Boobii Waayin: 'Loltoonni qaamakoo tokkollee hin hambifne'

Madda suuraa, Bobi Wine
Boobii Waayinifi haati warraa isaa Baarbii Kaaygulaanyi yeroo Ameerikaa gahan suura kana maxxansaniiru.
Weellisaafi miseensi paarlaamaa Yugandaa Boobi Waayin, hidhaa yeroo turetti looltonni akka isa gidirsaniifi 'qaamakoo tokkollee hin hambisne' jechuun fuula Feesbuuki gubbaatti barreesseera.
Hagayyaa 13 to'annoo jala erga oolee booda turban darbe mirga wabiin gad lakkifameera.
Yeroo ammaa gidiraa narra gahe jedhuuf wal'aansa argachuuf Ameerikaatti argama.
Waraanni Yugaandaa himannaa kana "akka kosiiti" jechuun kuffisaniiru. Pireezidantiin biyyattii Museeveniis dhimma gidirsamuu isaa irratti gabaasa midiyaa 'oduu sobaa' jedhaniiru.
Wanti Obbo Museveeniifi qondaaltonni mootummaa dhimma gocha magaalaa Kaaba-lixaa Aruwaatti rawwatamee irratti dubbatan 'waan amansiisaa hin taane' waan ta'eef, gocha ta'e karaa isaa barreessuu akka barbaade Boobii Waayin dubbateera.
"Na reebanii, na dhaananii, kophee isaaniin na dhiitani. Qaamakoo tokko hin hambisne. Ijakoo, afaankoofi funyaankoorra na dhahani. Jilbaafi ciqileekoorra na rukutan. Namootni kun hamoota!"
Mi'a addaa addaan na rukutaa qaama saalaakoo gototanii, cinaankoo cimmiiqani… Koronyookoo sadafiin rukutuu eegalan. Dhibee natti dhaga'amaa tureef yemmuun iyyuu akkan sagalee uumuu dhaabuuf na ajajan. Wanta akka piinsaa wayiin gurrakoo harkisani" jechuun Feesbooki gubbatti barresse.