Naayijeeriyaan dhaabbata telekoomii MTN Dolaara bn2 adabde

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaan dhaabbata networkii moobaayilaa dhiheessu, MTN'tti garaa jabaatte. Gibira doolaara biiliyoona 2 kaffali jetteen.
Kunis Birrii Itoophiyaan gara biilyoona 55 ol taha.
Dhaabbatichis callisee hin ilaalle. Gatiin kun natti baayyata jedhe. Hojiilee waggoota 10 darban keessatti hojjatamaniin kan walqabatu waan taheef, doolaara miiliyoona 700'n kaffala jedhe.
Waldhabdeen gibiraa kun waldhabdeewwan MTN fi Naayijeeriyaa gidduutti waldhabdeewwan uumaman hedduu keessaa isa dhihoo knaati.
ALA 2016 keessa mootummaa Naayijheeriyaaf sababa SIM kaardiwwan hin galmeeffamne addaan kutuu dhabuu isaaniitiif doolaara biiliyoona 1.7 kaffaluuf waliigalanii turan.
Torban darbe, Baankiin Giddugaleessaa Naayijeeriyaa, kaampaaniin kun $bn8 seeraan alaatiin baaseera jedhe akka deebisuuf ajaja dabarsee ture.
Dhaabbanni teeleekomii Afrikaatti guddicha tahe MTN, mootummaan murtee kanarra kan gahe qorannoo abbaan alangaa biyyattii gaggeeseen akka tahe ibseera. Qorannoon kunis ''meeshaalee biyya alaatii galchuu fi kaffaltii dhiheessitoota biyya alaaf waggoota kurnan dabraniif taasifame,'' kan jedhudha.
Dabalataanis, ''MTN Naayijeeriyaan kaffaltii gibiraa irraa eegamu hunda kaffaluusaa amana,'' jedheera.
Gatiin aksiyoona dhaabbatichaas sababuma kanaan daran gadi bu'eera.