Nasraddiin Aliyyii: "Haqa dhabeen waggoota 23 hidhame"

Nasraddiin Aliyyii
Ibsa waa'ee suuraa,

Nasraddiin Aliyyii ijoollee waggaa 16 ta'ee hidhame, ga'eessa wagga 39 ta'ee bahe.

Ijoollummaa isaa osoo burraaqee hin quufiin gara qabsoo hidhannootti seene. Nama ganna 16 osoo jiru qabsoo hidhannoo keessatti qabamee mana hidhaa gale.

Garii umurii ijoollummaafi kan dardarummaa guutuu mana hidhaa keessatti fixee waggoota 23 booda ga'eessa ganna 39 tahee mana hidhaatii bahe.

Nasraddiin Aliyyii Mohaammad jedhama. Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti dhalate.

Bara 1987 waraana IFLO Jaarraa Abbaa Gadaan hogganamu keessa osoo jiru ture kan harka mootummaatti kufe.

"Yeroos umuriin koo waggaa 16 ture" jedha.

Jaalleewwan qabsoo isaa namoota 13 waliin kan qabame Nasraddiin Aliyyii, "osoo namaafi ifa aduu hin argiin waggaa tokkoofi ji'a jahaa oliif mana hidhaa waraanaa magaalaa Harar keessatti lafa jalatti hidhamne" jedha.

Haga kana mara kutaan itti hidhaman nama hunda ciibsuu waan hin geenyeef gariin yoo rafan gariin dhaabataa dabareen rafaa akka turan BBC'tti himeera.

"Waggaa tokkoofi ji'a jaha booda gargaarsa Fannoo diimaatiin gara mana hidha godina Harargee bahaatti geeffamne" jedha.

Manni hidhaa Godinichaa hidhamtoota garii yoo gadi dhiisu, Nasraddiin Aliyyii poolisii Naannoo Harariitti dabarsee kenne.

"Poolisiin naannoo Hararii himannaa siyaasaa ittiin qabame dhiisee yakka ajjeechaa nama dhuunfa ani quba hin qabneen na himate."

Kuni kan ta'e erga to'annoo jala oolee waggaa sadi booda.

Murtoo du'aa

"Abbaan alangaa yeroo himata narratti dhiyeessu bara 1990. Ergan qabamee waggaa sadi booda jechuudha."

"Yeroo yakki sun raawwatame jedhan umurii koo waggaa 16 yeroon turetti ilaalamuu osoo qabu seera cabsanii umurii ganna 19'n na himatani."

"Manni murtiis loogii narratti raawwachuun fannifamee akkan ajjeefamu natti murteesse" jedha.

Nasraddiin Aliyyii

Madda suuraa, Empics

Ibsa waa'ee suuraa,

Waggoota 23 wayita bahuu maatii keessaa kan lubbuun jiru harmee isaa qofa.

Manni murtii naannoo Hararii murtii du'aa yoo itti murteessu ragaa yakka ittiin himatame irraa faccisu akka dhiyeeffatuuf carraa akka hin kennineefis himeera.

Abukaatoon dhaabateefi tures doorsisi adda addaa irra gahaa waan tureef "haqakoo naaf falmuu hin dandeenye,'' jedha.

Kuni ta'ullee Nasraddiin Abdii hin muranne, gara mana murtii waliigalaa Naannoo Harariitti ol iyyate.

Beellama 21

"Ol iyyannoo yoon dhiyeefadhu, abukaatoo naaf dhaabuu didanii ofuma koon deddeebi'ee falmaa ture."

"Beellama 21 waggaa lamaaf ergan deddeebi'ee booda faallaa seeraa haala ta'ee manni murtii iyyannoo kiyya narraa cufe" jedha.

Sana booda gara mana murtii ijibbaataa Federaalaatti ol iyyatus, ol iyyannoon isaa achi buutee miila bakar waaree taate.

Waggoota mana hidhaa ture mara waa'ee ol iyyannoo isaa yoo gaafatu deebiin, manni murtii federaalaa murtii sitti cimseera kan jedhu akka ta'e hima.

Yuunivarsiitii Haramayaa muummee seeraa irraa gareen tajajila seeraa bilisaan kennu ol iyyannoo Nasraddiin barbaacha gara mana murtii Federaalaa deemus, maqaan isaas ta'e galmeen isaa hin argamne.

Yuunivarsitii Haramayaa irraa namni dhimma kana hordofuu eegales waan doorsifameef lubbuu isaaf jecha itti fufuu hin dandeenye.

Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa dabalatee qaamolee mootummaa gara garaatti iyyatus fala dhabee waggoota 23'f mana hidhaa turuuf dirqame.

Turtii kana keessattis dararaan adda addaa irra gaheera.

"Cilaattii natti ulaa turan"

"Guraandhala 22 bara 1993 du'aan akkan adabamu erga natti murtaa'ee booda, waggaa sadiif cancala guddaa humnaa oliin miila na hidhanii na tursiisan."

Yeroo murtaa'eef harki isaas sibiilaan hidhamee akka ture dubbata.

"Nyaata gahaa na dhoowwatanii. Hargansuu kiyyarra akka miidhaan gahu cilaatti natti ulaa turani" jechuun waan irra gahe hima.

Kanaanis rakkoon fayyaa hamaa irra gahuufi hanga ammaa yaala hin argatiin jiraachu dubbata.

Waggoota 23 booda mootummaan dhiifama godheefi yoo bahu maatii isaa keessaa kan lubbuun jiru harmee isaa qofa akka ta'es himeera.