Yaadannoo rogeessa farra-gudeeddii lammii Afrikaa Kibbaa of ajjeefte

Kensaanii Maasekoo, Inistaagiraamii ishee irraa Image copyright Khensani Maseko
Goodayyaa suuraa Kensaanii Maasekoo gudeeddii yunivarsiitii keessatti raawwatu ifatti mormuun beekamti

Duuni barattuu seeraa fi rogeessa farra-gudeeddii Afrikaa Kibbaa, dhimma gudeeddii Afrikaa Kibbaatti baay'ate ijoo dubbii godhe.

Kensaanii Maasekoo, 23, barreeffama ''eenyuyyuu gudeedamu hin qabu'' jettee Instaagiraam irratti erga barreessite booda torban darbe of ajjeefteetti.

Du'u ishee guyyaa tokko dura barattuun waggaa sadaffaa kuni baatii Caamsaa keessa barataadhaan akka gudeedamte hoggantoota Yunivarsiitii Roodes Giraahamistaawan argamanitti himtee turte.

Bulee isaas yunivarsiitichi maatii ishii qunnamuufi manatti ishee geessu beeksiseera.

Du'a isheetin barattonni guddaa gaddaniiru. Bakka buutonni barattootaa barumsi akka dhaabbatu jedhani booda muummeen barnootaa isheen keessatti barattu guyyoota lamaaf barumsa dhaabeera.

Afrikaan Kibbaa biyya dubartoonni hedduu itti gudeedaman kessaati. Waggaa darbe poolisii biyyattiitti yakki akkanaa 4,000 gabaafameera.

Dhimmichi yaaddessaa waan ta'ef dubartoonni kuma hedduu ta'an torban darbe hiriira bahanii ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata