Eebbisaa Addunyaa waggoota 22 booda yoo yaadatamu

Eebbisaa Addunyaa
Goodayyaa suuraa Eebbisaa Addunyaa

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.

Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa.

Seenaan Eebbisaa kan hanga ammaatti hin dubbatamneef ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacheedha.

Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhateedha Eebbisaan.

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluuf kutataa akka ture yerosumayyuu argaa turre jedhu aartistoonni Oromoo isa beekan

Eebbisaan eenyu?

Bara 1962 gara dhumaarra dhalatee, umuriinsaa barnootaaf wayita ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oliiqaa Dingil seene kan jedhan harmeen Eebbisaa Addunyaa Aadde Sanaayyit Kabbadda Gosaa, Sadarkaa 2ffaa ammoo Qellemitti barate jedhan.

''Maatirikii fudhatee utuu qabxii eeggataa jiruu Fulbaana keessa warri keenyaa ABOn dhufanii jennaan isaanumatti makame.'' jedhan.

Lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti dhalatee umurii ijoollummaasaa qabsoo Oromootti dabarse kan jedhan Aadde Sannaayit , keessumaa qubee afaan oromoo barsiisuurratti magaalaa Danbi Doollootii haga Asoosaatti demee hojjeteera jedhan.

Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture jedhu.

Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii , wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe, wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture jedhan.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Eebbisaa Addunyaa yoo yaadatamu

Dudduubatti hin jennu... walii wajjin kaana...

Hacuuccaa ummata Oromoorra ga'aa tureef onnee guutuudhaan qabsaa'aa ture kan jedhan Aadde Sannaayit, erganni isaan biraa deemeellee itti deddeebi'anii of biratti deebisuuf yaalanillee inni garuu kaayyoosaarraa duubatti deebi'uu hin barbaanne jedhan.

Gama tokkoon seenaa fi afaan Oromoo guddisuu, gama biraan ammoo qabsoo diddaa gabrummaa keessatti qooda fudhachaa ture, boodarra muuziqaaf jireenyasaa kennee utuu hojjetuu wareegame jedhu.

''Booddee koottis garagalee hin ilaaluu, kanatu ta'e, sanatu ta'e hin jedhu, an seenaa hojjechuurraa booda hin deebi'u naan jedhe. Garaa na kute. Akkas godhanii lafa kaa'an mucaa koo. ''

''Amma kunoo waggaa 21 fixeera, bara 1988, Hagayya guyyaa 24 ajjeefamee, gaafa 27 dhufee na biratti awwaalame. Gumaa gootaa gootatu baasa, gumaan mucaa kootii hin hafu, waaqayyo yeroo eegee gumaa ni baasa.'' jechuun ammallee eelaa qaban dubbatu Aadde Sannaayit.

Eebbisaa fuudhee dhala hin godhanne, garuu qabsoon Oromoo wayita firii godhachaa deemuu keessattan mucaa koo ilaala jedhan Harmeen Eebbisaa Addunyaa aadde Sannaayit.

''Seenaasaa qaba malee mucaan koo dhalas hin qabu, maallaqas keewwatee hin qabu, hammanumammoo seenaansaa olba'uusaatiif, qabsoonsaa ija godhachuusaatti baayyeen itti boona.''

Wallistoonni gameeyyiin wayita Eebbisaa yaadatan...

Bara 1991 fi 92 keessa itti dhiyeenyaan kan beekan wallistoota Oromoo gameeyyii kanneen akka Hirphaa Gaanfuree Burqaa, Daawwitee Makonnin, Tottoobaa Taaddasee Margoo, Tseggaayee Dandanaafaa Eebbisaa Addunyaa akkamiin akka beekan gaafanneera

Ummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabu Wallisaa Tseggaayee Dandanaa Eebbisaa Addunyaa gara baandiitti seenee muziqaa kaassettaan baasuusaan duratti dandeettii gitaaraa qabuun sirboota qabsoo fi aadaatiin waraana bashannansiisaa ture jedha, kaaseta irratti wareegame ammo Baandii Bilisummaa keessatti hojjete jedhe, akkaataan du'asaa baayyee nama gaddisiisa jedha Tsegaayeen.

