Qanaasaa Raggaasaa: Barsiisaa reebichaan miilaa fi harkisaanii sochii dhaabe

Itoophiyaa keessatti akkaataan hidhamtoonni manneen hidhaa keessatti itti qabamanifi haalli itti qorataman dhaabbilee mirga namoomaaf falmaniin hedduu qeeqama.
MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad baatilee muraasa dura dubbi paarlaamaa biyyattii keessatti dubbataniin mootummaan hidhamtoota irratti gocha shororkeessummaa raawwataa ture jedhaniiru.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree keessatti barsiisaa seenaa kan ta'an Obbo Qanaasaa Raggaasaa lammilee manneen hidhaa keessatti rakkoon irra gahe keessaa isaan tokko.
Wayita ammaa harkifi miilli isaanii sochii dhaabee jira. Arrabnis hidhamee dubbachuu erga dadhabanii bubbulaniiru jechuun ilmi isaanii angafaa dargaggoo Dajanee Qanaasaa BBC'tti himeera.
Akka Dajaneen jedhutti rakkoo fayyaa kanaaf kan isaan saaxile reebichaafi dararaa manneen hidhaa adda addaa keessatti irra gahedha.
'Koriidarii irra tursiisanii na deebisu'
"Yeroo qabamee kaasee torbee lamaaf lafa inni ture hin beekamu ture, yeroos guyyaa shaniif osoo walirraa hin kutiin na reeban jedhee nutti hime."
"Achi booda erga Maa'ikalaawii galees reebamaa ture. Fannisanii reebaniiru, miila ol garagalchanii barruu miilaa keessa hamma hadoodutti reeba turani" jedha Dajaneen.
Ijoolummaa kooti kaasee kan inni hidhamuufi dararamun beeka kan jedhu Dajaneen, yeroo dhumaaf bara Ebla 23 bara 2008 A.L.I akka qabamanii hidhaman dubbata.
Maa'ikalaawii dabalatee manneen hidhaa Qilinxoo fi Baatuu keessatti walumaa galatti baatilee 26'f kan hidhamanii Amajjii 11 bara 2010 gadhiifaman.
"Mana hidhaatii osoo hin bahiin baatilee torba dura harkiifi miilli isaanii sochii dhaabe, ta'us yaala fayyaa tokko hin arganne."
"Yeroo hidhamtoonni namni kun as keessatti du'uufi mana yaalaa geessaa jedhanii iyyan, gadi na baasanii sa'aatii tokkoof koriidarii irra na tursiisanii na deebisu jedhanii nutti himan" jedha.
Barsiisaa Qanaasaan erga mana hidhaati bahanii booda deeggarsa hawaasaatiin mana yaalaa deemanillee fayyaan isaanii bakkatti deebi'uu hin dandeenye.
"Amma kanan barbaada sanan barbaada jedhanii dubbachuu hin danda'an. Harki lamaan, miili lamaan hidhameera. Namatu baasa, namatu bishaan itti qaba harka namaarratti hafaniiru" jedha.
Hirmaannaa siyaasaa
Hirmaannaan siyaasaa barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa dargaggoota barsiisuu, gorsuufi ijaaruu irraa eegala jedha ilmi isaanii.
Paartii siyaasaa KFO bakka bu'uunis godinaafi aanaa irratti sochii jabaa taasisu.
Bara 2000 sababuma siyaasaan waggaan afur itti murtaa'ee Godina Wallagga bahaatti hidhamaniiru.
Bara 2002 duula na filadhaarra osoo jiranii reebamanii hamma xiqqoof du'arraa baraaraman jedha Dajaneen.
Baroota 2005 fi 2007 yeroo gara garaatti hidhamaa turani.
Hirmaannaan siyaasaa isaanii kun isaan bira taree maatii isaanii dararaaf saaxiluu dubbata dargaggoo Dajaneen.
"Mana inni jiraatutti abidda qabsiisuu, maatii keenya facaasanii jiru, halkan manni nurratti reebamaa bula. Innis guyyaa mana oolee galgala bakka biraa bula" jedha.
"Hojii irraa dhiibamuu, faayida adda addaa akka guddinaafi carraa barnootaa dhorkatamee nama umurii isaa gutuu dararaan dabarsedha" jechuunis dubbata.
Deeggarsa
Erga mana hidhaatii bahanii booda deeggarsa hawaasaatiin Hospitaala Xiqur Ambassaa deemanii yaalamanii turanillee hin wayyoofne.
Itti fufanii yaalamuuf ammoo humni isaanii hin hayyamu jedha dargaggoo Dajaneen.
"Qaamni mootummaa, hawaasnis waan danda'uun, paartileen isaan bakka bu'anii falmaa turan illee osoo quba qabaatanii" jedha.
"Mindaan batilee 29 kan mana hidhaa keessa turanii illee osoo kafalameefi waan tokko" jechuunis dubbata.
"Abbaa akkasii qabaachuun carroomuudha"
Miidhamuun isaa, akkas namaa gadi ta'ee manatti hafuun isaa akka dhala namaatti maatii keenya hedduu gaddisiisa kan jedhu Dajaneen garuu itti hin gaabbinu jedha.
"Oromoof jedhee, haqaaf jedhee, bilisummaa uummati fedhuuf jedhee waan ta'eef baay'een itti boona. Abbaa akkasii qabaachuun carroomuudha akka kootti."
"Dhugaaf osoo hin jiraatiin, saba osoo miidhuu, garaaf jecha obboleessa isaa gurgurachaa kan du'u hedduun waan jiruuf" aarsaa inni kafaletti hin gaabbinu jedha.
Abbaan koo fayyee osoo ka'ee dhugaafi haqaaf falmuu irraa duubatti hin jedhu kan dargaggoo Dajanee fayyee osoo ka'ee hojii isaatti deebi'ee hawwii kooti jedha.