Poolisiin Zimbaabwee hooggantoota dhaaba mormituu adamsaa jira

Loltoota mootummaa Zimbaabwee Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Mormii mudate furuuf tarkaanfii humni waraanaa fudhateen namoonni jaha ajjeefamaniiru.

Hooggantootni gameeyyii dhaaba mormituu walta'iinsa dhaabbilee biroo ta'e MDC sagal filannoo falmisiisaa biyyattiin gaggeesitee booda Poolisii Zimbaabween adamsamaa jiru jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Hooggantootni kun deeggartoota isaanii mormii seeraan ala ta'e Roobii darbe akka gaggeesan kakaasaniiru jedhamuun shakkaman.

Magaala guddittii Haraaree keessatti mormii ture tasgabbeessuuf tarkaanfii waraanni fudhateen namoonni jaha ajjeefamaniiru.

Tokkummaan MDC Wiixata darbe filannoon gaggeefame pireezident Emerseen Manaangaagwaan aangoorra haa turaniif sagaleen hatameera ibsa jedhu baasaniiru.

Komiishiniin filannoo biyyattii gama isaan dogooggoorrii fi hanni tokko hin jiru jedheera.

Ministirri maallaqaa duraanii biyyattiifi hooggansa MDC keessaa kan ta'an Tendaayi Bitii namoota ppolisiin barbaadaman keessaa tokko.

Waraqaan akka hidhaman irratti barraa'e fi BBC'n argate akka ibsutti Bitiin, hoogganaan dhaaba isaanii Neelson Chamiisaa filannicha mo'ataniiru jechuun seeraan ala labsuu isaaniiti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata