JIgjigaa: Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa magaalaa Jigjigaatti miiliyoona 40 ol ‘saamame’

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Image copyright CBO
Goodayyaa suuraa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa

Hokkaraa fi saamicha torban lama dura magaalaa Jigjigaatti dhalateen Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa qarshii miiliyoona 40 ol saamame.

''Horii guddaadha. Qarshiin saamame gara miiliyoona 40 dha. Meeshaan badees yeroo walitti ilaallu gara miiliyoona 3 ni ta'a,'' jechuun pireezidaantiin baankichaa himaniiru.

Pirezidaantiin baankichaa Obbo Darribee Asfaaw BBC'tti akka himanitti, qarshiin seera jala oolu isaatiin alatti kan nuuf deebi'e hin jiru.

''Qarshiin deebi'e hin jiru. Bakka bakkatti Somaale laandittis kan qabame jira jedhan malee kan deebi'ee baankiitti gale hin jiru.''

Qarshiin to'annoo jala oole hangam akka ta'e hin beeknu kan jedhan Obbo Darribeen, dhimmicha hordofaa jiraachuu dubbataniiru.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti hogganaa kominikeeshinii fi indoktireeshinii kan ta'an Mejar Janaraal Mohaammad Tasammaa, qabeenyaa saamame deebisuuf koreen hundaa'eera.

Koreen kuni jaarsolii biyyaa, Ugaasota, daldaltootaa akkasumas jiraattoota irraa kan walitti dhufedha.

Qarshiin alatti konkolaattonni lakkoofsaan hin beekamne hedduu to'annoo jala ooluu nutti himaniiru.

''Konkolaataan hedduu saamame ture deebi'eera,'' kan jedhan qondaalli raayyaa ittisa biyyaa, hedduun isaanii achuma naannicha keessaa qabamani jedhan.

Hokkaraa fi saamicha torban lama dura magaalaa Jigjigaa fi magaalaalee kaanitti dhalaten lubbuun nama hedduu darbeera.

Ergasiis Pirezidantiin naannichaa fi dura taa'aan dhaaba naannicha bulchu jijjiiramaniiru.

Torban darbe eegales nageenya to'achuf naannoo Somaaleetti komaand poostiin hundaa'uun isaa ni yaadatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata