Ameerikaa: Shamarreen eebbaaf geesse naacha waliin suura kaate

Madda suuraa, Makenzie Noland
Shamarree umurii waggaa 21 kan naachatti dhiyaattee suura waliin ka'uun hawaasa barsiifte
Barattuun Yuuniversitii Teeksaas A&M jedhamu keessatti barachaa turte Naachatti dhiyaattee suura waliin kaatee mul'isteetti.
Shamarree Makenzie Noland jimaata dhufu damee barnootaa Saayinsii Bineensotaa fi Qurxummiilee jedhamuun kan eebbifamtu yoo ta'u, yaadannoo eebbasheetiif jetteeti suura kana kan kaate.
Ameerkaa kutaa biyyaa Teeksaas keessatti maatii 'Alligator' jedhamu jalatti naacha guddaa kan ta'ee fi meetira 4 kan dheeratu waliin suura kan kaate barattuu Makenzie Noland, bineensotaan michummaa uumanii jiraachuun akka danda'amu barsiisuu akka barbaaddu beeksisteetti.
Iddoon eegumsa bineensotaa kun Naachotaa fi Reppitaayiloota 450'f da'oo ta'ee jira.
Makenzien giddu gala kana galuun eegumsaa fi kunuunsa bineensotaarratti hojjechuu barbaaddi.
yeroo mara bishaan keessa naacha kana waliin akka bashannantuu fi naachi kun wayita isheen waamtuu fi sochii harkaatiin waa itti agarsiistu akka hubatullee BBCtti himteetti.
Madda suuraa, Makenzie Noland
Gaafa tokko naachi kun akka carraa na nyaata sodaa jedhus qabdi
Bakka Makenzie Noland itti guddatte Bellevue , Nebraska keessatti bineensota waliin hariiroo uumuu mitii itti dhiyaachuuniyyuu waan yaadamuu miti, isheen garuu bofaan taphachaa, bineensota haammachaa , akkasumas ammoo waa'ee bineensotaa hawaasa barsiisaa akka turte BBCtti himteetti.
Shamarreen kun suura kanaan hojiiwwan bona guutuu bineensota waliin michummaa uumuun hojjechaa akka turte agarsiisteetti.
Suuraansheen miidiyaa hawaasummaarratti maxxansites namoota hedduudhaan qooddateera, namoota hedduus dubbachiiseera.
Eebbashee boodas hojii kunuunsa bineensotaatiin itti fufuu akka barbaaddu ibsiteetti.
Madda suuraa, Makenzie Noland
Eebba booda kunuunsa bineensotaarratti hojjechuu akka barbaaddu ibsite shamarreen kun
Aarbaa Mincitti naachi paastarii amantoota cuuphaa ture ajjeese
Naannoo Sabaa, Sablamootaafi Uummatoota Kibbaatti Hora Abbayaa naannawaa Aarbaa Mincitti argamutti paasteriin amantoota cuuphaa turan naachaan ajjeefaman.