Eebbisaa Adunyaa waliin bara 1991 waajjira ABOtti akka walbeekan kan dubbatu Tsaggaayeen akkaataa Eebbisaan ittiin du'e waan itti dhiyeenyaan beeku nutti himeera.

''Eebbisaa Addunyaa lubbuunsaa yoggaa darbus magaaluma Finfinnee jirra. Biqilaa Guyyootaa waliin mana tokko jiraatu turan, naannoo Shiroo meedaa. Guyyaa tokko keessummaa wayiitu itti dhufe.

Manni dhiphaa waan ta'eef Biqilaan hiriyaasaa bira bule. Namni Eebbisaa bira dhufe kun qabsaa'aadha, ajajaa waraana Adda Bilisummaa Oromooti.

Namni kun yeroo baayyee hidhamee, ,mana hidhaatiis miliqee nama bahaa tureedha. Gaafa Eebbisaan du'e sana nama kana barbaacha dhufan warri tika mootummaa.

Wayita jarri olseenan, Eebbisaa fi keessummaansaa kun rifeensi mataasaanii dhedheeraadha, walfakkaata. Jalqaba Eebbisaa rasaasaan rukutanii madeessan, isa booda keessummaa Eebbisaa ajjeesan.

Gaafa sana nama saditu mooraa Eebbisaafaan keessa jiraatanitti du'e. Isaanis mucayyoo jalqaba balbala mooraa bante, Eebbisaa fi Keessummaa Eebbisaa.

Haalli Eebbisaan itti du'emmoo baayyee nama gaddisiisa. Haala suukanneessaadhaan Naannoo Ashawaa meedaa bakka ''Taataq'' jedhamu fulaa mooraa waraanaa turetti geessanii ajjeesanii wareebessaaf kennan.

Qonnaan bultoota naannootu reeffa waraabessarkaa baasan.'' jedha Tsaggaayeen.

Wallisaa Hirphaa Gaanfuree Burqaa Eebbisaa nama nagaa biraa bosona seenee, dhabuusaatti akka gadde dubbateera.

''Eebbisaa nama nagaa biraan deeme. Yeroon bosona seenuuf ka'e waliin seenuuf mari'annee turre. Garuu akkuma carraa adda baane. Deebi'een dhabe hiriyaakoo, sagalee bilisummaa Oromoorraan dhagaye du'asaa.

Nama baayyee jabaa ture, onneedhaanis dandeettii muuziqaatiinis goota ture. Wallee isaa keessaa kan hin jaallatamne hin jiru. Anaafis sirba tokko naaf gumaacheera.

Sirba Booranaa 'Waa xiqqoo bashaadduu' jedhu isatu gitaaraan na shaakalsiisaa ture. Walaloos hamma tokko isatu barreesse. Biqilaa Guyyootaa waliin barreessan.'' jedhe hirphaan.

Hiriyoota guyyaa mara waliin oolan ta'uu kan dubbatu Daawwitee makonnin hangan Eebbisaa du'aan dhabutti garagara baanee hin beeknu jedha, ergasiis sirba tokko yaadannoof sirbeeraaf jedha.

''Eebbisaa Addunyaa akka qabsaa'aattin beeka. Muuziqaas baayyee jaallata. Eebbisaan Gitaara qaba.Gitaaraasaatiin hojjenna. Yeroo hunda walargina Eebbisaa wajjin. Anii fi Tottoobaan Gitaara Eebbisaarraa ergifannee qophii cidhaafaarratti ittiin wallisnee deebisnaaf.'' jedha Daawwiteen.

''Torban Eebbisaan du'e sana uni keessaa namni tokkoyyuu maallaqa hin qabu ture. Kanaafuu Eebbisaan maallaqi wayii biyya alaatii waan naaf ergameef isininan affeera jedhee sanabatatti nu beellame.

