Wal'aansoo jireenya daandiirraafi kalaqa kophee ribuu - shamarree Masarat Faxxenee

Shamarree Meseret Faxxanaa kophee harkaan yoo hodhitu

Shamarreen bu'aa bayii jireenyaa hedduu dabarsite kun seenaa ishee akka armaan gadiitti nuuf qooddeetti.

"Ani carraa abbaa fi haadha koo walin guddachuu hin arganne. Umrii koo waggaa torbatti mana namaa hojjechuu eegale"

Maqaan koo Masarat Faxxanaa jedhama. Magaala Bishooftuu keessattin dhaladhee guddadhe.

Daa'imummaa kootti jaalala maatii fi obbolaa osoon hin argiin mana alagaa keessa hojjechuu eegale.

Jireenyi mana namaa rakkisaa fi akka barbaadan kan namaaf hin taane dha.

Kanaafis jireenya fooyyee barbaacha bara 2004 magaala itti dhaladhe Bishooftuu dhiisee gara magaala Finfinneetti godaane.

Magaala Finfinnee keessattis humna ijoollummaa kootiin maatii dargaggootaaf ga'eessotaan guutame keessa qacaramee hojjechuu eegale.

Mana kana keessatti hojii guyyaa guyyaan hojjedhu caalaa fayyaa fi lubbuu koof sodaachisaa kan ture yaalii gudeeddii dargaggootni manicha keessa jiraatan lama irra deddeebiin narratti raawwachaa turanidha.

Guyyaa tokko haati warraa dargaggootni lamaan akka na rakkisan osoo beektuu kophaa na dhiistee deemte.

Isaanis lama ta'anii gara kutaa ani keessa bulutti dhufanii balbala cufanii humnaan na gudeeduuf yaalan.

Sana boodas namni sagalee koo dhagahee wayita birmatu na dhiisanii deeman.

Yaalii gudeeddii narratti raawwatame booda mana sana jiraachuu nan jibbe.

Mana sana keessa bifa kanaan jiraachurra konkolaataan na nyaachuu wayya jedhee jireenya haaraa daandiiwwan Finfinnee irratti eegale.

Guyyaa tokkollee daandiirra nan jiraadha jedhee yaadee hin beeku.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Masarat Kophee

Jiraattota daandii gubbaa yeroon argullee sammuun koo ni jeqama ture garuu anis daandirra buluuf dirqame.

Jireenya daandii gubbaa fi hojii 'liistiroo'

Mana namaatti qacaramee wayitan hojjechaa turtetti mindaa ji'atti qarshii 50 naaf kennamu irraa 25 kaffalee barnoota hanga kutaa sadaffaatti barachuu danda'een ture.

Rakkoowwan na mudataa turan garuu kana caalaa na deemsisuu hin dandeenye, barumsa koos addaan kute.

Fakkii kaasuuf jaalala guddaa waanan qabuf wayitan daandirra jiraadhutti gara iddoo Goorgis jedhamutti deemun fakkii nan kaasa ture.

Dargaggoo jaalalleefi booda immoo abbaa intalakoo ta'es wayituman fakkii kaasu wal barre.

Jaalallee koo waliin dhagaa tuullee gubbaarraan immoo sharaa irratti afnee naannoo sidist kiilootti daandii cinaa waliin jiraachuu eegalle.

Mana sharaa keessa jiraachuun ulfaataa dha. Roobni yeroo roobu nu miidha. Guyyaa tokko tokko immoo keessattuu yeroo walgahiin gurguddaa jiraatu poolisootni achii nu ari'u.

Kanaafis jireenyi daandii gubbaa jibbisiisaa fi ulfaataa ture.

Abbaa warraa koo walin warroomne walin jiraannullee inni hojii hin hojjetu ture.

Abbaan warraa koo guyyaa tokko magaala Finfinneedhaa bahee gara iddoo biraa waan deemef haala kophee itti qulqulleessan gonkumaa osoon hin beekiin meeshaa liistiroo isaa qabadhee kophee namootaa qulqulleessuu eegale.

Ulfa ta'ee hangan dahuttis hojii kophee qulqulleessuu itti fufee hojjechaan ture.

Goodayyaa suuraa Kophee ribuu irraa hojjetan yeroon hojii kophee qulqulleessuu hojjedhun baradhe

Daa'ima koo ergan dahee booda namni na gargaaru gonkumaa waan hin turref guyyaa jahaffaatti gara hojii kophee qulqulleessutti deebi'e.

Nyaata illee yoon argadhe nyaadhee yoon dhabe immoo agabuu koo daa'ima too of cinaa ciibsee kophee qulqulleessa.

Kalaqa kophee

Akkaataa kophee ribuu irraa hojjetan yeroon hojii kophee qulqulleessuu hojjedhun baradhe.

Amma ribuu fi kuulaan kopheewwanfi uuffatawwan siree dizaayinii garaagaraa kalaqa koo kan ta'an nan hojjedha.

Kophee buutsii, filatii, dhiiraaf shabaxii akkasumas dubartootaaf immoo sliiparii nan hojjedha.

Kana malees saqqii fi marxoos harkuma kootin nan hojjedha.

Ribuun ani kophee ittin hojjedhu baay'ee jabaataa waan ta'ef osoo hin citiin hanga waggaa shanii turuu danda'a.

Haa ta'u malee gabaan koo baay'ee xiqqaa dha.

Meeshaalee ammayyaa hojii kophee kanaaf barbaachisanis hin qabu. Yeroon qaamolee mootummaa gaafadhu mana jireenyaa qabsiisee akkan liqeeffachuu danda'u natti himan.

Animmoo mana liqaaf qabsiisu miti kiraa manaa keessa jiraadhu kaffaluun illee baay'ee natti ulfaata.

Haa ta'u malee boru wanti gaariin uumamuu danda'a jedhee abdiin jiraachaa jira.

Odeessa kana irratti dabalata