"Magaalota Jigjigaafi Dirree Dhawaatti lubbuu darbeen gaddineerra" - MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Ministirri Mummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad jeequmsaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti uumameen walqabatee lubbu badeen baayyee akka gaddan ibsaniiru.

Kana malees, sababii hokkara magaalaa Dirre Dhawaa keessatti uumameen lubbuu lammiilee badeef gadduus ibsaniiru.

Akka itti gaafatamaan Waajjira Ministira Muummee Obbo Fitsum Araggaa tiwitariin ibsanitti, gochaawwan magaaloota laman keessatti raawwatan cimsuun balaalleffataniiru.

Jeequmsa tibbana magaalota Dirredhawaa fi Jigjigaatti umameen badiinsa lubbuu lammiilee qaqabeen alattis bataskaanooti gubbachuun, namoonni hedduunis balaaf saaxilamaniiru.

Lammileen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii irraa buqqaafamaniiru.

Har'a raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa magaalaa Jigjigaa galuun nagaa akka kabachisaniif ajajjin kennamufiisaa Ministirri dhimmoota komunikeshinii motummaa federaalaa beeksiiseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata