Qubsuumakoo 45፡ ''Qulqullinashee malee Finfinnee naaf wayya''

Andu'alam Kabbada

Madda suuraa, ANDUALEM KEBEDE

Maqaan kiyya Andu'alam Kabbada jedhama. Namoonni baayyeenis maqaa moggoo kiyya Mondoon na beeku.

Miidhamaa qaamaa yoo ta'u, oggummaan kiyyas shubbisaadha.

Maqaan magaalaa amma keessa jiraadhuus xiqqoo ni cima. Innis Magaalaa Jarmanitti argamu Ludivaagisiyaafiin jedhamti.

Sababiidhuma mataa kiyyaatiin biyyaa bahuun asi ergan dhufeen booda kolugaltummaa gaafachuun Jarmaniitti hafeera. Ergan asi dhufee waggoota afur guteera.

Akka seera biyya kanaatti namni yoo kolugaltummaa gaafatu, haala mijeessuun magaalaa barbaadanitti ramadu. Anis haala akkasiitiin magaalaan amma keessa jiradhu kanatti kan ramadame.

Anaafi jarnamii fi Itoophiyaa wal madaalchisuun baayyee natti ulfaata. Sababiinsaas waan isaan walfakkeessu argachuun na dhiba. Jarman biyya baayyee calli jetteedha. Biyyoota gara biraa waliin yoo wali biratti ilaalu, Jarman kan baayyee ho'iitu miti. Kan tasgaboofteedha.

Fakkeenyaaf, haalli qilleensa ishee adda dha. Wqitiin qorraa fi ho'aa yeroo hundumaa baayyee cimaadha. Kana jechuunis tibba ho'aatti garmalee ho'aa ykn tibba qorraatti baayyee dilalaa'aa. Kanaafuu qulqullna ishee malee anaaf Finfinnee wayya.

Kanaan alatti nama akka kiyyaa miidhama qaamaa qabuuf filannoon tajaajjila geejiibaa gaariitu jira. Kanaan alatti waan baayyee adda ta'ee hinagarre.

Wayitan biyyaa bahutti awutobisiin Bushooftu jedhamu akka hojii eegale midiyaalee hawaasaa irratti argeen ture. Asiis akka carraa ta'ee awutobisiin isa fakaatu magaalaa Ludiviigisiyaafin keessa jira.

Awutobisoonni biyya kanaas haala konkolaachiftoonni itti namoota miidhama qaamaa qaban, jaarsoolii fi daa'iimman gaariin oofamaniif mijatuu itti saaqan qaba.

Madda suuraa, ANDUALEM KEBEDE

Magaalaa Finfinnee baayyeen yaada. Biyyi tokkoos urgaa mataa isaa qaba. Kanaafuu urgaa biyya kiyaa baayyeen yaada.

Waanana dhukkuba sukkaaraa qabuufu sooratan nyaadhuuf yeroo hedduu ofi eeggannoon taasisa. Nyaatawwan 'magaalla'aanan' filadhee nyaadha jechuudha.

Yeroo baayyees nyaatawwan akka paastaa, ruuzii, kukiisiifi akkaa qincee kan fakkaataniin hojjadhee nyaadha.

Yeroon magaalaa sababii bashannaanaatiif ta'ee wan gara biraatiif deemuutti, nyaata 'Kebaabi' ykn 'doonar' jedhamuufi foon qixxaa keessatti maramee dhiyaatu nyaachuun jaaladha; na gammachiisas. Sirriiyyu Sanabata dhufaa waanan magaalaa deemuuf isiniis nan affeera.

Madda suuraa, ANDUALEM KEBEDE

Ibsa waa'ee suuraa,

nyaata 'Kebaabi' ykn 'doonar' jedhamuufi foon qixxaa keessatti maramee dhiyaatu

Ergan asi dhufe kan na dinqisiisee, namoonni akkan shubbisaa ta'u kiyyaa erga beekanii haalli namooti argasiisaniidha. Nuti eddoon warra adiif kenniinu olaanaadha jedheen amana.

Kana kanan jedhees haala qaama kiyyaa irraa ka'uun. Kunis 'ati miidhaa qaamaa osoo qabdu attamiin shubbifta?' naan jedhu. yeroo tokko tokkos fuula namootaa irraa miira shakkiin hubadha.

Yeroo tokko tokko ammoo, hanga bitaa natti galuutti gaaffiileen ''maaliif hojii hinhojjannee'' jedhuu naaf dhiyaata. Akkan miidhamaa qaamaa ta'ees waan dagatan natti fakkaata yeroosana. Kun ammoo akkan cimu na taasisa.

Mana kiyyaa taa'ee yoo karaa foddaatiin ala ilaaluus, mukeen baayyee na gammachisan sadiitu mulata. Isaan yoon ilaaluttis tartiiba qabatanii dhaabachuun iaaniifi naatoo/siimboo isaanii dinqisifachuun gammachu naaf kenna.

Mukeen kanneenis tibba gannaa ni muru. Tibba bonaa ammoo akka rifeensa gaaritti baala isaanii sirreessuun bareechu. Mukeen kanneen alatti waan natti mulatu kan biraa hedduun hinjiru.

Madda suuraa, ANDUALEM KEBEDE

Ergan asii dhuufee kaasee waan baayyee taajjbeera. Siriiyyuu yeroo tokko tokkos dhimmiinni osoon humna qabaade na jechisiisan jiru.

Fakkeenyaaf namoonni waajjira dhimma baqattootaa keessa hojjatan tokko tokkoos, barcuma cirumaa isaaniif hinmallee irra taa'an yeroo itti na jechisiisu jira. Namoonni waajira motummaa keessa osoo hojjatanuu baqattoota tajaajiluuf mindeefamanii garuu ifatti baqattoota hinjaalannee jiru.

Jarreen kanneenis bakka isaanitii osoon kaasu danda'e natti tola ture. Sababiin isaas jarreen kunneen warra dhiibbaa taasisan, sodaa umaniifi beekumas waraqaa namoo balleessaniidha.

Faallaa jarreen kanneen ammoo gareen ijaaramuun kanneen kaayyosaan namoota gargaaru taasifatanis jiru.

Dhimmi hanga ammaatti na dinqu, wayitan asi dhufu maal eessa akka jiruus ta'ee eessa deemuu akkan qabaadhu wantin beeku hinturre. Na fiduun qofa asi na kaa'an. Afaanis hinbeekun ture. Eddoos waanan hinbeekneefu wa gochuun yeroo tiit bitaa natti gale ture.

Waraqaa eeyyama jireenyaa argachuuf beelamni naaf kennamee, xalayichas dhufuun lakoofsi daandii qofti naaf kenname.

Yeroon jireenya kiyya keessatti baayyee cimaafi yeroo sodaachisaa ture jedhu isa ture. Ha'us yoo waanti hundi cimu, socha'u, deemuu fi waa yaaluun dirqama ta'a. Kanaafu anis yaalu eegale.

Osoon amma akka tasaa Itoophiyaatti deebii'u dand'a ta'ee osoon waldaa ortodoksii Qidista Maariyaamiiti of arge nan hawwa.