Arjooma qaamaa (organ donation): nama arjooma onnee argachuuf ganna 9 eeggate

Madda suuraa, NHSBT
Gaareez Ivaans bara 2009 irra eegalee onneen akka dabarfamee dhabamuuf eegata jira.
Abbaa ijoollee lamaa kan ta'e Gaareez Ivaans onneen akka jijjiiramuuf barbaaduun waggoota sagaliif eegeera.
Namni ganna 45 kun dhukkubsatoota onneen akka jijjiiramuuf tarreeffaman keessaa yeroo dheeraaf kan eeggatedha.
Dhibeen kun ammallee itti hammaachaa deemaa jira.
Gaareez, dhibee onnee ijoolummaan isa mudateef, yeroo jalqabaaf onneen dabarfamee kan dhabameef ganna 17 tti.
Ji'ootan sadan darban Hospitaala Wayteenshawee jedhamuufi magaala Manchisteer keessatti argamutti wal'aansa onnee argachuurratti argama.
''Nama onnee naaf arjoomu argachuuf hagana na eegsisa jedhee yaadee hinbeeku,'' jechuun dubbata.
Madda suuraa, Danny Lawson/PA wire
Gaareez Ivaansiifi haadha warraansaa Daani'eella namoonni qaama arjoomuuf akka galmaa'an waamicha godha jiru
''Lubbuun bubbuluu malee jiraachaa akkan hinjirretu natti dhagahama. Yeroon dargaggeessa waggaa 17 ture utuun fixadheera ta'e naaaf salphata ture. Amma garuu waa'ee haadha warraafi ijoollee kiyyaa wayitan yaadu miira yaaddoo cimaa keessan gala.
Itti dabaluunis, ''anaaf dhumateera kana caalaa turuu hindanda'u jedhanii maatii ofiitti himuun baay'ee baay'ee ulfaataadha,'' jechuun kan dubbatu Gaareez, abbaa warraa Daani'eellaafi abbaa ijoollee dhiiraa ganna 10 fi 13ti.
Rakkoon akkanaa yeroo hedduu kan inni maddu, miseensi maatiicha qaama arjoomuuf murteessusaanii utuu hinhimin wayita hafaniidha kan jedhan, hoogganaa Tajaajila fayyaa Biyyooleessa damee Dhiigaafi qaamaa Dabarsanii-dhaabuu (transplant) kan ta'an Antoonii Klaarson.
''Maatiin firoottan isaanii qaama arjoomuu isaanii akka hinbeekne nutti himu, kun ofeeggannoof jecha dogoggorsaan hinjiru nuun jedhu.
''Yeroo hedduu miseensi maatiisaanii erga baay'ee dhukkubsatanii boodaafi erga yeroon darbee booda dubbachuu jalqabu.''
Madda suuraa, NHS Blood and Transplant
Yeroo ammaatti UK qofa keessatti qaamni dabarfamee akka jijjiiramuuf (transplant) jecha namoonni 6,133 tarreefamuun darabee eeggachaa jiru. Kanneen keessa namoonni 411 kan qaama arjoomuuf utuu hinargatiin bara 2017 keessa lubuun isaanii darbeera.
Waggaa darbe keessa maatiiwwan qaama firootasaanii arjoomuuf waan hinbarbaanneef, hojiin lubbuu baraaruuf jecha qaama jijjiiran kan gara 3,000 ta'u utuu hingodhamin akka hafe lakkoofsi dhaabbata Tajaajila Fayyaa Biyyooleessa (NHS) irraa argame agarsiisa.
Namoonni hanga %80 ta'an qaama arjoomuu kan deggeran ta'us, akka qaama isaanii arjoomuu barbaadan kan maatii isaanitti himan garuu %33 qofa turan.