Jawaar Mahaammad miilaan magaalaa Amboo keessa deeme

Jawaar miila duwwaa Image copyright Social Media

Xinxalaan siyaasaa fi hoji gaggeessaan olaanaa OMN Jawaar Mahaammad miilaan magaalaa Amboo keessa deeme.

Jawaar lammiilee qabsoo irratti wareegaman jedhef yaadachuuf miilaan akka deemu beeksisee ture.

Yeroo miilaan deeme kan waliin ture Ingiduu Cimsaa BBC'tti akka himetti ummanni isa marsee ture.

Gama kaanin, name biraa Ambooti haasofsiifne kan Jawaar miilaan deeme naannoo meetira 50 ni taha jedheera.

Jawaar Mohaammad turtii waggaa 10 olif biyya alaa erga jiraataa ture booda guyyaa kaleessaa biyyatti deebi'un isaa ni yaadatama.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Jawaar maaliif biyya gala

Simannaa isaaf ummanni kuma hedduutti lakka'amu daandii magaalaa Finfinneetii bahe kan simate yoo ta'u dhaabbanni Oromiyaa Miidiyaa Networkis waajjira isaa Finfinneetti baneera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata