Qubsumakoo 46: 'Garalaafinaa fi jaalalli warra Ayiirlaand biyyakoo nayaachisa'

Hikmaa Shariif Image copyright Hikmaa Shariif

Hikmaa Shariifiin jedhama. Oromiyaa keessattan dhalladhee guddadhe. Yeroo amma kana ammoo biyya Ayeerlaand Magaalaa Dubliin keessan jiraadha. Haadha warraafi haadha intala tokkooti.

Oromoo ta'u kiyyaan rakkoo fi dararama yeroo adda addaatti narra gahaa tureen yeroo lama biyyakoorraa baqadheerra.

Baqannaa jalqabaa

Haalla siyaasaa biyya keessa tureen hidhaa fi dararri narra gahaa turee jalaa lubbuukoo olfachuuf jecha jalqabarratti gara Jibuutiitti ture kanan baqadhe.

Jibuutiin biyya Oromoof toltu miti. Achi jiraachuun guddo rakkisaafi balaa addaa addaaf kan nama saaxilu ture. Kanumaan turtii waggoota lamaan booda gara biyyaatti ol deebi'uun dirqii natti ta'e. Achi booda bifa dhokkanaan gara biyyaatti imaluun Finfinne gale.

Baqa lammaffaa

Haalli Finfinne keessa tures na jiraachisu waan hindandeenyeef, karaa kaaba Itoophiyaa naannoo biyya Amaaraa keessaan kutuun karaa Matammaatiin gara sudaanitti yeroo lammataaf biyykoo gadhiisee baqadhe.

Suudaan magaalaa Kaartuum keessa waggoota lamaaf jiraadheera. Jireenya biyya Sudaan baay'ee ulfaataadha. Haalli qillensasaas cimmaadha. Bay'ee ho'a. Kanarratti ammoo mootummaan Sudaan baqatoota Oromoo baay'ee rakkisa, dhiibba gurguddos irraan gaha.

Oromoo ta'u keetiin tajaajila baqataan tokko argachuu maluu dhabuu qofa utuu hinta'in hidhaafi darara adda addaatu sirra gaha. Walumagalatti Sudaan keessa jiraachuun baay'ee cimaadha.

Ayeerlaand qubachiifamu

Anis haalawwan rakkisoo heddu keessa darbuun carraa ispoonsaraa sabboonaa Oromoo Ayeerlaand keessa jiratu irraa argadheefi gargaarsaa UNHCRn (Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Dhimma Baqattootaan) bara 2005 keessa biyyana qubsiifamuun gara kana dhufe. Waggoota 13 as jiraadheera jechuudha.

Itoophiyaafi Ayeerlaand

Garagarummaan biyya Ayeerlaandiifi Itoophiyaa giddu jiru heddudha. Biyya guddatteefi tajaajilla hawaasummaa barbaachisoo hunda qabduudha.

Haa ta'u malee anaaf guddoo kan na gamamachiisuu fi bu'a qabeessa kanaan jedhu mirga namoomaarratti xiyyeeffannaa kennamuudha. Asitti mirgi nama haalaan kabajama.

Dhalattoota biyya kanaas dabalatee, biyyoota hedduurraa kanneen akka koo dhufanis taanaan namni martuu mirga walqixa ta'e qaba. Anaaf kun garagarumma isa guddaadha.

Akkuma biyya hundaa, Ayeerlaandis aadaa nyaata garagaraa qabdi, kanneen keessa ani waaddii lukkuu dinnicha waliin nyaatamu isa 'Drumstick and potato' jedhamun baay'een jaalladha.

Image copyright Hikmaa Shariif

Biyyakoorra kanan guddisee yaadu aadaa waliin jiraachuu fi gara-laafina sabakooti. Maatiifi hiriyootan waliin guddadhes baay'een yaada. Qilleensa, lagaafi gaara biyyakoo, horiif waan hunduumaa guddaan yaada, baay'een yaada....ahh.

Biyyi Ayeerlaand bishaaniin kan marfamte, magaariisaafi bakka bashannanaa paarkii hedduus kan qabduudha.

Magaalaa kana keessa bakkin (view) an baay'isee jaalladhu Isteefeen green paarki bakka jedhamuudha.

Paarkiin kun baay'ee magariisa, bareedaa fi kan qalbii nama hawwatu waan ta'eef yeroo yaada kuusuus ta'e wayitan bashannannuu barbaadu mucaa kiyyaa waliin bakka kanaan dhaquu jaaladha.

Image copyright Hikmaa Shariif

Biyya kana dhufuu kiyyaan waantan argadhe yoo jiraate nagaa fi bilisummaadha.

Asitti bilisaan waanan barbaadeen godha, waanan jaaladheen dubbadha. Mirga kiyyaafis ta'e mirga saba kiyyaaf waan natti dhagahame bilisummaan dubbachuu danda'uunkoo guddo na gammachiisa.

Amatuu aangoon addaa tokko naaf kenname sirna gejjiba magaalatii kanaan geeddaruu barbaada.

Magaalaan Dubliin magaalaa bareeddu haa tatuyyu malee, magaaloota Awuroopaa biroo waliin walbira qabamte wayita ilaalamtu karaa geejjibaan boodeetti haftee jirti.

Kanaafuu, sirna tajaajila gejjibba magaalatti guddisuun, namoonni tajaajila gejjibaa safisaa ta'e akka argtan gochuun barbaada.

Lafaafi namoonni biyya kanaa biyyakoo akkan yaadadhu na godhu

Magariisummaa, jiidha lafasheefi amalli namoota biyyakanaa akkan yeroo hundaa biyyakoo yaadu na godhu. Namoonni biyya kanaa akkuma sabakeenyaa baay'ee garaa-laafeeyyiifi kan nama jaalataniidha.

Haa ta'u malee, biyyi ambaa hagam gaarii ta'uullee, hanga biyyaa ofii, lammiifi maatii ofii namaaf hinga'u. Biyaafi lammii ofirra wayita fagaatamu garaatu nama hammaata, qofummaatu nama qora.

Image copyright Hikmaa Shariif

Anis biyya kana akkan dhufeen rakkoo na mudatee ture keessa inni guddaa fi yoomyyuu kanan hinhiraanfanne tokko qophummaa ture.

As dhufee ji'aa lama booda dhukkubsadhee baatii lamaaf hospitaala ciiseen ture. Yeroo sanatti namni dhufee nagaafatu waan hinturreef, qofummaarra kan ka'ee baay'ee bo'aan ture.

Gullalleen bakka seenaa qabduudha

Ama uttuu aangoon asi na bute biyyakoo nabuusu tokko jiraatee, battala kanatti magaalaa Finfinnee, keesaa Gulallee, bakka itti guddadhee fi eenyummaakoo itti baree, waajjira ABO durii birattan ofi arguu barbaada.

Odeessa kana irratti dabalata