Waligaltee ABOfi Itoophiyaa: gaaffii Oromootu ABO dhalche

Worqinaa Gabayyoo , Daawud Ibsaa fi Lammaa Magarsaa Image copyright Workineh Gebeyehu

Waliigalteen ABO fi Mootummaa Itoophiyaa Oromiyaa tasgabbeessurra darbee nageenya gaanfa Afrikaaf gahee guddaa qaba jedha dhimma siyaasa Oromoorra kan hordofu dargaggoo Lammii Beenyaa.

''Namni maqaa ABO'n hinshakkamiin, namni Oromiyaaf quuqamee maqaa ABOtiin hindararamiin, hindhiibbamiin, itti hinroorrifamiin hinjiru'' jedha dargaggoo Lammiin.

Amma Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi mootummaan Itoophiyaa gara nagaatti dhufuun, tokkooffaa ABO gaaffii uummataa kan haqaa qabaachusaa mootummaan Itoophiyaa amanuu isaa agarsiisa akka Lammiin jedhutti.

''Itti aane garuu ABOn kana booda biyya sana keessatti nagaadhaan hirmaachuun roorroofi roorrisni kana dura ture, dulli uummatarratti labsamee hanga ammaatti hidhaafi ajjeechaan, akkasumas baqattummaadhaaf uummata keenya saaxile ni dhaabbata jedheen yaada,'' jedheera.

Mariin amma sadarkaan irra gahame kun: ''tokkooffaa qabsoon keenya injifannoo guddaan akka golabamu, lammaaffaa, nageenya amansiisaan Oomiyaa keessatti ta'e Itoophiyaa keessatti akkasumas ammo gaanfa Afriikaa keessatti akka dhufuuf gahee guddaa qaba'' jedha.

''Inni sadaffaan ammo biyyi keenya gara dimookraasitti nagaafi saffisaan akka ceetuuf gumaacha olaanaa qabaat.''

Araarri kun siyaasa Oromoo keessatti jijjiirama maalii fida?

Addi Bilisummaa Oromoo hundee gaaffii Oromootiin dhalate, gaaffii Oromootu ABO dhalche. ABO'n siyaasa biyyaatti keessatti iddoo qabaachuun uummanni keenya gadaa itti aanuufi jaarra itti aanuuf karaa isaaf ta'u akka filatuuf karra ni saaqa.

Gama biraatiin ammo dhaloonni ittaannu kun murannoo dhaaba kanaa dhaaluudhaan, qabso dhaaba kanaa dhaaluudhaan Oromiyaa jabduu, uummata jabaa diinagdeefi siyaasaafi kallatti hundumaatiin jabaate ni ijaaru jedheen abdadha.

Araara kanatti wanti danqaa ta'u

Araarri kun gutummaa guutuutti ni milkaa'a waanta jedhu nan qaba, milkaa'uuf carraan bal'aatu jira. Sodaan garu hinumajira, kan akka paartiidhaan wal qoodu, jaarmiiyaadhaan walqoodu, kanarratii fagaachuu danda'udha qabna.

''Jaarmiyoonni walitti dhufanii, araaramanii, mari'atanii, humna keessa yookan ammo mooraa qabsoo Oromoo baay'ee akkanni ititu gochuu danda'uu qabu. Yoo kun hintaane rakkoon keenya humna biraatiif carra ta'ee balaa hintaane nutti fiduu danda'a jechuudha. Isa kana garuu irra aanuu danda'uu qabna.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata