''Jimaata ganamaa hanga Dilbata waaree boodaa rafee beeka''

Luusii hirriiba keessaa kaasuun baay'ee rakkisaadha
Baay'een keenya ganama hirriibarraa ka'uuf ni rakkanna.
Hirriiba gaarii rafnee bulluyyuu, wayita lafti bari'ee damaqnu 'mee daqiqaa muraasaaf' jechuun xiqqoo boqochuu ni feena ta'a.
Haa ta'u malee dubartii ganna 42fi jiraattuu Weelsi, Luusii Teyleeriif garuu - kun jireenya isheet guyyuuti, waan guyyaa guutuu fi guyyaa hundaa irra gahuudha.
Luusii hirriibaa damaqsuuf qoricha, sa'aatii nama damaqsuuf irra deddebi'ee iyyuufi maatiin ishee damaqsu ishee barbaachisa. Kun hundi sababa dhibee hirriiba garmalee ykn idiopathic hypersomia jedhamu qabduufi.
'Idiopathic hypersomnia' maali?
Dhukkubni kun yeroo baay'ee kan nama hin mudanneefi hiriiba garmalee kan namatti fiduudha.
Haalli inni hypersomnia jedhamu kan ''garmalee yeroo dheeraaf akkan rafuu na godhudha,'' jechuun Luusiin ibsiti.
''Inni idiopathic jedhamu ammoo kan maddi isaa hinbeekamne jechuudha.''
''Guyyaa wayita ta'u baay'een dadhaba. Hirriibni akkan dadhabbii bahu nangodhu; wayitan rafuu deebi'ee ka'uun na rakkisa.''
''Hanga ammaatti yeroo dheeraaf kanan rafe, Jimaata sa'aatii shaayii (ganama keessa) irraa hanga Dilbata waaree boodaatti ture.''
Dhukkuba idiopathic hypersomnia jedhamu kana qabaachuun 'dararamudha' jechuun Luusiin ibsiti
''Namni na dammaqsu hinturre. Jimaata hojii kiyya fixee galuun sa'aatii shayiitti deemee ciseen dilbata waaree boodan dammaqe.''
Luusiin ganama hiribbarra kaate guyyaa guutuu damaqxxee akka ooltuuf, qoricha ija 12 hanga 15 guyyaatti fudhachuu qabdi.
Mallattooleensaa maalii? Maaltu itti dhagahama?
Akka oggeeyyiin dubbatanitti, namoota 100,000 keessa hanga nama lamatu dhibee idiopathic hypersomnia kanaan qabama. Haa ta'u male haalli dhibee kanaa hagas kan beekamu miti.
Namni dhukkuba kanaan qabame malattoolee armaan gadiitu itti dhagahama:
- Guyyaan sillimii fudhachuu fedhuufi yoo rafan illee dadhabbiin irra deemuu diduu.
- Utuma nyaatanii yookaan haasa'anii rafuu
- Guyyaarra rafiitii gahaa argatanii utuu jiranii halkan sa'aatii dheeraaf rafuu
Dhukkuba idiopathic hypersomnia jedhamu kana qabaachuun 'dararamudha' jechuun Luusiin ibsiti.
''Akka nama bishaan jalaa jiruufi olbahuuf yaaluu ta'ee natti dhagahama. Utuun hinka'u ta'efi itti fufee ciisee natti tola.''
''Feedhi hiribbaa ofirraa faccisee dammaqee hojjechaa ooluuf yaaluun rakkoo baay'ee guddaadha.''
Maatiirratti hirkachuu
Kun maatii Luusiifis waan rakkisaadha.
Haadhi ishee Suu, borumtii kaatee hojii akka deemuu dandeessuuf halkan guutuu qoricha kennaafii bulu.
''Akkanatti ishee arguunkoo guddoo na gaddisiisa - dhibeen kun utuu ishee hinqabatin dura jireenya gaarii jiraachaa turte,'' jedhanii ibsu haadhishee Suun.
Suu, haadhi Luusii torbanitti halkan shan ishee bira buluun hirribaa ishee kaaftee akka hojii deemtu gooti
''Amma hintala isaanii waliin waa gochuuf karoora qabu turan, garu hirribarra hinkaane, kun ammo hintala isaanii ni muffachiisa.''
''As yoon jiraadhe, ishee damaqsee, isaan ammoo, waliin hojjechuu ni danda'u. Kun namatti tola. Haa ta'u malee utuu hindamaqfamiin hiribaa ka'uu hindandeessu.
'Dhibaa'ummaa miti'
''Namoonni kan ishee hubatan natti hinfakkaatu, waan dhibooftu itti fakkaata, yookaan waan hirribaa ka'uu hin barbbaanne wayii. Isheef hagam jireenyi wal'aansoo akka ta'e hinhubatanii.''
Luusii hirribarraa kaasuun baay'ee rakkisaadha. ''Wayita Luusiin raftu waanti ishee dammaqsu danda'u tokkoyyuu hinjiru,'' jedhu harmeenshee Suun.
Harmeenshii Suun, sa'aatii isheen ka'u qabdu itti guutuun sagalee guddaa dhageessisuun kanneen damaqsu danda'an sa'aatii baayyee ka'uuf. Garu yoo kanaan hinkaane hanga isheen dammaqxutti sagalee guddaan wamuu ni qamashees ni raasu.
Abdii kutachuu dhiisuu
''Akkana taate mucaakoo arguun guddoo ulfaatadha. Baay'ee kan nama gaddisiisuudha.
Jireenyi wala'aansoo guyyaa hundaa ta'uus, murannoo mucaan isaanii qabdu garuu guddoo ajaayibsiifatu.
''Hintala murannoo ajjaayibaa qabduudha. Murannoshe kanatu gara fulduraatti akka deemtuuf humna ta'eefi malee haalli isheen keessa jiraattu baay'ee cimaadha. Doktoora gaarii akkas godhe ishee gargaaru argachusheefis carra qabeettidha,'' jedhu harmeeshee.