Akkasitti gargar gallee, guyyaa beellamaa sana garuu Eebbisaan du'uusaa dhageenye. Edaa inni guyyaa Kamisaa, akkas, du'e jechuu dhageenye.'' jechuun yaadannoo gaddaan guutame nutti himeera Daawwiteen.

''Reeffasaa Hospitaalatti ilaaluuf wayita deemnu namoonni keenya iddoo sanaa akka deemnu nutti himan. Haalli naannoo ture sodaachisaa waan tureef, isinis isin ajjeesu jedhanii achii nu deemsisan. Sirriimattillee utuu reeffasaa hin argin gargar baane.Reeffasaas biyyumatti ergan.'' jechuun dubbata Daawwiteen.

Wayita sana kaaseta maqaan 'An dhufeen jiraa' jedhamuun beekamu hojjechaa jiraachuu kan dubbatu Daawwiteen erga albamasaa xumuree sirba tokko keessaa baasee sirba ittiin Eebbisaa yaadatu keessa buusuusaa dubbata. ''Garuu maalan godha utuun sirbuun boo'aa, Eebbisaa Yaadatee keessi koo boba'aa.'' jechuun sirbe.

Hiriyaan Eebbisaa Addunyaa kan Biraan mana tokko keessa waliin Bulaa turan Tottoobaa Taaddasee Margoo waa'ee eebbisaa dubbateera.

''Bara Afaan Oromoo dubbachuun rakkoo turetti Addi Bilisummaa Oromoo qubee barsiisuun ija nu banachiisanii turan. Warra kana godhe keessaa Eebbisaan tokko. Ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu, qubee Faan Oromoo barsiisuu keessatti qabu namni hin beeku. Wallisummaasaa qofa beeka namni. ''

''Eebbisaan jalqaba dabballummaadhaan gara Booranaatti bobba'e. Achitti rakkina meeqa argee, isa booda dhufee waajjira ABOtti nutti makame. Erga Chaartariin diigamee, Hirphaa fi Eebbisaa waliin taane dhaabatti dabalamuuf wayita deemaa turretti, lixa Oromiyaa magaalaa Caanqaatti qabamnee hidhamne.'' kan jedhu Tottoobaan achii booda Baandii Gadaa hundeessine.

Eebbisaanis nu waliin ture. Walalon sirbootasaa yoo ilaalamu ofkennee, waanuma wareegamu fakkaata jechuun cimina Eebbisaa ibsa.

Gidduu ajjeefamuuf jedhu sana torban lama dura akka hordofamaa jiru nutti himaa ture. Isa dhumaa kan nuti walargine akka iftaanummaasaa isa ajjeefamuuf jedhu mana koo bule.

Akka iftaanumtiisaatti akka nu affeeru nutti hime, guyyaa sana cidha wayiitu ture, Eebbisaanis cidha sanarratti hin argamin hafe.Isa booda qophiima sanarratti oduun gaddaa nu qaqqabe, Eebbisaan ajjeefamuusaa.''

Wayita achi deeman iddoo sana harkisanii fuudhanii deemanii gataniiru nuun jedhan. Yeroo boodammoo Hospitaala Minilikitti argameera jedhan jechuun haala suukanneessaa Eebbisaan itti du'e ibsa Tottoobaan.

Namni Seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati...

Geerarsaan ergaa dabarfachuu, qabsoo jajjabeessuu fi ummata mirgasaaf akka falmatu kakaasuu keessatti ga'een Eebbisaa yoomuu hin dagatamu kan jedhu Hirphaan, keessumaa walaloo geerarsa isaa

''Utuu funyoon hin jirree, funyoo dheeraan hin jirree, maaltu muka yaabbataa, damma nyaachuuf abdataa;

Utuu seenaan hin jirree yoona maaltu of yaadataa, eenyummaasaan dhaadataa;

Adaraa yaa Oromoo koree koree dhaabbadhaa galmeen seenaa qoradhaa;

Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati gara argetti jallataa'' ergaa jabaa qabdi jedha.

