Abdii Mohaammad Omaar to'annoo jala oolan

Abdii Mohaammad Omaar Image copyright BBC Somali

Pireezidantii mootummaa naannoo Somaalee kan turan Abdii Mohaammad Omaar to'annoo seeraa jala oolan.

Abdii Mohaammad Omaar kaleessa aangoo isaanii gadhiisaniis dura taa'aa dhaaba naannicha bulchaa jiruu ta'uun akka itti fufan ibsameet ture.

Abdii Mohaammad Omaar Masaraa magaala Jigjigaa keessaa miseensota raayyaa ittisa biyyaan qabamanii akka to'annoo seeraa jala oolan maddeen BBC Somaalee mirkaneessanii jiru.

Sanbata darbee eegalee Jigjiigaa fi nannooisheetti rakkoo nageenyaa mudate tasgabbeesuuf raayyaan ittis biyyaa fi Poolisii Federaala gara naannichaatti akka seenu ajajamuun ni yaadatama.

Ahimad Abdii Mohammad pireezidantii naannichaa ta'uun muudamaniiru.

Ahimad Abdii Mohammad Pireezidantiin naannichaa haaraan, BBC Somali waliin gaaffiifi deebii taasisaniin koreen giddugaleessaa paartii naannicha bulchu gaggeessaa haaraa filatu isaa himu.

Dabalataanis, pirezidantiin duraanii kanaan dura yeroo hedduu aangoorraa bu'uf gaafachaa turuu isaanii turtii kaleessa BBC waliin taasisanin himaniiru.

''Waggoottan afran yookaan shanan dabran keessatti aangoo gadhiisuuf gaafataniiru. Paartiin garuu gaaffii isaanii osoo hin fudhatin hafeera. Har'a garuu koreen giddugaleessaa dhaabichaa gaaffii isaanii fudhateera.''

Odeessa kana irratti dabalata