Waldaa Ortodoksii Itoophiyaa fi Afaan Oromoo

Abbaa Aragaawii Namoomsaa Wiirtuu Image copyright Abba Aregawi

Afaan Oromoon faarfachuufi lallabuun komatamanii dhiheenya kana dubbii ijoo marsaalee hawaasaa kan turan lubni amantaa Ortodoksii Abbaa Aragaawii Namoomsaa Wiirtuu, waa'ee amantaa Ortodoksii fi dhimmoota Oromoo waliin walqabatan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Abbaa Aragaawii wayita ammaa Ameerikaa - Jaakson Filooridaa waldaa Ortodoksii Qiddus Gabreel keessa tajaajilu.

''Namoonni akka ofii fi afaan isaanitti hin boonneef, nama ta'anii dhaabbatanii akka hin deemneef, akkasumas gadi ilaalanii akka deemaniif namoonni godhan bataskaana kana keessa jiru,'' kan jedhan Abbaa Aragaawii Namoomsaa ''Rakkoowwan hedduuf maddisaa rakkoo bulchiinsaati,'' jedhu.

Waa'ee moggaasa maqaa

Fayyeeraa Namoomsaa Waarituu, Oromiyaa Wallaga Bahaa keessatti dhalatan. Amantaa Ortodoksiin erga lubummaa fudhatanii booda ammoo Qomoos Abbaa Aragaawii Namoomsaa Waarituu jedhamuun moggaafaman.

''Taayitaa wayita fudhannu maqaa qulqulloota durii nu moggaasu,'' jedhu.

Haa tahu malee maqaasaanii duriis qabatani luba tahuu akka danda'anis dubbatu.

Iddoo gadaamii sana keessatti isaan qofa osoo hin taane warri Amaaraas tahe kaan maqaa jijjiirratu jedhaniiru.

Hariiroo Waldaa Ortodoksii fi uummata Oromoo

Waldaan Ortodoksii Itoophiyaa yeroo baayyee afaan, aadaa fi duudhaa Oromoo irratti dhiibbaa geessisuun komatamti.

Abbaa Aragaawii ''Isa siyaasaa dhiifnee akkuma amantiitti yeroo dubbanu, Waldaan Ortodoksii fi uummanni Oromoo seenaa bara dheeraa qabu,'' jedhu.

Ummanni Oromoo amantii kana fudhatee bara dheeraa jiraachuusaas dubbatu.

''Amanticha fudhatanii, hubataniis hubachuu baatanis, amantii kooti jedhanii waliin jiraachaa jiru,'' jedhu.

Image copyright Abba Aregawi N Wirtu
Goodayyaa suuraa Abbaa Aragaawii Namoomsaa Wiirtuu

Waldaa kana keessatti Afaan Oromoon barsiisuun bakka itti rakkoo tahuu fi hin taaneetu jira jedhu Abbaa Aragaawiin.

''Irra caalaan naannoo Wallaggaatti Afaan Oromoon barsiifama. Iddoowwan biraatti ammoo Afaan Oromoon barsiisuun nama dhiba.''

Bataskaana kana keessatti namoonni gaaffii afaanii irra deddeebiin gaafachaa jiru jedhu.

Waldaaleen Ortodoksii 13,000 ol tahan naannoo Oromiyaa keessa akka jiran kan dubbatan lubni kun, ''akka baayyina bataskaanaa uummata kana keessa jirutti warra afaanii fi aadaa uummataa beekan walitti qabanii hin barsiifamne.''

Warri Tiyooloojii (barnoota amantaa) barachuuf Jimmaa fi Wallaggarraa galanis baayyeensaan namootuma aadaa fi afaan hin beeknedha jedhu.

Kun ammoo beekumsi amantichaa guutummaan guutuutti gara ummataatti akka gahuu hin dandeenye taasiseera jedhu.

''Maddi rakkoo kanaas bulchiinsadha,'' jedhu Abbaa Aragaawii Namoomsaa.

''Guutummaa Itoophiyaatti Afaan Amaaraa fi Gi'iiziin lallabama malee, akkuma amantoota warra kaanii jabaatanii hin hojjetanne.''