''Sirbisaa kan diina baayyee cabseedha. Yeroo sana dabballees wallistootas turree, unidha maccaa fi tuulamas kan jabeessaa ture. Utuma hamma humna keenyaa qabsoofnuu gaafa bayii fi galli keenya yaaddoo keessa galu biyya hambaatti baqanne.

Ifaajeen keenyas lafatti hin badne. Firii godhachaa jira.''kan jedhu Hirphaan Geerarsan ittiin Eebbisaa yaadatu Geerareera. Walaloon kunoo.

Baballiin luluucca'ee dalga galee ciciisaa

Allaattichi joobiraa samii keessa barrisaa

Yaa haadhakoo jabaadhuu

Hin boo'in maal abbaasaa

Yeroosheet tura malee

Dudda keeyyuu nan baasa

Abbaabbu hin yaadda'inii

Ilmi koo hin du'a jettee.

Inni isaan kaaniif roobee

nuun karfaffaa'u seetee.

Yaa biyyoo nan nyaatinii...

Eebbisaan geerarsaasaatiin ''Yaa biyyo nan nyaatinii hammuman bilisummaa ija kiyyaan arguttii'' jedhee garuu hin oollee akka hin taanetti biyyeen nyaatte kan jedha Hirphaan.

Kana malees walaloowwan ergaa jajjaboo baatan yeedaloo hamilee namaa kakaasu itti baasuudhaan ''Baddaa Baalee taa'anii Qamadii dhabuun farraa garbuu dhabuun salphinaa, Akkas tattaafatanii garbummaatti hafuun farraa mirga dhabuun salphinaa'' jechuun quuqqaa garaasaa keessa jiru baasee himataa ture jedha hirphaan.

Dhumarratti garuu akkanni dhaammate ta'uu didee, bilisummaa hankaakee, irbaata dachee ta'e jechuun gadda keessasaa jiru ibsa Hirphaa Gaanfuree Burqaa.

Aartii Oromootiin qabsoo ummata Oromootti anniisaa horuu keessatti dararama dhalli namaa hin argin argine kan jedhu Daawwiteen har'a garuu garuu ifaajeen keenya bu'aansaa argamaa jira jedha.

Surree Tottoobaa

''Eebbisaan wayita mana koo bule sana kofoo koo gurraacha tokko fuudhee uffatee, kun kanuma kiyya, ofitti hin baasu jedhe, anis uffadhu jedheeniin, akkanaan na biraa deeme. Yeroo sana qomee buburree tokkoo fi surree koo kana uffatee ba'ee, gaafa reeffasaa deemnee ilaallu uffata kanaan jira, yoomuu hin dagadhu.'' jedha Tottoobaan.

''Wanti sammuu kiyya keessaa hin badne, kan harmeen Eebbisaa dubbataniidha. Eebbisaan du'ee naannoo torban lamaa booda harmeensaa yaa'ii maccaa fi tuulamaarratti affeeramanii argamanii turan.

Sagalee guddistuu qabatanii 'mucaan koo hin duunee, kaninni du'e lammiisaaf, kaayyoosaatiifii, garuu amma du'eera jedhan deebisanii, sababnisaa utuu mucaa tokkollee godhateera ta'ee isa ilaaleen obsan ture.

Amma garuu dhala waan hin qabneef Eebbisaan du'eera jennaan hunduu wayita boowu haasaa dadhabanii addaan kutan.'' jechuun waan yaadatu dubbata Tottoobaan.

Artist Eebbisaa Addunyaa nama ija jabeessa, goota daabee lulee, nama gara laafessaa fi dhala namaa hundaaf waan gaarii yaadu fuul duratti waan garaasaa nama ofitti amanumaan dubbatu ture jedhu Hiriyoonni isaa fi maatiin.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata