Filannoo Zimbaabwee: tasaggabbiin akka bu'u gaafatame

Fillannoon booda mormii uummataa ka'e dhaabsisuuf magaalaa Haraaree keessatti loltootni waaraana banan Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Loltootni mormitoota bittinsuuf Haraaree keessatti dhukaasa banan

Filannoo Wiixata darbe gaggeefame hordofee mormii uummataa fi tarkaanfii mootummaan fudhateen yoo xiqqaate lubbuun nama sadii badee jira.

Haalli nageenyaa yaaddesssaan uumame akka tasgabbaa'u dhaabbileen idila addunyaa gaafatan.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii fi Koloneeffattuun Zimbaabwee duranii UK'n haalli biyyattii hanga ammaatti lubbuu namoota sadii dhukaasa hidhattoota mootummaan darbuun isaan yaaddessuu himuuniiru.

Erga Roobart Mugaabeen aangoorraa buufamanii filannoo yeroo duraaf gaggeefame kana, dhaabni biyyaa bulchaa jiru Zanu-PF akka mo'ate ibsameera.

Dhaabni mormituu garuu Zanu-PF filannicha hateera jedha.

Bu'aan filannoo Pireezidantummaa kanaa ifattii kan hin labsamne yoo ta'u tokkummaan mormitootaa MDC garuu kaadhimamaan isaanii Nelsoon Chamiisaan dorgamaa isaa Pireezidant Emmerson Manaangaagwaa akka injifate labsaa jiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, namoonni siyaasaa Zimbaabwee of eeggannoo akka godhan gaafataniiru.

Ministirri Waajira Haajaa Alaa UK Haarriyeet Baaldiwiin rakkoo nageenyaa mudateen 'daran yaadda'uu' ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata