Biraazil: Godambaan biyyaalessaa ganna 200 balaa ibiddaaf saaxilame
Godambaan Biraazil ganna 200 ibiddaan gubate
Jaarmiyaan saayinsii biyyattii keessatti umuriin dheeraa qabu, Godambaan Biyyaalessaa Biraazil Riyoo de Jeneerootti argamu, balaa ibiddaa guddaaf saaxilame.
Warri ibidda to'atan gamoo hambaalee miiliyoona 20 ol qabu kanarraa ibidda qolachuuf tattaaffii guddaa godhaniiru.
Balaa ibiddaa Dilbata uumame kanaan midhaan namarra gahe hanga yoonaa hin gabaafamne.
Godambaan ganna 200ffaa barana kabajate kun, yeroo tokko teessoo maatii moototaa Porchugaal ture.
Viidiyoon samiirraa waraabame teelevizhinii biyyattiin dabre, ibiddi kun hammam gamoo kana akka miidhe agarsiisa.
Hammi balaa fi ka'umsi ibidda kanaa hanga yoonaa hin baramne.
Pireezidantiin Biraazil Misheel Tamar waan jedhan, ''lammiilee biyyattii hundaaf guyyaa gaddaati. Hojiin, bu'aan qorannoo fi beekumsi ganna 200 dhabameera''.
Madda suuraa, Reuters
Godambaan kun meeshaalee/hambaalee seenaa Biraazil fi biyyoota biroo hedduu kan qabatedha
Hambaalee godambaa keessatti argaman keessaa lafeen daayinoosaraa fi lafeen dubartii ganna 12,000 keessatti argamu. Kunis Ameerikaa lamaanuu keessatti umuriin isa guddaadha.
Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni godambaa kanaa amma dura sababa hir'ina baajataa fi haala gamoon kun irra jirurratti komiisaanii dhageessisaa turan.