Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Magaalaa Eden, Yaman

Maaqaankoo Kaamiil Ahimad Adam jedhama. Kanan dhaladde godina Harargee Bahaa aanaa Carcaritti. Hadhawarraa fuudhuun ilmoo tokkoo kanan godhadhe ta'us lubbuu kiyya du'a jalaa hambifachuuf jecha qofaa kiyyan biyyaa bahe.

Yeroo ammaa biyya Yeman magaalaa Adan keessan baqattummaan jiraadha. Baqannaa kanan eegale biyyuma keessa utuun jiru gara Oromiyaa lixaa godina Iluu Abbaa Booraatti deemuun ture.

Achi dhaquunis hojii daldalaa hojjechuun eegale. Lafas fudhachuun biqiltuu bargamoo 12,000 ta'u dhaabeera.

Haa ta'u malee, yeroo sanatti Oromoon hojjetee jiraatu waan hinjaalatamneef, osuma hinturiin qabeenyakoo samuun biqiltootan dhaabees mancasanii anaanis hidhuun na dararu eegalame.

Akkaata itti biyyaa bahe

Dhiibbaafi darara narra gahaa tureen hojiikoo idilee hojjeechuun rakkoo natti ta'e. Hidhaa, reebichaafi doorsiisni yeroo adda addaa narra gahaa tureerraa kan ka'es maatiikoo dhiisee biyya akkan bahuuf dirqameera.

Kanumaan bara 2013 keessa Iluubaaboorii irraa ka'uun baha Oromiyaa keessa qaxxaamuruun karaa Jibuutiin Yeman magaalaa Adan gale.

Rakkoolee Yeman keessaa

Filmaatan dhabe malee biyyi Yeman kan itti baqatan miti. Nama biyya Yeman dabalatee, dhabbileen mirga namoomaas ta'e motummota gamtoomanitti komishinii olaanaan dhimma baqattootaa (UNHCR) hundisaanii faara gaariin kan nu simatu, hanga har'aatti hinagarre.

Biyya kanatti seerii baqatoota addunyaa kan eegamuuf baqattoota lammii Somaalee qofaaf. Somaaleen gara kanatti baqqachuu erga eegalte waggoota 40 ol waan taateef, biyya kana keessatti hidda gadi fageeffataniiru.

Kanaafuu gargaarsi barbaachisoon kanneen akka nyaataa, tajaajila fayyaa, biyya sadaffaatti ergamu, biyyuma Yeman keessattis taanaan mirgi guutuun kennameefi uummatatti dabalamanii jiraachuu fi hojjechuu (local integeration) isaaniif ni kennama.

Namoonni keenya garuu haalwwan akkasii irraa fayyadamanii hinbeekan waan ta'eef, dhiibbaaniifi dararamni biyya kanatti nurra gaha jiru gurra addunyaa akka nuuf dhaqabu barbaanna.

Image copyright Kaamiil Ahmed Adam

Bara 2015 yeroo Saawudii fi gamtaan Arabaa walta'uun Yemanii xiyyaaraan haleelaa turan, kan magaalaa kana keessatti hafe nu warra Oromoo fi harraageessa qofa ture. Magaalatiin ona taatee turte.

Mootummoota Gamtoomanitti Komishinarra Olaanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR) balaa waraanaa jalaa geejjibba fidnee isiin baafna jedhanis, osoo nuuf hinqaqabiin ofii isaanitiin baqatan. Haleellaa yeroo sana ta'aa tureen namoota Yeman dabalate namoota hedduutu dhume. Anillee hanga xiqqoofan du'arra oolee.

Biyyi kun aadaa nyaata ofiisaanii heddu qabu. Anas dabalatee namoonni biyya kanaa hedduun kan jaal'atamu nyaata Kufzii jedhamuudha. Daakuu qamadiirraa akka qixxaa biyya keenyaa fakkeeffame kan hojjetamu nyaanni kun qurxummi waliin nyaatama. Nyaata baay'ee gaariidha.

Image copyright MOHAMMED HUWAIS
Goodayyaa suuraa Nyaanni kufzii jedhamu qixxaa biyya keenyaan walfakkaata

Biyya kiyyarra waan heduun yaada, keessattu lageeniifi gaaroota Oromiyaa yoom iyyuu nan yaada. Laga Dhidheesaafi daabanaa akkasumas gaara abba seenaa guddaan yaada.

Biyya Yeman, magaalaa Adan kanan keessa jiraadhu kana keessatti bakki natti tolu tokkoyyu hinjiru. Biyya waraanaan miidhaa turteefi ammayyu sirritti hintasgabaahiin waan taateef diigamaafi miidhaa ciccimoon irra gaheera.

Misoomaleen bu'uraashee waan manca'aniif magaalatiin tajaajila bu'uraa baay'ee miidhamee jira. Qulqullumaa naannoo dhabamurraa kan ka'e balfaan mana fincaanii bahu magaalatti kan ajeesuufi kan nama rifaachiisuudha. Kanaafuu yeroo amma kanatti magaalatii keessa bakki nama hawwatu hinjiru jechuu nan danda'a.

Biyya kana dhufuu kiyyaan wantan buufadheerra jedhu yoo jiraate lubbuukoo du'arra oolfadheera. Biyyakootti lubbuukoo dhabuun malan ture. Kanarra kan hafe biyyaa bahuu kootti rakkina malee faayidaan argadhe tokkollee hinjiru.

Yeman keessatti jijiirama barbaachisu

Osoo angoon cimaan tokko naaf kennamee biyya kana keessatti nagaafi tasgabbi buusuun hojiikiyya hangafa ta'a. Mirgi namoomaa magaalaafi gurraachaa kan akka keenyaa akka kabajamuuf dhiibbaa guddaan godha.

Akka amma jirutti Yeman keessatti namni bifa arabatti dhihaatu hinqabne kabajaa hinqabu.

Haala tessumma lafashee dabalate magarisummaafi qilleensishee Oromiyaa kan natti fakkaattu naannoo Dhiib jedhamtu jirti. Magaalaa Adan irra achi baate argamti. Bakka kana wayitan dhaqu, waanan Oromiyaa jiru natti fakkata. Kanaafu biyyakoo nayaachifti jechuudha.

Haala rakkisaa biyya kanaatti narra gahe keessa inni guddaan rokkoo bara 2015 yeroo mootummooti 12 Yeman haaleelaa turan sanaatii. Samiifi lafarraa dhukaasaafi dhohiinsii boombii ta'aa ture. Jireenya heddu rakkisaa dabarsineeras.

Namoonni heddunis waan nubiratti dhumaniif sun haala baay'ee sukkanneessaa fi har'allee madaa sammu natti ta'ee kan hafeedha.

Haala biyya kana keessa itti jiraannuurraa, biyyatti galuun baay'ee gaarii ture. Akka nama tokkootti jijirama ta'aa jiruufi haasa ministirri muummee haaraan godhaa jirus jaaladheera. Haa ta'u malee, naannoo keenyatti ammalee lammiileen keenya ajjeefama jiru. Oduun malee nagaan bu'e hinjiru. Kanaafuu osoon kana dhagahu akkamittan gala.

Gaafa furmaanni sirriin uummata keenyaaf kennamee fi nagaan waara'aan jiraachuun mirkana'uu gammachuunan biyyakootti deebii'a.

Odeessa kana irratti dabalata