Reefu garuu hojiin gama kanaan hojjetamaa akka jirus himan. ''Dargaggoonni fi faarfattoonni tokko tokkos dhama'aa jiru. Ammayyuu dhamaatiin isaanii gargaarsa hin arganne,'' jedhu.

Kabaja afaanii fi hir'achuu hordoftootaa?

Ummanni Oromoo uummata waliin jiraachuu jaalatuu fi afaansaa kabajuu barbaadudha kan jedhan lubni kun, ''uummanni kun yeroo afaanii fi aadaa isaatiin itti lallabamu ni gammada,'' jedhaniiru.

Warra amanticha hordofan qofa osoo hin taane, warri amantii biraa hordofaniis, yeroo afaaniin dubbatan baayyee akka gammadanis himaniiru.

Image copyright Getty Images

Namoonni miiliyoonatti lakkaa'aman bataskaana sana keessaa bahan, amantii Ortodooksii jibbanii miti. Afaan isaaniitu hin kabajamne.

"Osoo akka baayyina bataskaana naannoo Oromiyaa jirutti hojjetameera tahee, ofirrayyuu darbanii Oromoota biyya Keeniyaa keessa jiraniifuu waan gaarii hojjetu ture.'' jedhu.

Waaheen afaanii waldaa Ortodoksii keessatti ajandaa tahee akka hin kaane dubbatu.

Waldaa Ortodoksii fi aadaa Oromoo

Waldaan Ortodoksii Itoophiyaa aadaa fi duudhaa akkasumas Afaan Oromoo dabalatee saboota biroo balleessuun yookaan bakka buusuun komatamti. Kanaaf Abbaa Aragaawii Namoomsaan wayita deebisan:

''Keessasaa namoonni fedhii siyaasaa qabaatan itti haa fayyadamaniyyuu malee, waldaan Ortodoksii mootummaa Waaqayyoo labsiti,'' jedhan.

Bataskaana kana keessatti Abbaan Gadaa Ortodoksii tahan jiru jedhu.

''Namoota biyya sana bulchuu barbaadantu amanticha fayyadaman,' jedhanii akka amananis himaniiru.

Dhimma jijjiirama maqaanis walqabatee, namni tokko maqaa hafuuraa fi maqaa dhalootaa qaba jedhu.

Namni daa'imummaatti amantichatti cuuphamu maqaa qulqullootaa fi Waaqayyoon cuuphama.

Faakkeenyyaaf Walda Madiin (Dhaloota Gooftaa yesuus), Gabra Tsaadiq (Garbicha Qulqulluu) jedhamanii cuuphamu/moggaafamu.

Yeroo moggaafaman garuu maqaan dhalootaa isaanii akkuma jirutti itti fufa jedhan.

Image copyright Getty Images

Lallaba Afaan Oromootiin

Barnoota amantaasaanii Afaan Oromoon uummata bira gahuuf garee fi dhuunfaan waa hedduu akka yaalan kan dubbatan lubni kun, ''Ari'atamni guddaa narra waan gaheef gadi dhaabbadhee ummata sana tajaajiluu hin dandeenye,'' jedhu.

Gama biraan ammoo saba biraarraa tahanii jabina, ulfinaa fi tokkummaa namaaf jabaatanii kan hojjetan jirus jedhu.

Harka 90 ol namootarraa ilaalcha gaarii akka argatan dubbatu.

Waldaa Afaan Oromoo dhaabuu?

Waldaa Ortodoksii Afaan Oromoo kophaatti hundeessuu barbaadduu? jennee Abbaa Aragaawii gaafannee turre.

'Waldaa dhaabbate dhiifnee haaraa banuun hin tahu. Dhaabuf osoo hin ta'in waldaa Orotodoksii isaanuma biyyaafi ala jiran keessa afaan keenya guutummaadhaan akka jalqabamu karoora qabna.

Waldaaleen Oromiyaa keessaa fi ala jiran kan hundumaati. Haaraa dhaabuun barbachisa jedhee hin amanu,'' jechuun deebisu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata