Ispeen gibira kafaluu dhabuun Joosee Morinihoo adabde

Joosee Mohriinoo
Ibsa waa'ee suuraa,

Jooseen adabaman

Leenjisaan Maanchistar Yuunaayitid, Joosee Morinihoon mootumaa Ispeen waliin hidhaa daangeffame waggaa tokkoo irratti walii galan.

Mohrinoon kaffaltii gibiraa kaffaluu qabu osoo hin kaffaliin tursiisera jedhamuun mootummaa Ispeeniin himatamee ture.

Kunis yeroo leenjisaa Riyaal Maadrid ture, bara 2011 fi 2012 galii beeksisa irraa argataa ture keessaa gibira Yuuroo miiliyoona 3.3 mootummaa Ispeeniif osoo hin kaffaliin tureera jedhamuuni.

Mohrinoon gibira isarraa eegamu hundaa akka kaffaleeru himaa turus amma murtoo xumuraa irra gahaniiru.

Akka seera Ispeenitti balleessaa jalqabaaf murtoon waggaa tokkoo yoo nama irratti darbe mana hidhaa seenuu hin qabu.

Haa tahu malee yeroo adabbii irratti darbe sana keessatti balleessaa biraa yoo hojjetee argame adabbiin jalqabaa sun irratti fudhatamuun mana hidhaa seenee xumurata.

Kanaaf Mohrinoon adabbii waggaa tokkoo irratti darbee fudhachuun dabalataan Paawondii Miiliyoona lama [€2m] kaffaluuf waliigaleera.

Leenjisaan kun balleessaa biraan waggaa kana keessa himatamee yoo itti murtaa'e garuu murtoo jalqaba irratti darbe dabalatee hidhamuu danda'a.

Bakka bu'oonni Mohrinoo turtii Ispeen keessaa bara 2010 -2013 gidduutti gibira Yuuroo Miiliyoona 26 ol kaffaluu himaniiru.

Manni Murtii Ispeen erga yeroo dhiyoon as Kiristaanoo Roonaaldoo dabalatee gibira burjaajjessaniiru jechuun himata banaa tureera.

Bara 2017 taphataan Baarseloonaa Liyonel Mesiin adabbii hidhaa ji'oota 21 isa irratti darbe gara maallaqaatti jijjiiruun guyyaatti Yuuroo 400 waliigalaan Yuuroo kuma 200 fi kuma 52 kaffaluunsaa ni yaadatama.