Fayyaa: Dhibeen Tiruu 'Hepatitis B' jedhamu maali?

Stetescope

Madda suuraa, BSIP

Dhibeen tiruu gosa Hepatitis B jedhamu kulkula, mada'uu ykn infekshinii tiruu kan vaayirasiin dhufuu akka ta'e ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Oggeessi fayyaa keessoofi waligalaa biyya Awustraaliyaa jiraatan Dr. Nuree Adam Ush, vaayirasoonni miidhaa tiruu qaqqabsiisan shantu jiru jedhu. Isaanis Hepatitis A, B, C, D fi E jedhamuun beekamu.

Shanan keessaa Hepatitis B fi C'n miidhaa olaanaa biyyoota guddinarra jiran irraan gahaa jiru.

Sadarkaa addunyaatti namoonni miliyoona 300 ol ta'anitu dhukkuba kanaan qabamuun gidirfamaa fi du'aa jiru.

Du'a sababa dhibee Hepatitis B fi C'n dhufu kan dhibewwan HIV/AIDS fi TB caala danata.

Keessattu namni dhibee Hepatitis-B'n qabame yeroo baay'ee dhukkubi waan itti hin dhagahamneef ykn mallattoo xiqqoon waan itti dhagahamuuf yeroo hedduu kan dhukkubsatan itti hin fakkaatu jedhu Dr. Nuureen.

Kanaafu utuu hin beekiin dhibee kana namoota hedduutti dabarsuu danda'u.

Dhukkubi kun addunyaa guuturratti kan mul'atu ta'uus biyyoota guddacha jiran kanneen akka Eshiyaafi Afriikaa gara Sahaaraa gajjalaatti bal'inaan kan mul'atuudha.

Eenyuun caalaatti miidha?

Namoonni dhibee kanaaf irra caalaa saxilamoo ta'an :

  • Namoota biyyoota dhukkubni kun keessatti argamu keessatti guddatan
  • Daa'imman haadholii dhibe kana qaban irraa dhalatan
  • Namoota qoricha sammuu hadoochu limmeen fudhatan
  • Qunnamtii saalaa of-eeggannoo hin qabne warra raawwatan
  • Namoota nama dhibee kana yeroo dheeraaf qabuu waliin jiraatan (miseensa maatii ykn waliin jiraachuun)

Akkamiin babal'ata?

Dhibeen Hepatitis B vayirasiin kan dhufu wayita ta'u maddi isaa ammoo dhiiga waliin kan walqabateedha.

Kun akkuma dhukkuboota daddarboo biroo namaa gara namaatti darbuu danda'a.

  • Haadharraa gara ilmootti
  • Lilmee fi waan qara ta'e kanneen dhiiga qabachuu danda'an waloon fayyadamuun
  • Dhiiga vaayireesii kanaan faalame fudhachuun (yoo dhigii kennamu sun hin qoratamne ta'e)
  • Qunnamtii saalaa nama dhukkuba kana qabu waliin taasisuun
  • Dhiigi nama vaayirasii kana qabu kara madaa yookaan kara kamiyyuu dhiiga keenya wayita seenu.

Mallattoolee isaa

  • Dadhabbii
  • Dhukkubbii qaamaa waligalaafi buusaa
  • Fayyummaan namatti dhagahamuu dhiisuufi nyaataaf fedhii dhabuu
  • Waraansaafi garaa kaasaa
  • Ijaafi gogaan nama bifa keelloo qabaachuu
  • Gurraacha'u fincaaniifi daalachaa ykn addaachuu bakkee

Akkamiin ittifama?

Dhibeen Hepatitis B bal'inaafi gadi fageenyaan waan hin beekamneef rakkoo fayyaa fi badii lubbuu guddaa qaqqabsiisaa jira.

Kanaafis tarkaanfiin jalqabaa waa'ee dhibee kanaa hubannoo uumuudha jedhu ogeeyyiin.

Akkuma dhukkuba HIV/AIDS namni martu dhukkuba Hepatitis-B kana qabaachuuf dhiisuu isaa beekuun yoo qabaate akka yaalamee fayyuu yoo hin qabaanne ammoo of-eegannofi talaallii barbaachisuu akka fudhatu gochudha jedhu.

Haadhi dhibee kana kan qabdu yoo ta'e gara mucaatti akka hin dabarreefis talaallii kennuun barbaachisaadha.

Namni walfuudhuun dura lamaanuu dhukkuba kanarraa bilisa ta'uu qoratamanii mirkaneessuunis ni gorfama.

Sababa dhibee fi balaa adda addaarra kan ka'e dhiiga fudhachuun yoo namarra jiraate, utuu hin fudhatiin dura qulqullummaasaa mirkaneeffachuu.

Lilmee, qarabaa, rigaa, kanneen kkf dhiiga waliin tuttuqaa qabaachuu danda'an hundaa tajajila nama tokkoof qofa akka oolu gochu ykn waloon fayyadamuurra ofeegachuu.