Lammaa Magarsaa: ''Of ta'anii argamuu abbaa kiyyarraan baradhe''

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Lammaa Magarsaa Piresidaantii MNO
Obbo Lammaan sirna badhaasaa 'Baggoo Sew' - 'Nama Gaarii bara 2010' jedhamuun Dilbata badhaasa addaa wayita fudhatanitti haasawaa taasisaniin, seenaan siyaasaa dabarsine siyaasa hammeenyaati jedhaniiru.
''Siyaasni biyya keenyaa kan daba hedduun guutameedha. Aadaan siyaasaa hammeenyaan kunis lammiilee qulqulluu baayyee galaafate, laamshessee jiras jedhaniiru, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa.
Maanguddoota bara jireenyaa isaanitti waan hedduu raawwatan fuldurattis, ani ulfina kanaaf nan guuta jedheen hin amanu, kanaafi jedhe miti kanan hojjadhees jedhaniiru.
Haa ta'u malee wantootan abbaa kiyya irraa baradhee keessaa ''of ta'anii argamuun tokko.''
Anaaf ''Wal balleessuun jiraachuun abaarsa. Kanaafiidha mee aadaan siyaasa hammeenyaa biyya keenyaa bara keenyatti illeen yaa jijjiramu jechuu kan kanfalleedha tun,'' jedhaniiru.
Kunis ammoo nuti namoonni muraasni dura yaa mul'annu malee, gatii kan kanfalee ummata Itoophiyaa guutuudha. Ammas daandii qaxxaamuraa irratti argamna.
Kana jechuunis gama tokkoon aadaan siyaasaa inni hamaan nu dukaa dhufe sun har'as numa waliin jira, gama biraatiin ammoo abdii gaariitu fuula keenya durratti argama jedhaniiru Obbo Lammaan.
Keessattuu kanneen kallattii siyaasaa keessatti argamnu qalbii qajeelloon yoo yaadne, waan xuraa'aa sana dhiifneefi fedhiifi miira keenya yoo daangeessine, biyyattiin seenaa siyaasaa xuraa'aa sana dhiifte gara sirna dimokraasiitti galuuf carraan ishee dhihoodha.
Kana ta'uu baannaan inni hedduun gatii itti kanfalan bilaasha ta'uun gara aadaa siyaasaa keenya isa hammeenyaa sanatti deebi'uudha kan jedhan Obbo Lammaan, sana ammoo bu'aan isaa maal akka fakkaatu beekna jedhaniiru.
Kanaafuu, keessattuu hayyoonni, abbootiin siyaasaa fi dhaabbileen siyaasaa hundinuu tokko taanee seenaa dhaloonni yaadatu hojjannee yaa dabarru jechuun waamicha taasisaniiru.